header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Biqiltoonni maaliif ifaa aduutiin hin miidhamne?

Lubbu qabeeyyii dachii tanarra jiraniif biqiltootni haalaan barbaachisoodha. Dubbii tana haalaan hubachuudhaaf dura gaafii gaafatuu qabnutu jira. Ilma namaatiif wanti haalaan barbaachisaan maali? Gaafii tanaaf namuu Oksijiiniin, bishaanii fi Nyaatni waan ilmi namaa haalaan barbaaduu jedhee deebisa. Akkas taatu ‘kanniin hunda eessaa arganna?’ jennee gaafii lammataa gaafatuu qabna. Kanaaf deebisaan argannu ammoo biqiltoota kan jedhuudha. Biqiltoonni wantoota kanniin sadan walitti qabachuudhaan sadarkaa duraa irratti argamu. Waan Jireenya ilma namaatiif barbaachisu hunda walqixa of keessatti qabachuudhaan wanti akka biqiltoota magariisaa dachii tanarra hin jiru. Gama nyaataatiin qofa osoo hin tahin, madaala uumama dachii tanaa eeguu keessatti, haala qilleensaa tolchuu fi baqqaana qilleensaa toohachuu keessatti biqiltootni, keessattuu warri baala magariisa qaban adda dureedha. Walumaa galatti madaala hawaa tanaa walqixxeessuu keessatti faaydaan biqiltootaa laafaa miti. Barruu tanaan ajaa’iba biqiltoota keessatti argamurraa tokko ilaalla.

 

Akkuma nuti hundi beeknu jireenya lubbu-qabeeyyiitiif anniisaan haalaan barbaachisaadha. Anniisaan kun ammoo aduu Rabbi uumee hawaa keessa kaaye irraa argama. Ilmi namaatis tahee bineensonni biroo, ifaa aduu irraa argatan qajeelatti gara anniisaa jijjiiruu hin danda’an. Haalli uumama isaanii kanaaf mijjaawaa miti. Aduun itti hammaannaan bakka jalaa itti gaaddisa argatan barbaadu. Kanaafuu anniisaa silaa isaan barbaachisu haala barbaadamuun hin argatan. Biqiltoonni sirna addaa ifa aduu gara anniisaa ittiin jijjiiran qabu. Guyyaa guutuu aduu keessa oolanis wanti isaan miidhu hin jiru. Sirna addaa kan Rabbi isaanii uumetti fayyadamnii ifaa gara anniisaatti jijjiiru. Kanaafuu anniisaan ilmi namaa barbaadu karaa biqiltootaatiin ilma namaa dhaqqaba jechuudha. Wayta shaayii dhugnuu fi wayta daabboo murannuu, karaa biraatiin anniisaa aduu jireenya keenyaaf barbaachisu gara qaama keenyaa dabarsaa jirra. Biqiltoonni sirna aduu jireenya keenyaaf barbaachisu bifa addaatiin qaama isaanii keessatti nuuf kuusanii nuun gahu.

Biqiltoonni aduu fi soorata iddoo biraa irraa argatan fayyadamuun lubbuu isaanii tursiifatuun cinatti, waan argatan san bifa addaatiin jijjiiruunis qaama isaanii keessatti kuusu. Seeliin addaa Rabbi isaan badhaase, uumamalee biroo kanneen akka ilma namaatiifis faaydaa guddaa kennaa jira. Biqiltoonni Seelii kanatti fayyadamuun, anniisaa aduurraa argatan jijjiiruudhaan anniisaa ilmi namaa fi bineensonni biroo barbaadan qaama isaanii keesatti kuusu. Sirni anniisaa aduurraa argatan kana gara anniisaa bineensotaan barbaadamutti ittiin jijjiiran kun afaan saayinsiitiin ‘Fotosintesiis’ jedhama.

Warshaan xiqqaan uumamaa kan Fotosinteesis jedhamu kun baala biqiltootaa keessatti argama. Sirni geejjibaa bifa addaatiin tolfamee albuuda fi bishaan olii gad deddeebisu ammoo damee, jirmaa fi hidda keessatti argama. Sirni hundi walitti hidhataadha. Inni tokko keessaa miidhamnaan kan biraa seeraan dalagaa isaa raawwatuu hin danda’u. Mee fakkeenyaaf biqiltuun tokko sirna geejjibaa hin qabu haa jennu. Biqiltuun kun sirna fotosintesis raawwatuun itti ulfaata. Sababni isaa; ujummoon bishaan lafaa xuuxee fidu waan addaan citeef ifaa aduu argate gara anniisaa aduutti jijjiiruu hin danda’u. Biqiltuun kun baala isaa irratti soorata oomishuu danda’a. Haa tahu malee sirni geejjibaa waan addaan citee jiruuf soorata gara jirmaa fi hiddaa geessuun itti ulfaata. Kanaafuu biqiltoonni gariin osoo baala bareedaa fi gaarii qaban dhaabbachuu dadhabanii lafa dhahu. Eega lafa dhahanii booda baalli isaanii du’a.

