Wiizil
Uumamni barruu tana keessatti laallu Wiizil jedhama. Wiizil bineensa xiqqaadha. Bineensi kun hoosiftoota foon sooratan keessatti ramadama. Ardii Awustraaliyaa fi eddoola bishaanii naannoo Awustraaliyaa kanatti argamaniin ala bakka hundattuu ni argama. Naannoo qilleensa jiddu galeessaa qofa osoo hin taane, bakka qilleensi akkaan qabbanaawaan jiruttis jiraachuu ni danda’a. Sanyiileen uumama kanaa heddutu jira. Garaagarummaan sanyiilee kanaatis, guddina qaamaa, bifaa fi amala isaanii irratti hundaa’a. Bineensi kun akkaan xiqqaa ta’us, waa ajjeesee nyaatuu irratti humna jabaa qaba. Uumamni xiqqaan kun bineensota guddina qaamaatiin isa caala cufayyuu adamsee sooratuu danda’a.
Wiizil mormaa fi mataa qal’aa qaba. Miilli isaa gabaabaa yoo ta’u, Lafeen duydaa akka fedhii isaatti ajajamaaf. Bineensa adamse san akka barbaadetti rakkoodhaan malee ilkaan isaa takka itti dire osoo irraa hin buqqisin qaama isaa sosochoosuun ajjeesuu danda’a. Mataan isaa boca rogsadee fakkaatu qaba. Qoffeen isaa humna jabaa qaba. Gurra xiqqoo geengoo fakkaattu qaba. Halluun mataa, duyda, miilaafii eegee gurraacha ykn ammoo Magaala yoo ta’u, garaa isaa jalaa ammoo halluu adii qaba. Haala qilleensaa irratti hundaa’uun rifeensa gogaa isaa irra jiru ni jijijjiira. Yeroo qabbanaatti rifeensa tuucha’aa biqilcha. Yeroo oowwi dhufutti ammoo rifeensa ofiirraa harcaasee haphisa. Kun hundi qananii Rabbiin isa qananiise.
Bineensi tuqaa fakkaatu kun naannoo mukni baay’atu, Bosona Konifarasii fi bakka margi itti baay’atu filata. Baay’inaanis Ardiilee Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa, Eeshiyaa fi Kaabaa Afrikaa keessa qubata. Ardiilee akka Niiwziilaand irra akka jiraatuuf namootaan garas geeffamus, haala qilleensaa wajjiin walsimuuf rakkatee jira. Akkasumas bineensonni biraa kan isatti diinoman waan jiraniif jiruun dachii sanii itti ulfaatee jira. Uumamani kun darbe darbee magaalaalee keessattis ni argama. Sababani kanaa ammoo Manca’iinsa bosonaa akka ta’e dubbatama. Sababa manca’iinsa bosonaatiin bineensonni heddu godaanaa waan jiraniif, bineensi kunis sababaa kanaan soorata barbaacha gara magaalaa baqataa jira.
Wiiziloonni wal hin jaalatan. Umrii isaanii kophaa kophaa jiraatu. Yeroon isaan walitti dhufan yeroo wal hormaataa qofa. Yeroo kanattis dhiiraa fi dhalaa takka qofa walbiratti argina malee carraan saala walfakkaataa wal biratti arguudhaa hin jiru. Eega walqunnamtii walhormaataa raawwataniin booda battalumatti walbiraa dheessu. Rimeeyni Wiizil torbaan shaniif tura. Wiizil yeroo takkatti haga ilmoolee 7 dhaluu dandeetti. Ilmooleen Wiizil saffisaan guddatan. Gaafa umriin isaanii waggaa lama guutu, Mucha haadhaa gu’uudhaan, jireenya kophaa ofii jalqabu. Soorata isaaniitis gaafa ji’a lama guutan adamsuu jalqabu.
Wiizil guutumaan guututti foon soorata. Adamoo irrattis akkaan cimaa dha. Yeroo adamsu kana bineensota karaa irra jiran qofa hin sooratu. Boolla bineensota sanniiinii seeneetis ni adamsa. Waan adamsuu barbaade san qabatu malee biraa deebi’uun isaaf hin ta’u. Tarii yoo dheessee jalaa baheef milkaaye, yoo hin taanee garuu, boolla inni seene seenee baasa. Hedduminaan wantoota akka Hantuutaa, hilleensaa fi darbee darbes shimbirroota ni soorata. Yeroo garii hanqaaquus kan sooratu yoo ta’u, bineensa guddinaan isa caalu kan akka hilleensaa adamsuu fi ajjeesuun itti hin ulfaatu. Guyyaa tokkotti Wiizil foon ulfaatina qaama isaa 1/3 ta’u nyaata. Saffisaa jabaa fi mala gaarii diina ittiin adamsu qabaatus, Wiizil bineensota birootin adamsamuu jalaa bahuu hin dandeenye. Qaamni isaa akkaan xiqqaa waan ta’eef diinni isaa bosona qofa keessa osoo hin taane, samii gubbaayis itti heddummaatee jira. Diinni isaa inni duraa Risaa dha. Itti aansuun Culullee fi Urunguunis warra Wiiziliin adamsu keessa jiru. Kanniin naannoo ilmi namaa jiru qubatan ammoo, Adurree fi Sareedhaan sooratamu. Dabalataan qabeenya ilma namaa kan akka handaaqqoo fi hanqaaquu waan sooratuuf jecha, ilmi namaatis bakka argetti ni ajjeessa. Wiizil bosona yookaan ammoo marga hin sooratu. Haa ta’u malee sababa ciramuu bosonaatiin bineensonni biraa waan baqataniif, innis soorata ofii barbaacha waliin baqata.
Qabxiilee ijoo uumama kanaa:
Wiizil uumama xiqqaa ta’us bineensota guddinaan isa caalan kan akka Hilleensaa qabee ajjeesuu danda’a.
Wiizil guyyaa tokkotti haga silaa nyaachuu qabuu ol ajjeesa, kan hafe ol kaayata.
Uumamni kun kophaa kophaa jiraata, Yeroo wal hormaataa qofa walitti dhufa
Soorata yoo adamsuu barbaade, boolla bineensa adamsamuu keessas ni seena.
Qophii Abu Ibtisam