header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoggansa Majlisa Federaalaa haarayatti muudameef hiriirri deeggarsaa waamame

Korri walii galaa mana marii dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa walga’ii Caamsaa 18,2014 Hoteela Sharaatoniitti geggeesseen, hoggantoota mana mariichaa duraanii sagalee caalmaan angoo irraa kaasuun hoggantoota ce’umsaa ji’oota 4’f turan muduun ni yaadatama.

Kanuma hordofuun Manneen marii dhimmoota Islaamummaaa naannoolee murtii korri walii galaa dabarse kun hatattamaan hojii irra akka olfamu gaafataa jiran.

Haaluma kanaan manni marii dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa jum’aa iftaanii ummanni Muslimaa, hoggansa jijjiiramaa haarawatti muudame kanaaf deeggarsa akka ibsatu waamicha taasisee jira.

 

Back to top button