Fly Traps
Qophii Abu Ibtisam
Dachii tanarra biqiltuuwwan heddu akka jiran ni beekama. Gariin isaanii dawoomaaf faaydaa guddaa kennu. Bara durii irraa kaasee hanga ammaatti, namoonni biqiltoota gosa hedduu dhukkuba garagaraa ittiin wal’aanaa turanii jiru. Ammas naannoo tokko tokkotti, yaala ammayyaawaa irra biqiltoonni karaa aadaatiin qophaahan, tajaajila guddaa kennaa akka jiranis ni beekama. Faaydaan biqiltootaa inni biraa soorataaf ooluu isaaniiti. Fayyaa ilma namaatiifis ta’e ijaarsa qaamaatiif biqiltootni tajaajila guddaa akka kennan qorannoon mirkanaawee jira. Fayyaa fi soorataan cinattis, tajaajila faayaatiifis ni oolu. Sanyiileen biqiltootaa gariin, daraaraan isaanii bareedinaa fi bifa garagaraa waan qabuuf ilmi namaa ittiin of miiidhagsuufis ta’ee dhimma biraatiif fayyadamutti jira. Walumaa galatti faaydaan biqiltoota irraa argannu, hangana jennee gabaabsinee himuu hin dandeenyu. In shaa Allaah, waa’ee biqiltootaa if dura bal’inaan ilaalla. Har’aaf biqiltoota heddu kan dachii tanarratti argaman keessaa ,waa’ee biqiltuu ajaa’ibaa tokko isiniif dhiheessina..
Biqiltuun kun Afaan Ingiliffaatiin Fly Traps jedhama. Uumamni kun waan biqlitoota biraa irraa ittiin adda tahu qaba. Hedduun keenya biqiltoonni soorata lafa jalaa argataniin akka guddatan beekna. Eega guddataniin booda garuu takkaa ni nyaataman, ykn ammoo goggoganii badan. Biqiltuun barruu kana keessatti ilaaluu deemnu garuu ajaa’iba heddu qaba. Biqiltuun kun warra foon sooratan keessatti ramadama. Subhaanallaah kun ajaa’iba hin jettaniiree? Haga ammaa biqiltoota yoo soorataman argine malee yoo waa sooratan hin argine. Biqiltuun ajaa’ibaa kun eega guddatee bakka gaheen booda, ilbiisota garagaraa qabatee nyaachuudhaan jiraata. Kanaaf maqaa fly traps, ykn ammoo kiyyoo ilbiisotaa jedhamuun waamame.
Biqiltuun kun qaama garagaraa kan qabu yoo ta’u, qaama hundarra kan nama dinqisiisu garuu qola isaa kan ilbiisota keessatti kiyyeessuudha. Qolli isaa kun akka baalaattis ni tajaajila, ilaalchatti geengoo walakkaa fakkaata. Fiixee qola kanaa irraa ammoo qoree heddu qaba. Qolli kun keessa isaa irratti wantoota rifeensa fakkaatan kan qabu yoo ta’u, wantootni rifeensa fakkaatan kunniinis, dhaamsa dabarsuun tajaajilu. Yoo ilbiisni tokko dhufee rifeensa kana irra qubate. Biqiltuun kun baala isaa kana walitti cufee ilbiisa kana qabata jechuudha.
Akka qorattoonni jedhanitti, Biqiltuun kun lafa hanqina Naaytrojinii qabuu fi lafa Asiidawaa irratti biqila. Naaytroojinii gahaa malee, biqiltuun kun prootiinii gahaa argatee guddatuu hin danda’u. Rakkina tana furuudhaaf dirqamatti ilbisoota kiyyeessaa sooratuun dirqama itti ta’e. uumamni ajaa’ibaa kun ilbiisa isa irra qubate cuunfee dhangala’aa isaa xuuxa. Prootiinii gahaa ilbiisa san irraa argate, gara qaama isaa daddabarsuun, guddinni isaa akka saffisuu fi akkasumas yeroo dheeraaf akka turu isa dandeessisa.
