Dachiin irra jiraannu tun haalaan guddodha. Dachii tana dhibbeentaan 75 ol bishaaniin uwwifamee jira. Ardiileen gurguddoon ilmi namaa irra jiraatu 6 yoo tahan, isaanis: Afrikaa, Awroopaa, Eeshiyaa, Ameerikaa Kaabaafi Ameerikaa kibbaati. Ardiin biroo ammoo tan ilmi namaa irra hin jiraanne Antaarkitikaadha. Sababaan ammoo haala qilleensaati. Ardiin tun yeroo hunda cabbidhaan uwwifamti.
Ardiin Antarktikaa tun haga bara 1820tti ummata addunyaa biratti heddus hin beekmatu. Namoonni hedduun barbaacha Ardii haarawaatiif garas imalanis, sababa qabbana ardii sanirra jiruuf jecha, namni achi dhaqqabe hin jiru. Tahus Bara 1820 booda Ilmi namaa gara ardii tanaa imaluu jalqabe. Haa ta’u male Ardiin tun biyyoota hedduuf bakka walitti bu’iinsaa taatee jirti. Biyyoonni dagaagan kan akka Ameerikaa fi Raashiyaa ardii san adda qooddatanii qorannoo garagaraa geggeessutti jiru. Akkasumas biyyoonni ollaa kan Akka Arjantiinaa fi Chiiliitis lafa Antaarktikaa gara isaanitti dhihaatu fudhatanii jiran. If dura yoo warqiin ykn gaazni boba’aa argame ammoo, waraanni guddaan banamuu akka danda’us tilmaamamee jira.
Antaarkitikaan Ardiiwwan dachii tanarra jiran hunda keessaa qabbanooftuudha. Akkasumas Ardii bubbee hamaa qabaatuudhaanis sadarkaa duraa irratti argamtu. Bubbeen Ardii tanarra jiru Sa’aatii takka keessatti Kilomeetira 320 ol saffisa. Cabbii addunyaa tana irra jiru keessaa, parsantii 90 kan ta’u Ardii tana irratti argama. Ardiileen Hafan jahan ammoo cabbii Parsantii 10 qofa qaban jechuudha.
Ardiin Antarktikaa bakka lamatti qoodamti. Sunis Antaarktikaa Bahaa fi Antaarktikaa Dhihaati. Antaarktikaan bahaa harka sadaffaa Ardii tanaa yoo ta’u, guutumaan guututtis cabbiin uwwifamaadha. Antaarktikaan dhihaatis akkuma bahaa san cabbii qabaatus, guutumaan guututti kan uwwifamee miti. Jidduu Antaarkitikaa Bahaa fi dhihaa kana ammoo gaara Traansantaarkitik jedhamutu jira. Gaarri kun Kaaba Antaarkitikaa irraa kaasee Haga kibbaatti argama. Cabbiin Ardii tanarra jiru Akkaan guddaadha. Cabbiin antarkitikaa kun Walumaa galatti Kiloomeetira 2 furdata. Kana jechuun Namni tokko lafa akka amma nuti irra jiraannuu kana argachuudhaaf dirqamatti Kilomeetira 2 gad qotuu qaba jechuudha.
Antaarkitikaan dachii Cabbiin uwwifamte taatus, Saayintistoota biratti dachii gogogduu (desert) jedhamuudhaan beekamti. Sababni isaa ammoo jiidha qabaachuu dhabuu isiiti. Dachiin tun Rooba hin qabdu jechuu ni dandeenya. Rooba Ardii tana irratti roobu irra, rooba gammoojjii Arabiyaa fi Sahaaraa keessaatti roobutu kan Antaartiikaa caala. Ardii tanarratti bishaan argachuudhaaf, dirqama laggeen barbaaduu ykn ammoo qarqaratti dhihaatanii jiraachuun barbaachisaadha. Qabbanti dachii kanaa ammoo kan ajaa’ibaati. Akkuma sila jenne, biyyoonni adda addaa ardii tanarratti qorannoo gaggeessaa jiru. Iddoon Buufata Qorannoo Raashiyaa kan Vostol jedhamu itti ijaarame, teempireecharri isaa Negatiiva 89.6 ykn ammoo digrii faarhaanaayitii 193.28 taha. kun haala qilleensaa ilmni namaa irra jiraachuu dandahuu miti.
Ardii tana irratti biqiltuun tokkollee hin biqilu. Mukkeenis Ardii tanarra hin jiran. Wanti Ardii tanarra jiru Arri dhagaa, Saaphaphuu fi Algeedha. Isaan kanniinuu argachuudhaaf bakka bishaanii fi dhagaan jiru dhaquun dirqama. Garuu waan ajaa’ibaa tokkotu jira. Haala qilleensaa akkaan qabbanaawaa kana keessattis, Rabbiin bineensa lubbuu qabu muraasa uumee jira. Bineensonni kunniin qabbana san keessa akkamitti jiraatan jettanii hin gaafatinaa! Gooftama uumetu akka jiraachisetti jiraachisa. Bineensota keessaa Peenjiyuun, Whale fi qurxummiileen muraasni Ardii tanarra jiraatu.
Ilmi namaa Ardii tanarratti mana ijiraate jiru hin jiru. Biyyoonni gurguddatan kan akka Ameerikaa, Raashiyaa fi Biyyoonni Awurooppaa tokko tokko garuu, Ardii tana irratti buufata qorannoo ijaaruudhaan saayinstistoota achi qubsiisanii jiru. Qorannoon garagaraa ardii san irratti godhamutti jira. Ilma namaa haala qilleensa ulfaataa kana keessatti akkamitti jiraachisuu dandeenya jedhanii, gad fageenyaan qorannoo godhaa jiran. Akkasumas cabbiin Ardii san irra jiru akka hin baqneef eegumsi godhamuu qabu kan akkamii akka ta’e hubatuudhaaf qorannotti jiran. Sababni isaa ammoo, oowwi qilleensaa amma Ardiiwwan kaawwan irratti dabalaa jiru, qorattoota yaachisaa waan jiruufi. Akka qorattoonni jedhanitti, Cabbiin kilomeetra 2 furdatu kan Ardii Antarktikaa irra jiru kun yoo baqe, biyyoota dachii tanarra jiran keessattuu kanneen lafa dhooqaa fi qarqara irra jiraan guutumaan guututti barbadeessuu danda’a jedhan. Rabbiin ol aane eegumsa isaatiin nu haa eegu.
Qabxiilee ijoo ardii tanaa:
Antraktikaan Ardiilee dachii tanarra jiran keessaa guddinaan sadarkaa shanaffaa irratti argamti.
Ardiin tun Ardii akkaan qabbanooftuu goggoyduufi Ardii Bubbeen itti heddummaatu.
Antarkitikaan yeroo duraatiif ilma namaatiin bara 1820 argamte
Ardii tanarra bakka Roobni haga hardhaa Roobee hin beeknetu jira. Akkasumas Rooba dachii tanarratti Roobuu keessaa Roobni xiqqaan ardii Antaarktikaa irratti rooba
Cabbiin Ardii tanarra jiru Kilomeetira 2 ykn Meetira 2000 furdata. Cabbii kana jalaan ammoo laggeen garagaraa heddu akka jiran qorannoon beekamee jira.
Qophii Abu Ibtisam