Baay’inni uumama Rabbiin dachii tana keessa kaahee meeqa laata?

Yeroo ammaa kana addunyaa tanarra lakkofsi ilma namaa biiliyoona 8titti dhihaatee jira. Akka Daataan lakkoofsa ummata addunyaa bara 2011 mul’isutti, guutuu addunyaatti avreejjiidhaan guyyaa guyyaan namoonni 360,000 kan dhalatan yoo tahu, guyyarraa namoota 151,600 oltu du’a. Sababaa kanaaf baay’ini ummata addunyaa dachaa hedduun dabalaa dhufe.  Jaarraa 5 qofa osoo if booda deebinee, nama meeqatu dachii tanarra jira jettanii tilmaamtu? Wagga 500 dura, ilma namaa walakkaa biiliyoonaa ykn miiliyoona dhibba shan qofatu dachii tanarra jiraataa ture. Kana jechuun, ummata yeroo ammaa indooneezhiyaafi Biraaziil keessa jiraataa jiruun walitti dhihaata jechu. Lammiileen chaayinaa kan yeroo ammaa chaayinaa keessa jiraatan qofti, ummata addunyaa guutuu kan wagga 500 dura dachii tanarra jiraataa ture dachaan caala jechu.

Hedduun keenya baa’inaan ilmi namaa uumama hunda waan caalu seena. Garuu dubbiin tun tilmaama dogongoraati. Fakkeenyaaf hoosiftoota keessaa, Simbira halkanii biiliyoona 10 oltu dachii tanarra jiraata. Kana jechuun, sanyiiwwan hoosiftootaa 5 keessaa 1 shimbira halkaniiti jechu.

Sanyiin Shimbiraa african red-billed quelea jedhamtu, sanyii simbiraa keessaa heddumina qabaachuun beekamti. Sanyiin shimbira kanaa biyya keenya keessattis naannoo tokko tokkotti maqaa Cirrii jedhamuun beekamti.  Shimbirri tunis biiliyoona kudhanii oltu naannoo bosona Afriikaa keessa jiraata. Baay’inni Shimbira tanaatis baay’ina ilma namaa ni caala jechuudha.

Red-billed quela

Dachiin irra jiraannu tun dhibbentaan 70 ol bishaaniin haguugamee jira. Baay’ini lubbu qabeeyyii bishaan keessa jiraataniitis haalaan heddu.  Lubbu qabeeyyiin bishaan keessa jiraatan hedduun isaanii qubsuma dhaabbataa hin qaban.  Sababaa kanaaf baay’ina isaanii kan sirrii kana jedhanii himuun hin danda’amu. Fakkeenyaaf, Qubsumni Galaana atlaantik keessa jiru inni tokko, Kiyuubik maayila tokkoon wal qixa. Kunis qurxummiiwwan biiliyoona 4 ta’an of keessatti qabatuu danda’a.

Related Posts

Gara ilbiisotaa yoo deemne ammoo lakkoofsa isaanii hagana jedhanii himuun hin danda’amu. Fakkeenyaaf ilbiisota Aphids (eefids) jedhamuun beekkaman, kanneen mukkeen bosona Ameerikaa kibbaa keessatti argaman qofa osoo lakkoofnee, Eefidsoonni kuwaadriiliyoona ni caalu. Kuwaadriiliyoona jechuun meeqa jechuu akka tahe beeytuu, lakkofsa 1 booda  zeeroo 15 barreessuu jechuudha.  Kanaafuu ilbiisota kuwaadriiliyoona 1 oltu bosona ameerikaa qofa keessatti argama.

 

Aphids insect

Ilbiisota keessaa mixiinis waan ajaa’ibaa qabdi. Mixiin biyya keenya keessatti maqaa hedduun beekamti. Jaamaa, Gonjaree fi Goondaanis maqaa Mixiiti. Akkuma hundi keenya beeynu  Mixiin ykn goondaan ilbiisa xiqqoodha. Garuu baay’inni isii haalaan ajaa’iba. Goondaawwan dachii tanarra jiran hunda saanii osoo bakka tokkotti walitti qabnee madaala irra keennee, hoosoftoota dachii tanarra jiran hunda walirratti caalu. Hoomaan Goondaa ykn mixii, Biomass (gurmuu uumama) dachii tanarra jiru keessaa dhibbeentaa 15 kan ta’u uwwisee argama.

Biomass jechuun maal jechuu akka tahe isiniif haa ibsinu. Biomass jechuun uumama ykn sanyii tokko gurmuun bakka tokko kaayuu jechuudha. Fakkeenyaaf, ilma namaa dachii tanarra jiru hunda isaa bakka tokkotti kaayanii madaaluu jechuudha. Haaluma Kanaan mixii dachii tanarra jirtu hunda yoo walitti qabnee madaala irra keenye, dachaa hedduun uumama biraa caalan.

 

Ilmi namaa biiliyana 8titti dhihaatu kan dachii tanarra jiru hundi osoo madaala tokkorra kaayamee, toonii miiliyoona 287 ulfaata. Toonii tokko jechuun Kilograama 1000 jechuudha. Kanaafuu lakkoofsa kana kumaan yoo baay’istan (2,870,000,000,000) Kilograama Triiliyoona lamaa ol ta’a jechuudha.  Ilbiisni bishaan keessa jiratu kan krill jedhamuun beekamu ammoo, hoomaan isaa  tokkichi yoo walirratti madaalamu Toonii miiliyana 500 ulfaata.

 

Comments
Loading...