header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Uffannaa Muslimaa

Uffanni faaya. Uffanni bareedina. Namni uffata ofirraa hin qabne bineensa irraa garaagarummaa hin qabu. Qaamni Rabbiin tolchee nuuf uume kun uffata barbaada. Uffataan malee miidhaguu hin danda’u. kanaaf namni naannoo garagaraa fi biyya garagaa jiru akka isaaf mijaayutti uffata tolfatee uffata. Tarii naannoo tokko tokkotti hanga ammaa namni uffata hin uffanne jiraatus, addunyaa irra namni jiru cufti isaatuu qaama isaa kana huccuudhaan dhoksan jechuu dandeenya. Hawaasni keenya nama maraate yoo ibsu “huccuu gatee fiige”jedha. Kanaaf namni tokko uffataan malee yoo deeme maraattuudha hiika jedhu nuuf kenna. Uffata uffachuun ammoo nama nagayaa fi fayyaa qabu nu fakkeessa. Alhamdulillaah! muslimnis gama uffannaa kanaan rakkoo hin qabu. Hedduun nama muslimaa uffannaa kana haala gaariin uffata. Inumaayyu adawwiin teenya uffata kana nurratti waanyitee nu jibbiti. Sababa uffannaa kanaaf obboleewwan keenya kan shamaraa dararaa guddoo dhandhamanii jiru. Ammas dhandhamaa jiru.

Nuti muslimoonni uffata ittiin bareeduuf  qofa miti kan uffannu. Jalqaba irratti uffatni ajaja Rabbii kan qur’aana keessatti ibsame waan ta’eef uffanna. Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha:

۞يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ خُذُواْ زِينَتَكُمۡ عِندَ كُلِّ مَسۡجِدٖ وَكُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ وَلَا تُسۡرِفُوٓاْۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلۡمُسۡرِفِينَ ٣١

 “Yaa ilmaan Aadam! Masjiida hunda birattu uffata keessan qabadhaa. Nyaadhaa dhugaa, daangaa ammoo hin darbinaa, dhugumatti inni daangaa darbitoota hin jaalatu.” (Al a’araaf 7:31)

Akkasumas faaya ta’uu isaatis nuuf himee jira.

يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ قَدۡ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكُمۡ لِبَاسٗا يُوَٰرِي سَوۡءَٰتِكُمۡ وَرِيشٗاۖ وَلِبَاسُ ٱلتَّقۡوَىٰ ذَٰلِكَ خَيۡرٞۚ ذَٰلِكَ مِنۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ لَعَلَّهُمۡ يَذَّكَّرُونَ ٢٦

“Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguu fi faaya isinirratti buufnee jirra. ….” (Al a’araaf 7:26)

Ergamaan Rabbiitis (SAW) hadiisa Bukhaariin gabaase keessatti “israafaa fi quufaan (oftuulummaan) maletti Nyaadhaa, dhugaa, uffadhaa akkasumas sadaqadhaa”jedhanii dubbatan. Walumaa galatti aayatoota qur’aanaa amma isiniif tuqee fi akka hadiisa Nabii keenyaa irraa hubatuu dandeennutti uffanni qaama namaa bareechisuun cinattis ajaja Rabbii ta’uu isaa arganna. Kanaaf nuti muslimoonni uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennina. Rasuulli Rabbii (SAW) uffannaa akkamii akka uffattu qabnuu fi kam irraa fagaatuu akka qabnu nu barsiisanii jiran. Barruu tana keessattis adaba islaamummaan gama uffataatiin nuuf kaaye maal akka ta’e iluudhaaf yaalla.

Inni duraa warra dhiiraatiif uffata haarrii ta’e irraa fagaachuu dha. Haarriin kun kootii haa ta’u imaamaa mataa isaa irratti maratu, uffata haarrii xiqqoos qabu uffachuu irraa fagaatuu qaba. Hadiisa Abu Daawud gabaase keessatti Rasuulli (SAW) haarri harka mirgaatitti qabatanii, warqii ammoo harka bitaan qabatanii “Ummata kiyya warra dhiiraatiif wantoonni kunniin lamaan dhorkamaa dha”jedhan. Kanaaf warqii fi haarrii irraa fagaatuun warra dhiiraa irratti dirqama ta’a. Gama biraatiin uffatuma nuuf eeyyamamu yoo uffannu akkaataa uffannaa irratti of eeggannoo gochuu qabna. Wanti uffataa jirru cufti isaatuu dheeratee lafarra akka harkifamu gochuu hin qabnu. Shamarran ammoo warqii fi haarrii uffachuun kan eeyyamamuuf yoo ta’u, faallaa warra dhiiraatiin gabaabsuu osoo hin taane dheeressuudhaan haga miila isaanii dhoksuutitti gad dhiisuu qabdi.

