Aye Aye

Akkuma beekamu bosona keessa uumama ajaa’ibaa heddutu argama. Bosona Madagaaskar keessattis uumama addaa halkan halkan qofa socho’u tokkotu jira. Eega walakkaa jaarraa 19ffaatii kaasee qorattoota jiddutti mormii guddaa kaasee jira. Qorattoonni sanyii uumama kanaa murteessuu dadhaban. Qaamni isaa bineensota heddu irraa wan walitti fuudhamee dalgamee fakkaata. Gariin isaanii inni sanyii gosa kanaati yoo jedhan, gariin ammoo lakki inni garee of danda’e jechuun wal morman. Xumura irratti garuu, dhiheenyuma kana gosa sanyii ‘lemur’ keessatti ramadanii jiran. Haa ta’u malee ammas namoonni yaada kana fudhatuu hin barbaanne heddutu jira. Warri kun akka jedhanitti uumamni kunniin lameenuu walitti dhihaatuu danda’u malee warra tokkoo miti jedhan. Bineensi har’aaf isiniif qabannee dhihaanne Aye Aye jedhama. Uumamni kun biyya keenya keessatti waan hin argamneef maqaan isaaf ta’us afaan Oromootiin hin jiru.


Aye Ayeen uumama addaati. Hoosiftoota keessatti kan ramadamu ta’us amaloota ajaa’ibaa heddu qaba. Gogaan isaa rifeensa qiciicaa, gurraacha yookaan magaalaan uwwifamee jira. Ijji isaa akkaan gurguddaa yoo ta’u, qoffeen isaa ammoo bifa Pink qaba. Ilkaan isaa sanyii Tuqaatii fi hantuutaan wal fakkaata. Ilkaan isaa kan fuulduraa garuu umrii isaa guutuu guddina hin dhaabu. Adaduma fiixeen isaa doomuun irraa qaramaa duubaan ammoo guddataa deema. Gurra guddaa kan qabu yoo ta’u dhageetti irrattis cimaadha. Aye Ayeen qubbeen dhedheeraa fi jabaa ta’an qaba. Qeensi qubbeen isaa irra jiru ammoo Akka Sloth caafamaa yoo ta’u, qeensa isaa kanaan muka qabatee laaftumatti muka koruufi bu’uu danda’a. Qubbeen isaa kanniin keessaa inni jidduu irratti argamu kan addaati. Qubni isaa kan jidduu kun kaawwan caalaa dheeraadha. Bakka itti caafamu lama kan qabu yoo tau, kallattii lachuttu caafamuu danda’a. Quba kana soorata ittiin qotuudhaaf, akkasumas mukas yeroo koru hedduminaan itti fayyadama.


Aye Ayeen Bosona Maadagaskaar keessatti qofa argama. Jireenya isaatiifsi bosona tuucha’aa, hoo’aa fi jiidhaa barbaada. Hedduminaan dhokataa waan jiraatuuf, bakka bosonni hin jirree jiraatuun isa rakkisa. Guyyaa guutuu muka gubbaa rafaa oola. Uumamni kun nocturnal (uumama halkan qofa socho’u) akkasumas arboreal (uumama muka gubbaa jiraatu) jedhamuun beekama. Deemsi isaa, sooranni isaa, hiriibni isaa, walqunnamtiin wal hormaata isaatis mukuma gubbaadha. Goojjoo marga irraa taate mukuma gubbatti ijaaruun keessa jiraata. Eega lafti halkanoofteen booda soorata ofii barbaacha muka irraa gad bu’a. Dabalataan uumamni kun warra Solitary (kopha kophaa jiraatan) keessatti ramadama. Keessattuu dhaltuun Aye ayee qaama biraa ofitti hin dhiheessitu. Warri dhiiraa garuu lama ta’anii waliin jiraachuu ni danda’u.


Dhaltuun Aye Ayee yeroo walqunnamtii wal hormaataa raawwatuu barbaadde sagalee dhageessifti. Kormaanis yoo sagalee kana dhagahe qofa gara qubsuma isii seena. Silaa sagalee kan dhagahu heddu waan ta’eef Kormaan hedduun dhaltuu san biratti walitti qabamuun isaa hin oolamu. Warri achitti akka tasaa wal faana dhufe eega waal aansoo godheen booda, isa moohate qabattee muka korti. Rimayni isii ji’a shaniif tura. Ilmoon dhalatus tokko qofa. Ilmoon dhalate haga ji’a torbaa mucha haadhaa hodhaa tura. Haga umriin isaa waggaa lama guutus haadhuma waliin tura.


Aye Ayeen gosa soorata hunda ni soorata. Foonis ta’e biqiltoota hin dhiisu. Halkaniin soorata barbaacha haga kilomeetira 4 deemuu danda’a. Yeroo soorata barbaadu kana dhageettii isaa kan ajaa’ibaatti fayyadamee, bineensotaa fi ilbiisota adamsa. Ilkaan isaa guddina hin dhaabne sanitti fayyadamee muka eega ciccireen booda, quba isaa dheeraa saniin ammoo soorata muka san keessa jiru guuree soorata.


Bineensonni muka irra galan akkasumas halkan halkan qofa sosocho’an hedduminaan diina hin qaban. Diinni bineensa kanaa, Akkuma isaa halkan qofa kan socho’u kan akka Fossati. Simbirroonni gurguddoo fi Bofnis ilmoolee xixiqqoo Aye Ayee adamsanii ni sooratu. Diinni isaa guddaan kan biraa ilma namaati. Ilmi namaa amantii jaahilummaa tokko qaba. Kunis namni Aye Aye arge guyyaa san waan hamaatu isa mudata jedha. Kanaafuu namoonni uumama kana guutumaan guututti dachii irraa dhabamsiisuuf ajjeesaa turan. Akka seenaan ibsuttis bara 1983tti bineensi kun, dachii kanarraa dhabamuuf dhihaatee ture. Haa ta’u malee kunuunsi garagaraa mootummaadhaan eega godhameefii booda, ammaan tana lakkoofsi isaa dabalaa akka jiru himama. Ilma namaa amantii jaahilummaatiif jecha bineensa kana ajjeesuun cinattis ciramiinsi bosona rakkoo biraati. Bineensa Mukarra galuuf ciramuun bosonaa rakkoo guddaadha. Aye Ayes rakkoo tanaaf saaxilamee jira. Kan kanarraa hafe uumamni kun bosona keessatti muka gubbaa goojjjoo ijaaratee achi keessa nagayaan jiraata.


Qophii Abu Ibtisam

Comments
Loading...