Nama eega waraanni goolabamee booda waggaa 30 kophaa isaa qabsoo irra ture

 Hiroo Onodaa jedheama. Lammii Jaappaaniiti. Bara 1922 dhalate. Waggaa 20 booda bara 1942tti waraana Jaappaaniitti makame. Hiroon ergama waraanaa addaatiif Komaandoo leenjifame. Kutaan Komaandoo “Futaamaataa” jedhamuun beekkamu leenjii waraanaa qofa osoo hin taane, baruumsa idileetis ni barsiifama. Ergama basaasummaatiifis leenjii addaatu kennamaaf. Leenjii isaa waggaa lamaa eega xumureen booda bara 1944tti isaa fi waahillan isaa waraana addunyaa lammaffaa Jaappaan godhaa jirtuuf, gara Biyya Filippiin eddoola Lubaang jedhamtuu ergaman. Miseensi waraanaa ergame kun dirqama tokkotu itti kenname. Osoo wanti feetes galtee akka harka hin kennanneefi, wareegamaaf qofa akka qabsaayan ajajaman.  

Gama biraatiin Birgeediin waraana Ameerikaa tokko ammoo Ji’a Gurraandhalaa bara 1945 eddoola tanarra qubate. Kana hordofuun Ameerikaa fi Jaappaan jiddutti waraanni jabaan eegalame. Waraanni hammaataa dhufe. Jaappaan waraana kanaan caalamnaan hoogganaan waraana sanii Meejar Yoshimii Taaniguchii murtee takka dabarse. Isaa fi Miseensonni waraanaa Muraasni gara Jaappaan deebi’uun humna dabalataa qabatanii dhufuuf karoorfatan. Haa tahu malee haga deebi’anitti ammoo namni muraasni achuma Filippiin keessa turuun waraana Ameerikaa hirriba dhoorkuu akka qabu murteessan. Haala kanaan Hiroo Onodaa fi waahillan isaa 3 Achuma Filippiin keessa turuun Ameerikaa waliin akka kokkee wal qaban ajaje. Harka kennachuu akka hin qabnes itti dhaame. Ajajaan Hiroo kunis yoo jabaate waggaa 5 keessatti deebi’ee dhufuun akka isaan fuudhu waadaa seenee gara jaappaan deebi’e. Hiroo fi waahellan isaa waraana isaanii ittuma fufan. Nama afuriin bosona keessa maandheeffataanii waraana Ameerikaa fi Poolisii Filippiin irratti haleellaa raawwatan.

Osoma haala kana keessa jiran Ji’a Onkololeessaa bara 1945 Jaappaan waraana addunyaa lammataatiin moohamuu isii amante. Moohamuu isiitis fudhattee harka kennatte. Harka kennachuu qofaan hin dhaabne, Hiroo Onodaa fi hiriyyoota isaa sadih kan bosona Filippiin keessa jiran gara biyyaa deebisuudhaaf flyer ykn dhaamsa waraqaa irratti barreeffame bosona keessatti xayyaaraan harcaafte. Hiroo fi Hiriyyoonni isaa xalayaa kana arganii turan. Haa tahu malee olola waraanni Ameerikaa harka isaan kennachiisuuf raawwate jedheanii waan amananiif waraana isaanii ittuma fufan. Jaappaan ammoo lubbuun osoo jiraatanii dhaamsa san arganii ni deebi’u. Kanaafuu eega hanga ammaatti hin deebi’inii jarri dhumanii jiran jettee dhiistee deebite.

Hiroo fi Hiriyyoonni isaatis qabeenya warra Filippiinoo saamaa Poolisii isaanitti dhufu ofirraa qolataa turan. Qawwee qaban qulqulleeffataa, dhukkubaa fi rakkoo bosona keessaa dandamataa, nama diina jedhanii shakkan ajjeessaa, ajaja hogganaa isaaniitiif bitamaa turuu dandayaniiru. Haa tahu malee haalli kun turuu hin dandeenye. Waggaa 5 booda waraana godhameen hiriyyaan Hiroo Onodaa tokko harka kennatee, tokko ammoo ni ajjeefame. Amma nama lama qofatu hafe. Hiroo Onodaa fi Hiriyyaan isaa ajaja hoogganaa isaanii kan gaafa duraa itti himame raawwachaa jireenya bosona keessaa itti fufan. Hiriyyaan isaa kan sadaffaatis bara 1972 walitti bu’iinsi Filippiinota naannoo bosonaa jiraatan waliin godhameen rasaasaan dhahamee ajjeefame. Amma Onodaan kophaa isaa bosona keessatti hafe.

Related Posts

Hagfish

Jellyfish

Osoma haala kanaan jiru Bara 1974 lammiin jaappaan biyyoota garagaraa keessa deddeemuun waa funaanu (Adventurer) Nooriyoo Suzukii jedhamu, gara eddoola Lubang dhaquun waa’ee Onodaa qoratuu murteesse. Akkuma dhaqeen heddu osoo hin turin milkaayee Onodaan wal arguu dandaye. Beenu gara biyyaa deebinaa, waraanni goolabameera, Jaappaan moohamtee jirti jedheee Onodaa amansiisuu yaale. Garuu Onodaan hin fudhanne, ni dide. Inumaa seyfii itti luqqifate. Haga hoogganaan na ajaje dhufee gali naan jedhutti hin galu jedheee dide. Suzukiin yeroo wal argan sanitti suuraa Hiroo Onoodaa waliin ka’ee ture. Suuraa kana qabatee gara Jaappaan deebi’uun mootummaa biyyattiitii kenne. Mootummaanis hoogganaa Onodaa kan ture Meejar Yoshimii Taaniguchii barbaachatti seene. Namni kun yeroo Onodaan argamu kanatti waraana keessaa soorama baafamee mana kitaaba banatee saniin jiraata. Mootummaanis namni kun gara Filippiin deemee Onodaa akka fidu ajaje. Namichis dhaqee Waraanni goolabamuu isaa ibseefii, dirqama itti kenname guutumaan guututti waan raawwateef akka gara biyyaa deebi’u ajaje. Onodaanis akkuma eegaa turetti ajaja hogganaa isaa fudhatee gara biyyaa deebi’e.

Onodaan ajjeechaa fi yakka garagaraa Filippiin keessatti raawwataa tureef himatamee ture. Haa tahu malee Onodaan saamichaaf osoo hin taane, waraana keessa jira itti fakkaatee waan raawwateef Prezidaantiin biyyatti dhiifama isaaf godhee gara biyyaa akka deebi’u hayyame. Onodaanis wayta deebi’u Seeyfii mootummaan itti kenne, kilaashii rasaasa 500tti dhihaatu waliin, akkasumas cuubee yoo qabame ittiin of ajjeesuuf qopheeffatee, boombii Muraasa waliin mootummaa Jaappaaniif deebise. Gaafa deebi’u ummanni biyyattii fi mootummaan simannaa ajaa’ibaa isaa godhe. Mootummaan Jaappaanis waraanni dhugaan goolabamuu guyyaa san labse. Walumaa galatti bara 1944 irraa kaasee haga bara 1974tti waggaa 30f Hiroo Onodaa waraana keessa ture. Boodarra haakima geessanii fayyaa isaa qoratan. Qorannoo kanaanis qaamni isaa fayyaa guutuu akka qabu mirkanaaye. Sammuun isaatis nagaya. Hiroo Onodaa Bara 2014tti dhalatee waggaa 91ffaa isaatti dhukkuba onneetiin du’ee addunyaa tanarraa godaane.

Qophii: Abu Ibtisam

Comments
Loading...