Roophiin bineensa bishaan keessa galu keessaa isa tokko. Akkasumas sa’aa gabaabaf lafarra turuu danda’a. bineensi kun ardii Afriikaa keessatti argama. Roophiin qaama guddaa barmeela bishaanii fakkaatu qaba. Qaamni isaa kun hanga metira shanii lafarra dheerata. Ulfaatinni isaatis toonii afur ykn Kiloo giraama 5000 caala. Kana jechuun qamadii kuntaala 50 caalaa ulfaata jechu. Harkaa fi miilli isaa akkaan gaggabaabaa dha. Bay’inaan bishaan keessa gala. Akkasumas jireenya isaa lafa irraatiifis qaama mijaawaa qaba. Miila irraa quba afur qaba. Qubni kun jireenya lafa irraatiif akka haala gaariin deemu isa taasisa. Gama biraatiin ijji, gurraa fi Funyaan isaa mataa isaa gama gubbaatiin argama. Kunis hanga fedhe bishaan keessa osoo fagaatee seenee, waan bishaaniin ala jiru dhageeffachuu, laaluu fi fuunfachuu danda’a jechuudha.
Roophiin yeroo ammaa Afriikaa keessa jiraata. Jireenya isaatiifis naannoo bishaanii kan margaan marfame barbaada. Yeroo heddu bishaan keessa waan galuuf marga ammoo halkan dheeda. Bishaan inni keessa jiraatus bal’aa fi yeroo yaa’us tasgabbaahaa ta’uu qaba. Guyyatti sa’aatii 18 bishaan keessatti dabarsa. Roophiin bineensa guddaa fi sodaatamaa ardii Afriikaa keessa jiraatu keessaa isa tokko. Bineensi kun gareedhaan jiraata. Gareen tokkos miseensa 10 hanga 20 of keessaa qaba. Gareen kun dhiiraan hoogganama. Miseensonni hafan ammoo dhalaa fi ilmoolee isaaniiti. Hoogganaan kun dhiirri biraa gara garee kanaa akka seenu kan heeyyamu ta’us dhalaa miseensa kana keessa jiran wajji garuu walqunnamtii saalaa raawwatuu itti hin dhiisu.
Aangoon walqunnamtii walhormaataa raawwatuu hoogganaa kanaaf qofa kenname. Kana booda Roophiin takka erga rimaya qabatteen booda rimeeyni ji’a saddeetiif tura. Ji’a saddeetiin booda ilmoo takka qofa dhalti.. Ilmoon haarawa dhalate tunis ji’oota 18 keessatti harma guuti. garuu hanga umriin isii saddeet guututti haadhuma wajji turti.
Roophiin ilkaan dheeraa fi jabaataa qabaatus Marga naannoo bishaanitti margu soorata. Halkan yeroo bishaan keessaa bahu marga argachuudhaaf hanga km shanii socho’ee marga dheeda. Roophiin qaama guddaa fi furdaa qabaatus guyyatti soorata hanga kg 40 qofa soorata. Bineensota gurguuddoo biraatiin walbira yoo qabamu hangi kun xiqqaa dha. Yeroo isaa baay’inaan bishaan keessatti waan dabarsuuf anniisaa heddu hin fayyadamu. Sababa kanaaf sooratni inni sooratu sa’aa dheeraaf garaa isaa keessa turuu danda’a.
Roophiin diina hedduus hin qabu. Sababaan immoo qaamni isaa hedduu furdaadha. Gogaan isaa akka salphatti ilkaan bineensota birootiin hin ciniinamu. Qaama furdaa yeroo hunda bishaaniin jiidhaa oolu waan ta’eef ilkaan bineensota birootiif mijaawaa miti. Garuu bineensonni akka Leencaa, waraabessaa fi Naachaa ilmoolee xixiqqoo akkasumas kan dhukkubsatan adamsanii sooratu. Gama biraatin sababa manca’iinsa bosonaa fi hanqina roobaa irraa kan ka’es lakkoofsi isaanii gad bu’aa akka jiru qorannoon ni addeessa. Ilmi namaatis ilkaan isaatiif jecha adamsee ajjeesa. Keessattuu biyyoonni hedduun daldalli ilkaan Arbaa erga seeraan dhoorkame irraa kaasee gabaan jiru gara daldala ilkaan Roophiitti jijjiiramee jira.
Qaamni Roophiidhaa akkaan guddaa dha. Mataan isaa ammoo ulfaatina qaama isaa 1/3 ta’a. Afaan isaa akkaan bal’aa dha. Afaan isaa kanas digrii 150 adda banuu danda’a. gogaan isaa dafqa hin baasu.
Qabxiilee muraasa Roophii
“¢ Addunyaa irraa sanyiin Rophii lamatu jira. Common Hippoo fi Pygmy hippo jedhaman. Roophiin Common jedhamu dheerinnaan isa Pygmii jedhamu dachaadhaan caala.
“¢ Yeroo isaa baay’inaan bishaan keessatti dabarsa
“¢ Bishaan keessa seene waan bishaaniin ala jiru dhagahuu, fuunfachuu fi ilaaluu ni danda’a
“¢ Gogaan isaa dafqa hin baasu garuu dhangala’aa zayita fakkaatu of keessaa baasa. Kunis hoo’a aduu ofirraa eeguuf tajaajila.
“¢ Qaamni isaa akkaan guddaas ta’u ilma namaa caala saffisaan fiiguu danda’a. sa’aa takka keessattis km 30 fiiguu danda’a
“¢ Ilkaan isaa guddaan haga xumuraa guddina hin dhaabu. Adaduma umriin isaa dabalaa deemuun, ilkaan guddaan kunis guddataa deema.