Hammeenya maqaa qorannootiin ilma namaa irratti raawwatame
Bara 1920moota keessa dhukkubni tokko biyya Ameerikaa keessatti babal’atee ture. Dhukkubni kun fanxoodha. Fanxoon, dhukkuba karaa wal qunnamtii saalaatiin daddabruudha. Dhukkuba qaama namaa mammadeessuun rakkoo jabduuf nama saaxiluudha. Dhukkubni kun zamana dheeraaf kan ture yoo tahu, ummanni gariin diina isaanii ittiin arrabsuuf fayyadamu. Fakkeenyaaf warri Jaappaan, dhukkuba Chaayinaa jedhanii waamu. Warri Jarman ammoo dhukkuba Poland jedhanii waaman. Walumaa galatti dhukkuba ittiin wal arrabsuuf itti fayyadamaniidha.
Ameerikanis biyyoota dhukkuba kanaan miidhaman keessaa takka turte. Kanaafuu dhukkuba kana dhaabamsiisuuf qorannoo godhanii dawaa oomishachuun barbaachisaa ture. Mootummaanis Kutaa Alaabaamaa Magaalaa Taskiigii (Tuskegee) keessa namoota jiraatan jidduu ummata gurraacha filee dawaa kennuuf karoorfate. Dhiira 622 filanii yeroo garagaraatti saampila dhiigaa irraa fuudhaa, dawaas isaanii kennaa turan jedhama.
Qorattoonni dhibee kana qoratan, dhukkubni kun hawaasa keessa tamsa’aa akka jiru ni beeku. Dawaan Peniciliinii jedhamu yeroo san dhukkuba kana yaaluuf hamma tokko tajaajilaa ture. Haa tahu malee Tajaajilli wal’aansa Fayyaa Ameerikaa yaada biraa qaba. Sunis namoota hidda dhalootaatiin Afrikaa tahan kanniin irratti qorannoo geggeessuudha. Qorannoon kun nama Dr Taliaferro Clark jedhamuun hoogganama. Kaayyoon qorannoo kanaa ammoo Fanxoon yoo dawaan kennamuufii dhabe, nama sanirraan dhiibbaa hagamii geessa? kan jedhuufi qorannoowwan garagaraa gochuudha. Qorannoon kun jalqaba irratti ji’oota saddeet qofaaf akka geggeeffamu yaadamee bara 1932 jalqabame. Kana jechuun ji’a saddeet booda dawaan warra dhukkubsateef ni kennama jechuudha. Haa tahu malee ji’a saddeetiin booda dhaabbileen qorannoo kanaaf deeggarsa mallaqaa godhan hedduun waan deeggarsa dhaabaniif, warri qorannoo geggeessaa jiru itti fufuu hin dandeenye. Kanaafuu kaayyoo qorannoo kanaa jijjiiruu murteessan.
Kaayyoon haarawa bocame ammoo guutumatti dawaa dhibee kanaa kennuu dhiisuudha. Namoota dhukkuba kanaan qabamaniif dawaa kijibaa kennaa jijjiirama isaanii ilaaluu yaadan. Kana jechuun namni sun haga du’utti dawaa takkallee akka hin arganne godhama. Hammeenyi warra qorannoo godhuutis yeroo kana jalqabe. Namoota dhukkuba kanaan qabamaniif dawaa sobaa kennaa, fayyaan keessan fooyya’aa jira jedhaa soban. Isaan garuu yeroo hunda dhiiga irraa waraaban irratti qorannoo geggeessaa mallaqaa fi beekkamtii argachuuf carraaqqan. Ummata dhukkuba kanaan qabame sobuuf ammoo mala tokko fayyadaman. Sunis talaalliin isaaniif godhamu kun tola ykn bilaashi jechaa itti himan. Yeroo sanitti ummata gurraacha Ameerikaatiif talaallii bilaashaa argachuu jechuun waan guddaadha. Namni heddu talaallii kijibaa fi kan tolaan kennamu kanaan sobamee, dhukkuba silaa irraa fayyuu dandayuun akka du’u taasifame.
Qorannoon kun waggoota Afurtamaaf geggeeffame. Waggoottan Afurtamman kanniin keessatti doktoroonni garagaraa jijijjiiramaniiru. dubartiin takka garuu waggaa Afurtamaa qorannoon godhame kana guutuu osoo hin jijjiiramin hirmaattee jirti. Maqaan isii Nurse Eunice Rivers jedhamti. Wanti nama ajaa’ibu dubartiin tun sanyii gurraachaa tahuu isiiti. Isiinis dawaan kennamaa jiru kan kijibaa akka tahe ni beekti. Haa tahu malee namoota talaallii fudhachuuf dhufanitti hin himtu. Gama biraatiin isiin gurraattii waan taateef, lammiileen Ameerikaa bifaan gurraacha tahan isii amanuudhaan dawaa kijibaa san fudhataa turan.
Qorannoon gara jabeenyaa fi talaalliin kijibaa kun waggoota 40f geggeefame. Bara 1972tti namni Piitar Bukstun jedhamu, kan dhaabbata tajaajila Fayyaa Ameerikaa keessa dalagu mormii dhageeysisuu jalqabe. Ajjeechaan gara jabeenyaa ummata gurraacha Ameerikaarratti raawwatamu haa dhaabbatu jechaa dhaabbata keessa dalagu morme. Namoota muraasa dhaabbaticha keessa dalagan qindeessuun qorannoon kun akka dhaabbatu carraaqus, hooggantoonni dhaabbatichaa dubbii isaa dhagahuu hin barbaanne. Waan inni jedhu dhiisanii gochaa gara jabeenyummaa isaanii itti fufan.
Adooleessa 25, bara 1972tti namni kun dhugaa jirtu Gaazexaa Washington Star jedhamutti himee, achi booda oduun tun faca’uu jalqabde. Guyyaa itti aanu New York timesillee oduu tana gabaase. Himannaan garagaraa dhaabbata tajaajila fayyaa hawaasummaa Ameerikaa irratti banamnaan, mootummaanis qorannoo kana cufuuf dirqame. Haa tahu malee warri qorannoo geggeesse badii fudhatuu dide. Waan balleessitaniif dhiifama gaafadhaa jedhamnaanis ni didan. Inumaa yeroo sanitti hoogganaa kan ture doktorri tokko, “Qorannoon kun osoo yeroon isaa hin gahin nu jalaa cufame. Yeroo dabalataa osoo nuu kennanii, bu’aa dabalataa gaarii argachuu dandeenya”jechuun dubbate. Dubbiin tanaan hin dhaabbanne. Dubartii gurraattii qorannoo kana keessatti hirmaattee warra gurraacha sobaa turte badhaasanii, deeggarsa nuuf gooteef galatoomi jedhaniin.
Eega oduun qorannoo kanaa baatee booda Mootummaan Ameerikaa Seera addaa baase. Qorannoon amma booda godhamu hundi ifatti namatti himamaa akka kennamu murteeffame. Namni qorannoon irratti geggeeffamaa jiru sun qorannoo keessa jiraachuu isaa beekuun dirqama godhame. Namoota 622 bara 1932 irraa kaasee waggoota 40f qorannoon irratti geggeeffamaa ture keessaa, bara 1997tti nama 5 qofatu lubbuun ture. Yeroo kanatti Prezdaantii biyyattii kan ture Bill Clinton maatii namoota kanaa masaraa Waayithaawusitti affeeruun dhiifama gaafate. Biyyi teknoolojiin dagaagdee guddatte tun, haala kanaan ilma namaa irratti qorannoo gaggeessaa turte.
Qophii Abu Ibtisam