Biqiltuun kun ilbiisa akkamitti soorata jechuun keessan hin oolamu. Haalli isaa akkana. Qolli isaa kan baala fakkaatu, duubni isaa magariisa yoo ta’u, keessi isaa garuu, diimaa dha. Ilbiisonni hedduun bifa Kanaan sobamanii irra qubatu. Akkasumas biqiltuun kun Prootiinii murtaawaa qaama ofii keessaa qabu, bifa dhangala’aatiin of keessaa baasa. Ilbiisonnis waan san sooratuuf yoo jirra qubatan, wantoota rifeensa fakkaatan sanniin tuquu danda’an. Rifeensa jiran jahan keessaa inni tokko yeroo lama tuqamnaan qolli baala fakkaatu sun akka walitti cufamu ajaja dabarsa. Qolli sunis saffisaan cufamuudhaan ilbiisa san kiyyeessee achumatti hambisa. Jalqaba yeroo cufamu kana wantoota qoree fakkaatan kan fiixee irratti argaman qofattu walitti cufama.
Eega ilbiisa qabateen booda adeemsi itti aanu ammoo waan kiyyeeffame san walitti hacuucuu dha. Inni kun haga daqiiqaa soddomaa turuu danda’a. Adaduma ilbiisni keessa seene sun bahuudhaaf dhidhiitataa wantoota rifeensa fakkaatan san tuttuquun, baalli sunis walitti cufamuu isaa itti fufa. Yeroo kanatti, ilbiisonni akkaan xixiqqoo ta’an hulluuqanii bahuu malu. Ilbiisni hulluuqee yoo bahe, namni yoo qubaan tuqe, roobni yoo irra buhee fi rakkoo garagaraatiin biqiltuun kun banamaa cufamuu danda’a. Inni kun garuu rakkoo guddaaf isa saaxila. Biqiltuun sun sababa Kanaan du’uu danda’a. ilbiisa of keessatti yoo hin qabanne, adeemsa walitti hacuucamuu san ofirraa dhiisee banama. Deebi’ee banamuudhaaf ammoo haga guyyaa lamaa turuu danda’a.
Sadarkaan itti aanu sadarkaa soorata san daakuuti. Ilbiisni qabame sun yoo miliqee bahuu baate, qoreewwan fiixee qola sanii irratti argaman adda banamaa deemuun, fiixeen baala sanii akka walitti maxxanu taasisan. Eega walitti maxxaneen booda, biqiltuun sun keemikaala ilbiisa san ittiin bulleeffatu maddisiisa. Kana booda haga sooratni sun daakamee, qaama hunda keessa faffaca’utti baalli sun akkuma cufametti haga guyyaa 12 turuu danda’a. Soorata san daakee xumuruudhaaf guyyaa heddu itti fudhata. Haa ta’u malee biqiltoonni bakka hoo’aa jiran soorata san saffisaan bulleessanii fixuu danda’u. Bakka kanattis rakkoon uumamuu danda’a. Innis guddina ilbiisaati. Ilbiisni sun akkan guddaa yoo ta’e, qolli sun walitti hacuucamee cufamuu dhabuu danda’a. Yoo qolli sun walitti hacuucamee hin maxxanne ammoo, keemikaalli ilbiisa san bulleessu hin maddisiifamu. Kanaafuu qolli sun Walittis hin cufamu, addas hin banamu. Yeroo kanatti qolli sun goggogee du’uu danda’a.
Kanatti aansuudhaan, sadarkaa adda banamuutu jira. Rakkina garagaraatiin yoo baalli sun du’e, sadarkaan kun hin jiraatu. Garuu, ilbiisni sun haalaan qabamee, yoo daakkamee dhumate, baalli sun keemikaala maddisiise san ni deebifata. Akkuma keemikaalli kun deebi’een, qolli ilbiisota kiyyeesse sun deebi’ee banama. Yeroo banamu wanti hafu, koolaafi wantoota daakamuu hin dandeenye ta’a. wantoonni kunniin ammoo takkaa roobaan ykn ammoo bubbeedhaan qola san irraa dhiqamu.
Rabbiin keenya waan fedhe akkuma fedhetti uuma. Uumamni isaa hundi waan akka tasaa argamee miti. Wanti inni uume hunduu ka ajaa’ibaati. Mee biqiltuu kana akka ilbiisota qabatee sooratu, eenyutu barsiise? deebiin isaa tokko qofa. Inni ALLAAH, (SUBHAANAHUU WATA’AALAA)