header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qurxummii Miidhagina Addaa Qabu

Tafakkur: Wrasse

Maqaan uumama kanaa Raas jedhama. Raas sanyiilee garagaraa 500 ol qaba. Hedduminaanis qaamman bishaanii kanneen akka garba Indiyaa, paasifiik fi Atlantic keessatti argama. Qaamman bishaanii kanniin keessaallee, gara qarqara bishaanii dhihaatee jiraata. Akkasumas bakka wantoonni coral reef jedhaman argaman ykn ammoo dhakaa fi waan jalatti dhokachuu danda’u argamutti dhihaatee qubsuma tolfata. Sanyiileen Raas muraasni nyaataaf kan oolan yoo ta’u, ilmi namaa kiyyeessee sooratutti jira. Gama biraatiin ammoo bifti bareedaan Rabbirraa badhaafames diina hamaa itti tahe jira. Ilmi namaa bifa isaa kanaaf jecha, qurxummii kana kiyyeessee, Aquarium keessa kaayuun nama daaw’achiisaa ykn ammoo ofii daaw’ataa ittiin bashannana. Sababuma kanaaf sanyiileen gariin uumama kanaa warra baduuf dhihaatan keessatti galmaayanii jiru.

Raas uumama sanyii heddu qabu ta’uu isaatiin guddinni isaaniitis akkasuma garaagarummaa qaba. Raas inni xiqqaan seentimeetira 10 kan dheeratu yoo ta’u, inni guddaa jedhamu meetira 2.4 dheerata. Gogaan Raas bifa garagaraa qaba. Bifti isaa kunniin sanyii, umrii fi naannawa jiraaturratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Gogaan isaa adii, boora, bifa burtukaana, diimaa, purple, cuquliisa, magariisa, daalacha, magaala ykn gurraacha ta’uu danda’a. walumaa galatti halluuwwan dachiirra jiran hedduun sanyiilee Raas garagaraa irratti argamu jechuu dandeenya.

 

Bifa isaa kanaan cinatti, bifa barru barruu akka sararaa jiru qaba. Raas qoffee qal’aa, hidhii furdaa fi qarriffaa dheeraa qaba. Raas uumama foon sooratu keessatti ramadama. Uumamaalee bishaan keessa galan kanneen akka crab, shrimp, mollusk, ciilalluu fi sanyiilee qurxummii xixiqqoo ni soorata. Dhimma soorataatiin wal qabatee uumamni kun amala addaa tokko qaba. Sanyiilee Raas keessaa inni Cleaner wrasse jedhamu qurxummiilee gurguddaa hedduuf tajaajila guddaa kenna. Nuti eega foon soorannee booda, foon ilkaan jiddutti hafe stikkinii ykn muka qal’aadhaan of keessa baasna. Qurxummiileen gurguddoon foon sooratan ammoo waan kana godhuu hin danda’an. Rabbiin guddaan qurxummiilee gurguddoo foon sooratan kanaaf Furmaata Ajaa’ibaa uume. Qurxummiilleen gurguddoon eega foon sooratanii quufanii booda Afaan isaanii bananii Qurxummii Cleaner wrasse jedhamu kana eegu. Qurxummiin xixiqqaan tajaajila qulqullinaa kennu kunis gugatee gara afaan Qurxummii guddichaa seenee waan ilkaan jiddutti hafe qocata. Adeemsi kun Qurxummii guddichaaf qulqullinna yoo tahu, quxummii xiqqichaaf ammoo soorata gahaa taha.

 

Gama biraatiinis qurxummiileen garagaraa gogaa isaaniirraa paarasaayitoota (maxxantoota) qabaachuu danda’u. paarasaayitoonni kunniin qurxummii saniif faaydaa hin qaban. Qurxummii sanitti maxxanuun dhiiga keessaa xuuxu. Cleaner wrasse ammoo akkuma nuti loon irraa silmii guurrutti, innis maxxantoota kanniin irraa guuree soorata. Gama tokkoon qurxummii san fayyadaa, gama biraatiin ammoo ofis jiraachisutti jira.

 

Raas diina heddu qaba. Uumamaaleen akka Lionfish, Dogfish, Barracuda fi Shark qurxummii kana adamsuudhaan sooratu. Raas warra kana jalaa dheessuuf yeroo heddu cirracha bishaan jala jiru keessatti of awwaala. Yookaan ammoo saffisaan daakee naannawa sanii baqachuuf yaala. Yeroo garii ammoo dhakaa bishaan keessaatii fi wantoota coral reef jedhaman jalatti dhokatee lubbuu ofii tursiifata.

 

Dhaltuun Raas yeroo takkaan hanqaaquu kumaan laakkawamu algee fi marga bishaan keessatti argamu irratti hanqaaqxi. Kormaan tokko tokko hanqaaquu kanaaf eegumsa ni taasisa. Hanqaaquuwwan kunniinis oowwi bishaan keessaa haga digrii 27 yoo ta’e, saa’aa 24 keessatti ilmooleen xixiqqoon keessaa bahu. Garuu oowwi bishaanii gad bu’aa yoo ta’e ammoo haga guyyaa lamaatis turuu danda’u. sanyiileen Raas gariin waggaa 3 qofa kan jiraatu yoo ta’u, warri haga waggaa 30 jiraatanis ni jiru. Hedduun isaanii garuu waggaa 5 bira hin dabran.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Back to top button