Namni dhiiraa qubee meetii irraa ta’e godhachuu ni danda’a. Akkasumas yoo barbaade qubee kanarratti maqaa isaa fi mallattoo isaa irratti boccisiisuu mirga qaba. Ergamaan Rabbii (SAW) qubee irratti mallattoo “Muhammad Rasuulullaah”jedhu irratti boccisiisanii godhatan. Yeroo xalayaa garagaraa ummatatti erganis mallattoma qubee kana irratti became fayyadamu. Akkasumas warra dhiiraa uffannaa harka isaanii guutumaan guutuu haguugee isaan cinquu fi dalagaa isaan dhoorku uffachuu irraa dhoorkanii jiran. Dabalataanis kophee luka takkaa qofa uffannes deemuu hin qabnu. Hadiisa Bukhaariin gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) “Kophee takka qofaan deemuu hin qabdan. Yookaanii luka qullaa deemuu dha ykn ammoo isaan lachuttuu uffachuu qabdan”jedhan. Akkasumas namni dhiiraa uffata dubartii, dubartiinis uffata dhiiraa uffachuu irraa of qusachuu qabna. Ergamaan Rabbii (SAW) “Rabbi dhiira dhalaa fakkaatuu fi dhalaa dhiira fakkaachuuf taatu abaaree jira”jedhan. Kanaafuu abaarsa Rabbii irraa fagaachuudhaaf carraaquu qabna. Kophee yoo kaawwannu jalqaba luka mirgaatiin jalqabuu qabna. Yoo ofirraa baafnu ammoo luka bitaa irraa baasuu qabna.

Uffata haarawa yoo uffannu akkuma arganneen ufitti diruu osoo hin taane, du’aa’ii Rasuulli (SAW) nu barsiisan jechuun ta’uu qaba. Akkasumas obboleewwan keenya kan uffata haarawa uffatan yoo argines du’aa’ii gochuufii qabna. Kunis Rabbiin tarii miidhaa fi sharrii gama uffata saniitiin dhufuudhaa malu nurraaallee ta’ee obboleewwan keenya irraa akka fageessuuf sababaa ta’a. Kanaafuu akkuma waan hunda du’aa’iidhaan jalqabnee du’aa’iidhaan xumurru, yeroo uffata uffannus du’aa’iidhaan jalqabnee du’aa’iidhaan xumuruu qabna. Ajajni xumuraa kan Rasuulli (SAW) nu barsiisan naa argaa irraa akka fagaannu jedha. Namni tokko uffata qaalii tokko mallaqa guddaa irratti dhangalaasee xiyyeeffannaa namootaa harkisuudhaaf jecha uffachuu hin qabu. Akkuma duratti isinii ibsine namni uffata uffatu ajaja Rabbii guutuuf niyyaa jedhuun ta’uu qaba. Uffata qaalii uffachuu hin qabnu jechaa osoo hin taane, niyyaan teenna naa arkaaf ta’uu hin qabu. Kan kanarraa hafe Rabbi uffata bareeda waan nurraa barbaaduuf uffata gaarii isaa uffatuu qabna.

Yeroo ammaa kana dhimma Faashiniitiin wal qabatee uffanni haala garagaraan dhihaachutti jira. Namni muslimaatiis carraan qabu uffata suuqa keessa jiru bitachuu waan ta’eef waanuma argee fi itti bareede bitatee gala. Kun ammoo sababa ummanni muslimaa warshaa uffataa irraa fagaateef akka ta’e beekkamaa dha. Kanaaf haga danda’ameen yeroo suuqa keessaa waa bitannu uffata akkamii akka bitachuu qabnu waliif dhaamna. Duraan dursee uffata hunda isaatuu yoo bitannu barreeffama irra jiru irratti xiyyeeffannaa gochuu qabna. Yeroo ammaa uffata barreeffama hin qabne argachuun akkasumas uffata faaya (design) hin qabne argachuun rakkisaa dha. Kanaafuu uffata tokko bareedina isaa yoo jalanne jalqaba irratti barreeffama irra jiru san adda haa baafannu. Yahuudaan kophee jalatti maqaa Rabbii (SW) fi Maqaa Rasuulaa (SAW) barreessuudhaan ummanni kophee san bitatu akka irra deemuuf shira xaxaa jiran. Gochaan isaan godhan kun mootummaa Rabbii irraa wanti hir’isu hin jiru, kabajaa Rasuulaatis gad hin buusu. Nuti garuu isaaniif hamilee kennuu irra haala kanaan irraa fagaachuun dansaa dha.

