header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Gammoojjii Kalahaarii

Jechi ingiliffaan kan ‘Desert’ jedhu, hiikaan isaa OOWWA jechuu qofaa miti. Afaan ingiliffaatiin, lafti lubbu qabeeyyiin irra hin jiraannes Desert jedhama. Desert jechuun qilleensa oowwaa jechuu qofaa miti. Hiika jecha tanaa qalbitti qabannee yaadaan gara imalaa haa kaanu. Imalli keenyas gama Kibba Afrikaati. Gammoojjiin hardha daawwachuuf deemnu kun KALAHAARII jedhama.

Gammoojjiin kun Akka gammoojjii Sahaaraa san cirracha goggogaa sanii miti. Waggatti rooba akkaan guddaa argata. Gammoojjiin kun biyyoota kibba Afrikaatti argaman afur keessatti argama. Isaanis Botswaanaa, Naamibiyaa, Angoolaa fi Afriikaa Kibbaati. Isaan kanniin keessaa dachii Bootswaanaa dhibbeentaa 70 ol uwwisee kan argamu yoo ta’u, Naamibiyaa ammoo 1/3ffaa dachii sanii gammoojjii kanatu haguuge. Gammoojjiin kun kaabaa ka’ee hanga Kibbaatti kilomeetira 1600 dheerata. Bal’inni isaa bahaa hanga dhihaa jiru ammoo Kilometira 965 ta’a. Walumaa galatti gammoojjiin Kalahaarii lafa iskuweer Kilomeetira 930,000 ta’u uwwisee argama.

Kalahariin gammoojjii cirrachaan uwwifame yoo ta’u, tulluulee cirricharraa uumaman heddu ofirraa qaba. Tulluun cirrachaa inni guddaan sirri galaanaa irraa meetira 900 ol dheerata. Tulluuwwan cirrachaan ijaaraman heddu yoo ta’an, hedduun isaanii baala mukkeenii fi biqiltoota garagaraatiin uwwifamanii jiru.

Gammoojjiin Kalahaarii waggatti rooba guddaa argata. Haa ta’u malee lafti kun cirrichaan waan uwwifameef roobni roobu hundi cirrachan saniin liqimfamee bada. Roobni cirricha kanarraa hafe ammoo, laga okaavaangoo jedhamu kan Botswaanaa keessatti argamutti makama. Lagni kunis qaamman bishaanii Gammoojjii kanaa keessaa, waggaa guutuu kan yaa’u isa qofa. biqiltoota dabalatee lubbu qabeeyyiin heddu laga kanatti irkatanii jiraatu.

Akka Encyclopedia Britannica’tti, gammoojjii jechuun hiika lama qaba. Inni duraa lafa bishaan iinchii kudhanii gad argatu jechuu dha. Akkasumas roobni dachii kanarratti roobu, hamma dachii kanarraa hurkuu gad yoo ta’e gammoojjii jedhamee waamama. Sababa kanniin lamaaniif Kalahaariin Gammoojjii jedhamee waamame. Lafti gara Kaabaa jiru Rooba inchii Kudhan argatus, lafa cirrachaa ta’uu isaatiin akkasumas lafti gara Kibbaa jiru ammoo rooba iinchii 5 qofa waan argatuuf maqaan gammoojjii kun itti moggaafame. Haalli qilleensa isaa ammoo wal makaadha. Yeroo bonaatti, guyya guyyaa hoo’i haga digrii faaranaayitii 115 ykn ammoo digri seentigreedii 46 ol ka’a. Yeroma kanatti haalli qilleensa halkanii ammoo faaraanaayitii 80 ykn digri seentigreedii 27 ta’a. Yeroo gannaatti ammoo qabbanti digri faaranaayitii 10 ykn digri seenti greedii negaativa 12tti gad bu’uu danda’a.

Dachiin tun waan cirrachaan uwwifamteef, biqiltoonni hedduminaan irratti hin biqilan. Haa ta’u malee naannoo laggeenii fi bishaan heddu jirutti akkasumas bakka roobni hedduun jirutti biqiltoonni ni biqilu. Dabalataanis akkuma dura isinitti himne roobni hedduun cirrachaan waan liqimfamuuf, biqlitoonni cirracha kanarratti biqilanis biqiltoota hidda dhedheeraa qabaniidha. Biqiltoonni kunniin hidda isaanii lafa jala fageessanii bishaan fageenyarraa harkifatu. Haala kanaan kalahaariin gama Kaabaa fi jiddu galeessaa mukkeen hedduu fi bakka tokko tokkotti bosonas ni qaba. Bosona kalaahaarii kana keeessa, mukkeen furdina qabaniifi mukkeen dhedheeroonis ni jiru. Isaan keessa inni beekamaan Baa’obaab jedhamuun waamama. In shaa Allaah waa’ee muka ajaa’ibaa kana barruu biraa keessatti itti deebina.

Gama bineensotaatiinis gammoojjiin kun dureessa. Paarkiiwwan hedduu fi bineensota tuuristoota harkisan heddutu dachii tana keessatti argama. Fakkeenyaaf biyyiti Bootswaanaa bineensota akka Arbaa, roophii, sattawwaa fi sanyiiwwan adurree, kan akka leencaa, qeerransaa, cheetah fi kanneen birootis of keessaa qabdi. Addunyaa kanarraayis Arba heddu qabaachuudhaan sadarkaa duraa irratti argamti. Walumaa galatti bineensonni dachii kanarra jiran hedduun isaanii gammoojjii kana gara Kaabaatti argamu.

Qabxiilee ijoo:

Kalaharii jechuun Afaan bootswaanaatiin ‘Dheebuu guddaa’ jechuudha.

Haalli qilleensaa yeroo bonaatti akkaan oowwaa yeroo gannaatti ammoo akkaan qabbanaawaadha.

Lagni gammoojjii kana keessa waggaa guutuu yaa’u tokko yoo ta’u, innis Okaavaangoo jedhama.

Gammoojjiin kun bal’ina lafaatiin addunyaa irraa jahaffaa Afriikaa keessaa ammoo lammaffaa irratti argama.

Qophii : Abu Ibtisam

Back to top button