header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Qorannoon Dhaabbilee Dr. Zaakir irratti godhamu akka dhaabbatu ajajame

Abbaan taayitaa to'annoo maallaqa seeraan alaa Indiyaa Qorannoon dhaabbiilee Dr Zaakir Naayik irratti gaggeefamaa jiru akka dhaabatu ajaje

Hogganaan Abbaa Taayitaa to’annoo maallaqa seeraan alaa Indiyaa kan ta’e, Abbaan seeraa Manomohan Singh ajaja Kiibxata dabre baaseen, abbaan alangaa biyyattii qorannoo dhaabbilee Dr Zaakir Naayik kanneen magaalaa Mumbaayi keessatti argaman irratti gaggeessaa jiru akka dhaabu ajaje.

Hoggaanaan dhaddacha addaa kun akka jedhetti “Indiyaa keessatti hooggantoota amantii biroo maallaqa biiliyoonaan lakkaayamu hoogganan 10 ol ni beeka, namoonni kunniin ifatti yakka dalaguun isaanii ni beekkama. Abbaan alangaa Indiyaa isaan keessa namuma tokkoyyuu qoratee ni beekaa? Mee kan bira haa hafuti Asaram Bapu maal gootan?”jechuun abbaa alangaa kan gaafate tahuu Hindustan Times gabaase.

Hogganaan dhaddacha addaa kun akka jedhetti “waggoota kurnan dabran keessatti yakkamaa akka Asram Bapu irratti qorannoon tokkollee hin gaggeeffamne. Dr Zaakir Naayik himannaa qabatama hinqabneen isaafi dhaabbata isaa dhaaluudhaaf irratti duulaa jirtan. Qajeelfama seeraa kamiin qabeenya Zaakir dhaaluuf himannaa isa irratti baname waliin walqabsiiftan?” jechuun gaafate.

Abbaan alangaa Dr Zakir Naayik haasaya isaatiin dargaggoota yakkaaf kakaasa kan jedhe yoo tahu, Abbaan seeraa dhaddacha addaa gama isaatiin “yeroo heddu Dr Zaakir haasaya isaatiin dargaggoota isaan kam akka kakaase qabatamaan akka fiddan yemmuu gaafatamtan, nama tokkoyyuu fiduu hin dandeenye. An akka nama tokkootti haasaya isaa heddu dhageeffadheen jira, tokkoyyu kan badiif nama kakaasu na hin qunnamne”jechuun deebise.

Dhuma irratti Abbaan seera qorannoon qabeenya fi dhaabbilee Dr Zaakir Naayik irratti gaggeeffamu hatattamaan akka dhaabbatu ajaja dabarsee jira. Haaluma walfakkaatuun dhaabbanni poolisii addunyaa ji’a dabre keessaa Dr Zaakir Naayik akka qabamuuf gaaffii Indiyaan dhiheessite kuffisuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button