Dizaayiniin uffata shamarranii irrati godhamus xiyyeeffannaa keessa galuu qaba. Yeroo heddu dubartoonni keenya osoo sirritti hin hubatan uffata barreeffamaa fi Dizaayinii kabajaa isii xiqqeessu yoo uffattu biyya keenyattis arguu dandeenyee jirra. Keessattuun warri Abaayaa fi Jalbaaba dhiisee uffata faashinii uffatu of eeggannaa godhuun barbaachisaadha. Jechoota qaanyii gurguddaa qaban kan miidiyaan himuun hedduu rakkisu uffata shamarranii irratti argamaa jira. Fakkeenyaan uffata tokko irratti jecha afaan ingiliffaatiin “Follow me”jedhutu jira. Namni uffata kana arge wajji hordofee haga mana isiin galtuutitti osoo seene badiin irra jiraa laata? Tun jecha laaftuu wal tajjii kanarratti ibsuu dandeenyuu dha. Jechoonni fi mallattooleen bifa diizaayiniitiin irratti barreeffaman hedduun isaanii kabaja dubartummaa kan balleessu waan ta’eef of eeggannoo osoo goonee bareeda.

Warri dhiiraa ammoo qaama silaa dhokfamuudhaa qabu dhoksu qaban. Keessattuu ammaan tana erga uffanni “Qaariyaa fi Body” jedhamu kun dhufee as uffannaan warra dhiiraatis badee jira. Masjiida keessatti dhiira duydi isaa qullaa arguun baramaa ta’ee jira. Tiishartiin uffatamu handhuura gubbatti rarra’ee hafa, kofoon kaawwamus teessuma irratti yoo haadaan harkisanii qaban malee  gad fiiguudhaaf ta’a. Kun ammoo yeroo salaataaf ruku’aa fi sujuuda goonu qaamni silaa dhokachuu qabu akka mul’atu godhuun, salaata keenya balleessa. Inni biraa ammoo tiishartii fi kootii barreeffama garagaraa qabu uffatuudhaan nama duubaan dhaabbatee salaatu dararuutu jira. Namni duubaan jiru silaa uffata namaa dhiisee bakkuma sujuuda isaa laaluu qaba, haa ta’u malee sababa garagaraatiin yoo sosocho’u uffata nama isa dura jiru arguuf dirqama. Yeroo kanattis faatihaa qara’uu dhiisee barreeffama san dubbisuu jalqaba. Kanaafuu qalbii nama nu duubaan jiruu eeguudhaaf jecha uffata barreeffama qabu irraa fagaatuu qabna. Barreeffamumaan wal qabatee yeroo tokko tokko namni barreeffamoota bible keessaa baafamanii barreeffaman uffatee masjiida dhufes numa jira. Kun ammoo inumaahuu badii lama ta’aa jira. Nama silaa salaata keessatti qur’aana qara’uu qabu macaafa qaraasisaa jirra jechuudha. Kanaafuu haga danda’ameen waa’ee uffataatiin wal qabatee of eeggannoo gochuu qabnu cufa isaa godhuun barbaachisaa dha

Islaamummaan bifa uffataa irratti kana uffadhaa, kanarraa fagaadhaa hin jenne, Garuu Rasuulli (SAW) uffata adii akkaan jaalatan. Jaalala isaaniitiif jecha uffata halluu adii heddummeessuun gaariidha. Shamarran uffata itti maxxanuu fi huccuu haphii qaama isaanii mul’isuu danda’u uffatuu iraa fagaatuun barbaachisaadha. Dhiiraa fi dhalaanis qaama dhokachuu qabu hunda dhoksuun dirqama. Dhiirri dahabaa fi hariira irraa fagaatuu qaba, dhalaaf garuu hayyamamaa dha.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button