Addunyaa tanarra gosa biqiltootaa kuma 500 oltu jira. Gosti hundi sanyiiwwan kumaatamaan laakkawaman qaba. Biqiltootnni hagana baay’atan kunniin hundi sirna mataa isaanii qabu. Hunduu kara isaaniif adda taheen sirna fotosintesis kana raawwatu. Sirni ajaa’ibaa Rabbiin isaanii kenname kun gad fageenyaan yoo qoranne, mu’jizaa fi guddina Rabbii keessatti arguu dandeenya. Sirni wal hormaataa, sirni ittisa qaamaa, bifti, dizaayiniin, guddinni fi haalli biqiltoota hagana baay’atanii kan hundaatuu garaagarummaa qaba. Wanti biqiltoota hunda wal fakkeeysu qaamota ijoo; baala, jirmaa fi hidda qabaatuudha. Wanti isaan raawwatanis wal fakkaata. Haa tahu malee karaan isaan ittiin raawwatan garaagarummaa qaba. Biyyee wal fakkaataa, bishaan wal fakkaataa, ifaa fii oowwa aduu wal fakkaataa argataa firii garagaraa ilma namaatii fi uumama biraatii kennu. SUBHAANALLAAH!

Saayinsiin ammayyaa sirna biqiltootaa kana “Irreducible complexity”ykn “walxaxa waa keessaa hir’achuun hin malle”jedhee waama. Biqiltoota keessaa qaamni barbaachisaa hin jedhamne hin jiru. Wanti tokko keessaa hir’annaan sirna fotosintesis raawwachuun itti ulfaata. Sirna kana warrummaan saayinsii deebi’ee waan ‘akka tasaa’ jedhee nu amansiisuu kajeela. Gaasiiwwan hawaa kana keessa jiran keessaa biqituun akka tasaa kaarbondaayoksaayidii fudhatee akka tasaa oksijiinii gad nuu baase jedhu. Albuuda lafa jala jiru keessaa bifa bishaaniitiin isa barbaachisaa tahe filatee akka tasaa gara baalaa dabarse nuun jedhan. Garuu warri saayinsii kun gaafii bu’uuraa takka osoo gaafanneetii deebisaa hin qaban. Fakkeenyaaf qamadii, xaafii fi garbuu ooyruu tokkotti osoo facaasnee; qamadiinis xaafiinis garbuunis akkuma duraa sanitti bifaa fi boca osoo hin jijjiirin lakkoofsaan heddummaatanii bahu. Kun sirna Rabbiin isaanii uume malee waan akka tasaa mudatee miti. Sadanuu biyyee tokko, bishaan tokko fi aduu takka argatu. Gaafa dachiin tun uumamterraa kaasee, gaafa qotee bulaan waa facaasuu jalqaberraa kaasee, akka tasaa namni qamadii facaasee burtukaan guurate hin argamne. Takkaa wanti akkanaa mudate namni jedhee seenaa afoolaa keessatti nuu himes hin jiru. Jarri garuu afoola ammayyaatiin nu amansiisuu barbaadu.

 

Warri saayinsii akka tasaa wanti hin taane akka hin jirre waan beekaniif, Aappilii fi maangoo walitti diqaalomsuun sanyii biraa uumuuf tattaafataa jiru. Akkaa tasaatti yoo ka amananii silaa sanyii lamaan lafatti naqanii kan biraa eeguu qabu ture. Garuu isaan laabraatorii keessatti uumuuf tattaafataa jiru. Isaanummaan deebisanii tiyoorii isaanii faallessu.

Sirni biqiltoota hundaa bifa addaatiin kan karoorfamee fi qindeeffameedha. Kun ammoo qaamni beekumsaa fi dandeettiin isaa dorgomaa hin qabne akka jiru akka amannu nu taasisa. Inni Abbaa beekumsa hundaati, Inni mootii waa hundaati. Dandeettii ogummaa isaa uumamaalee bifa ajaa’ibaatiin uumaman keessatti nutti mul’isa. Inni ALLAAH.

Rabbi waa’ee isaa akkanatti nuu ibsa;

Rabbiin kan samii dachii uume. Inni jaartii hin qabu, akkamitti ilmoo qabaata? Inni waan hunda uume. Inni kan waan hunda beeku. Inni ALLAAH Rabbii keessan. Kan Isa malee Rabbiin biraa hin jirre. Kan waan argame hunda uume. Isuma gabbaraa. Isaatu waa hundarratti wakiila (isaatu wahayyuu tiysa). (Suuratul An’aam aayaa 101-102)

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button