header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Finciltoonni Suuriyaa Xiyyaara waraana Ruusiyaa rukutuu beeksisan 

Finciltoonni Suuriyaa Xiyyaara Waraanaa Ruusiyaa mootummaa Bashaar Al-Asaad waliin tahuun naannawa Idliib kan too’annaa finciltootaa jala jiru keessatti Sabtii har’aa haleellaa raawwataa ture rukutanii kuffisuu himan.

Gareen “Syrian Observatory Group” jedhamu gama isaatiin Paayileetiin Xiyyaarichaa paaraashuutiin Xiyyara rukutame keessaa eega miliqee booda, finciltootaan kan booji’ame tahuu beeksise.Haata’u malee odeeyfannoon taokko tokko Paayileetichi miidhaa irra gayeen kan du’e tahuu ibasaa jiru.

Jum’aa kaleessaa irraa jalqabee Xayyaaronni waraana mootummaa Suuriyaa , Ruusiyaa waliin tahuudhaan Idlib keessatti haleellaa cimaa kan raawwataa jiran tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button