header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Manguddoon wagga 99 jaartii isaa tan wagga 77 guutuu waliin jiraate hiike

Wanti namni hundi hawwu bultii ijaarachuudha yoo jenne soba hin ta’u. haa ta’u malee akkuma bultii ijaarachuun jiru bultii diiguunis waanuma beekkamaadha. Bultii ijaaruun aarsaa guddaa gaafata. Akkasuma bultii diiguunis waan salphaa miti. Mallaqa dhabuu irraa kaasee haga ilmaan facaasuutiin nama gaha. Kasaaraa qabeenyaa fi ilmaaniitiin cinatti, fayyaas nama dhabsiisuu danda’a. waa’ee bultii diiguu ykn hiikkaatiin walqabtee qabxiilee ajaa’ibaa asii gadii dubbisaa.

 

Ameerikaa keessatti dubartiin gaa’ela diiguudhaan mallaqa guddaa Argatte Mackenzie Scott jedhamti

Maqaa isii kan gaa’ela keessa ittiin turte Mackenzie Bezos jedhamti. Haadha warraa dureessa Addunyaa fi Abbaa Qabeenyaa Amaazon kan ta’e Jeff Bezosiiti. Jarri kun lameen wagga 25 oliif gaa’ela ijaarratanii waliin jiraataa turan. Haa ta’u malee bara 2019 ji’a April keessa Mackenzie Bezos gaa’ela kana hiiktee jaarsaan adda bahuu murteessite. Yeroo sanittis qabeenya Jeff Bezos keessaa dhibbentaa 25 akka argattu godhame. Haala kanaan doolaara biiliyana 36tu isiif murteeffame. Tahus garuu Maakeenziin qabeenya qooda Amaazon keessaa qabdu hin fudhanne.  Mallaqa isii achumatti dhiistee akka dalagaa itti fufu goote.  Sababa kanaaf ammas mallaqni isii oluma guddachutti jira. Bara 2021 qabeenyi isii dachaan dabalee biiliyana 61.4 ta’eera.

 

Manguddoon wagga 99 jaartii isaa tan wagga 77 guutuu waliin jiraate hiike

Lammiilee Itaalii kan ta’an Antoniyoo C. fi Roozaa C. jedhaman. wagga 77f gaa’elaan waliin turan. Gaa’ela kana keessatti ijoollee 5 argatanii, ilmaan isaanii shananis ilmaan heddu horaniiru. Manguddoonni lameen Abaabilees ta’anii jiru. Manguddoonni lameen Waggaa 77 guutuu eega wajji jiraatanii booda, guyyaa tokko Antoniyoon osoo komadiinoo keessa waa barbaadu xalayaa bara 1940moota keessa barreeffame tokko arge. Xalayaan kun haadha warraa isaatiin barreeffame. Yeroo sanitti ammoo haati warraa isaa nama biraa wajji jaalala keessa turte. Kana kan hubate Antoniyoon haadha warraa isaa waamee gaafate. Isiinis amantee waan jiru cufa itti himte. Achi booda antooniyoon, kana caala si waliin hin jiraadhu, siin adda bahuu fedha jechuun mana murtiitti himate. Jaartiin isaa manguddoon amata 96 boottee kadhattus, Antoniyoon garuu murtii isaa irratti cichee if booda deebi’uu dide. Akkasitti manguddoonni waggaa 100tti dhihaatan bultii diiganii addaan yaa’an.

Albart Enstaayin mallaqa badhaasa Noobeelii Nagayaa badhaafamee argate hunda jaartii isaa ta duraatiif kenne.

Saayintistiin beekkamaan Albart Enstaayin dubartii Mileva Maric jedhamtu wajji bultii ijaaree ijoollee 2 irraa argatee ture. Haa ta’u malee bultiin isaanii tan nagayaa hin turre. Yeroo hunda jeequmsa hammaatti. Sababa kanaaf bara 1919tti adda bahu murteessan. Ta’us yeroo kanatti Enstaayin mallaqa haadha warraa isaatii kennu hin qabu ture. Kanaafuu mallaqa siif kenna jedhee waadaa seeneef. Bara 1922tti yeroo badhaasa noobeelii nagayaa badhaafamu, mallaqa yeroo sanii kan Iswiidin 121,572 argate. Mallaqa isaa kanas walii galtee gaafa gaa’ela diigu seenerratti hundaa’ee hunda isaa haadha warraa isaa tan duraatiif kenne.

 

Namoonni gaa’ela dura karaa haraamaatiin wajji jiraachaa turan daddafanii akka wal hiikan qorannoon tokko ifoomse.

Qorannoon Ameerikaa keessatti godhame tokko akka mul’isutti, Ameerikaa keessatti wal hiikuun haalaan akka laaftutti laallama. Gaa’elli tokko Avreejiidhaan wagga 8 caala hin turu. Dhimmi mallaqaa fi qabeenyaa ammoo sababaa ijoo walhiikuu akka ta’e himama. Qorannoon kun qabxii ajaa’ibaa tokkos lafa kaayeera. Namoota gaa’ela isaanii hiikan keessaa parsantii 53 kan ta’an, warra gaa’ela dura jaalalaa fi jireenya haraama keessa turaniidha. Warri kun gaa’ela dura wagga dheeraaf eega waliin jiraatanii booda, eega gaa’ela raawwatanii wagga 5 waliin turuu hin dandayan. Waggootuma muraasa keessatti wal hiraarsanii addaan yaa’an.

 

Ameerikaa Isteetota 6 keessatti nama bultii namaa diige himachuun ni danda’ama.

Hawaii, Mississippi, New Mexico, North Carolina, South Dakota fi Utah keessatti. Dhiirri tokko nama jaartii jalaa sokkisiise himachuu mirga qaba. Akkasuma dubartiinis intala jaarsa isii jalaa fudhatte himachuu mirga qabdi.  Seerri kun Isteetota hedduu keessatti haqamus, ammas bakka tokko tokkotti dalagaarra oolutti jira. Biyyoota lixaa keessatti jette jettee odeessanii jaartii nama jalaa baafachuun ykn jaarsa wal jalaa fudhachuun waan baramaadha. Hiikkaa gaa’ela tokkootiif namoonni akkanaa kunniin sababaa yoo ta’an, namni gaa’ela keessaa ari’ame sun nama sadaffaa alaa dhufe kana himachuu mirga qaba. Himachuu qofa osoo hin taane, badiin yoo irratti argame mallaqa kafalchiifachuu ni dandaya.  Fakkeenyaaf bara 2019tti North Carolina keessatti namni jaartiin isaa jalaa sokkite, nama jalaa baafate himatee doolaara Ameerikaa 750,000 irraa fudhateera.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button