Waraana addunyaa lammaffaa
Lola Raashiyaa fi Yukreen jiddutti geggeeffamaa jiru dabalatee walitti gaarrifannaan Iraanii fi Ameerikaa jiddutti yeroo heddu mudate, akkasumas Chaayinaan iddoola Taaywaan weeraruuf dhaadannoon dhageeysiftu, addunyaa waan cinqaa jiru fakkaata. Waraanni Addunyaan sadaffaan ka’uu mala sodaan jedhus ni jira. Waraanni waan hamaadha. Namni fagoo taa’ee waraanatti wal kakaasa malee inni uggee itti seenu muraasa. Addunyaan amma dura waraana garagaraa heddu keessummeessitee jirti. Lubbuu heddu itti gabbartee, qabeenya heddus dhangalaastee jirti. Waraana Addunyaa lammaffaa booda waraanarraa fagaatuudhaaf tattaaffiin hedduun godhamus, qabatamaan wanti lafa jiru garuu ammas waraanni biroo waan as deemaa jiru fakkeessa. Barruu tanaan qabxiiwwan ajaa’ibaa waraana addunyaa 2ffaa isinii dhiheessina.
Yeroo waraana addunyaa lammaffaatti dubartoonni Jarman Miiliyoona lama tahan, kan umriin isaanii waggaa 13 hanga 70 tahan waraana Sooveet Raashiyaatiin gudeedamanii turan. Galmeeleen seenaa akka mul’isanitti, Waraanni Raashiyaa waraana Jarman moohatee eega jarman too’ateen booda, gara saamichaa fi gudeeddii dubartiitti seene. Miseensi waraanaa Raashiyaa tokko akka dubbatetti, sababa waraanaatiin namni heddu miidhamee ture. Dubartoonni hedduunis du’aniiran. Nutis waggaa 4f dubartiin wal arguu hin dandeenye. Sababa kanaaf jecha ijoollee xixiqqoo waggaa 13 fi manguddootas gudeedaa turre jechuun dubbate.
Dhimmi Waraana addunyaa lammaffaa wayta ka’u hunda, Yahuudonni miiliyana 6 tahan kan Waraana Hitlariin ajjeefaman ni dubbatamu. Haa tahu malee Yahuudota caala kan haalaan miidhaman lammiilee Chaayinaati. Jaappaan eega Chaayinaa weerartee booda Chaayinoota miiliyana 6 ol tahan fixxeer jiti. Walumaa galatti Jaappaan lammiilee Chaayinaa, Kooriyaa, Indoneeshiyaa, Filippiinoo, fi Maaleezhiyaa miiliyoona 10 tahan ajjeefte.
Yahuudonni waraana hitlariin miidhamuun isaanii dhugaadha. Yahuudota miidhamaa turaniif gargaarsa godhuudhaan muslimoonni lubbuu nama hedduu baraaraniiru. Masjiidni magaalaa Paariis keessatti argamu tokko, yahuudotaaf waraqaa eenyummaa muslimaa kennuudhaan lubbuu isaanii hambisee jira. Akksumas yahuudota kumaatamaan laakkawaman masjiida keessatti dhoksuudhaan waraana Hitlar Magaalaa Paaris weeraree ture jalaa hambiseera.
Mudannoowwan ajaa’ibaa waraana addunyaa 2ffaa keessatti mudaterraa inni tokko waahee paarkii ingiliiziiti. Wayta waraanni addunyaa 2ffaan eegalamu ingliiz tarkaanfii ajaa’ibaa tokko fudhatte. Bineensota summii qaban kan nama miidhuu dandayan, kan paarkii biyyattii keessatti argaman hunda akka ajjeefaman goote. Sababaan kana gooteef ammoo, akka tasaa tahee yoo paarkiiwwan biyyattii boombiin haleelaman, bineensonni summii qaban kunniin paarkii keessaa bahanii lammiilee biyyattii miidhuu dandahu jechuun bineensota summii qaban hundarratti du’a murteessite. Haala kanaan bineensonni summii qaban kan paarkii keessa turan hundi ajjeefaman. Wanti nama ajaa’ibu ammoo, osoo paarkiin tokkollee hin tuqamin waraanni addunyaa 2ffaan goolabame.
Waraana addunyaa 2ffaa irratti Jarman biyyoota Awrooppaa guutumaan guututti weeraruun yahuudota dachii tanarraa dhabama godhuu karoorfattee turte. Akka yaadde tahus baatu biyyoota heddu ji’a tokko keessatti weeraruu dandeesseerti. Poolaand, Deenmaark, Noorway, Nezerlaand, Beeljiyeem fi Fransaay ji’a tokko keessatti Naazii jarmaniitiin too’atamaniiru. Garuu yahuudota hunda fixuu hin dandeenye.
Waraana addunyaa lammaffaatiin namootni miiliyoona 75 tahan ajjeefamaniiru. Kana keessaa miiliyoona 40 kan tahan namoota nagayaati. Raashiyaa jalaa lammiilee miiliyana 27 tahantu ajjeefame. Akka biyyaattis kan namni heddu irraa ajjeefame Raashiyaadha. Kana keessaa miiliooyan 19 kan tahan lammiilee nagayaati.
Qophii Abu Ibtisam