Ummanni Magaalaa tanaa hundi hulaa banaa dhiisee bula
Addunyaan irra jiraataa jirru tun biyyoota 200 ol qabdi. Biyyoonni kunniin magaalaa fi gandoota heddu qaban. Akkuma heddumina magaalotaatti haalaa fi amalli isaaniitis garaagarummaa qaba. Jiraattoonnis akkasuma waan addaa kan ittiin beekkaman qabu. Barruu tana keessatti waa’ee magaalota ajaa’ibaa kan amala addaa qaban muraasa isinii dhiheessina.
Bengkala, Indoneeshiyaa
Bengkalan ganda ajaa’ibaati. Gandi Indoneeshiyaa keessatti argamtuu fi bosona hawataa hedduun marfamtee argamtu tun wagga waggaan turistoota kumaatamaan laakkawaman ofitti hawattee keessummeessiti. gandi tun afaan addaa kan isii keessatti qofa dubbatamu qabdi. Kaataa Kolok ykn ammoo haasawa duudaa jedhamuun kan beekamu, mallattoo eenyummaa ganda kanaati. Afaan kun afaan mallattoo ykn sign language yoo tahu. Jiraattonni ganda kanaa hedduun isaanii rakkina uumamaa ykn Genetic problem DFNB3 jedhamu qabu. Kunis dandeettii dhaggeeffachuu fi dubbachuu isaanii daangesseera. Ganda kanatti irra hedduun namaa dhagahuu ykn dubbatuu hin danda’u. kanaaf Sign Language ykn afaan mallattoo Kanaan walitti haasawan. Haasofni mallattoo biyyoota heddu keessatti beekamaadha. Garuu kan ganda kanaa kan addunyaa irratti beekamuun adda. Isaan qofatu wal hubachuu dandaya. Namni afaan mallattoo beeku kan biroo haasawa isaanii hubatuu hin danda’u jechuudha.
Shani Shignapur, Indiyaa
Ammaan tana ilmi namaa mana ijaaru hulaa sibiilaatiin cufee, dallaya itti ijaaratee, shiboo elektirikii itti godhee hirriba malee bula. Magaalaan indiyaa tan Shani Shignapur jedhamtu garuu wantoota kanniin hunda hin qabdu. Magaalaa balbala hin cufanne jedhamuun beekamti. Manneen ganda kana keessatti ijaaraman hulaa ittiin seenan qabaatanis balbala gad cufamu ykn qollafamu garuu hin qaban. Jiraattonni ganda kanaa sareen akka mana hin seenneef jecha, muka xiqqoo hulaarra kaayan. Saniin ala hattuu sodaaf saanqaa ykn balbala itti hin godhan. Wayta haajaaf manaa bahanis akkasumatti dhiisanii biraa deeman. Gooftaan Shani jedhamu waggaa 400 dura manaamaan jiraataa ganda kanaatti dhufee “hafuurri kiyya dhagaa gurraacha kanarra jira. Dhagaa kana magaalaa qixxee kaayi. An waan isin eeguuf namni tokkollee balbala isaa akka hin cufanne”jedhee ajaje jedhanii amanan. Ummannis ajaja san fudhatee haga ammaatti itti dalagutti jira. Mootummaanis nama carraa kana fayyadamee waa hate irratti adabbii jabaa kan muru ta’uu beeksiseera. Akka jiraattonni himanitti waggaa 400f ganda kana keessaa wanti hatamee bade hin jiru.
Gross fi Monowi, USA
Magaalonni USA lamaan kunniin ammoo jiraattoota lakkoofsaan ajaa’iba ta’an qabaachuun beekkamu. Gross nama lama qofa qabdi. Mike fi Merry Finnegan jedhaman. Abbaa warraa fi haadha warraati. Restoraantii magaalaa kana keessaa qabu. Magaalaa ollaa sanitti argamtu tan Monowi jedhamtu keessa ammoo nama tokko qofatu jiraata. Elsie Eiler jedhamti. Elsien Kantiibaa, hooggantuu mana kitaabaa fi dalagduu hoteelaa magaalaa kanaati. Magaalaa kana keessatti jireenya kophaa akkamitti jiraatan jettanii of gaafatuu maltu. Turistoonni fi lammiileen ameerikaa magaalaa tana keessaan wayta dabran; yeroo hunda itti goranii ziyaaranii waa fayyadamanii biraa bahan. Kanaafuu namoonni kunniin yeroo hunda nama isaan ziyaaruu qaban jechuudha. Akka jiraattonni sadan kunniin dubbatanitti addunyaa tanarraa namni haga keenya carraa addaa qabu hin jiru jedhan.
Qophii: Abuu Ibtisaam