OdeeyfannooOg-Barruu

Jaappaan keeysatti Foon fardaa foon looniitiin garaagarummaa akka hin qabne quba qabduu?

Mootummaan Jaappaan manguddootaa hayyama shofeerummaa fedhiin deebisaniif gatii awwaalchaa ni hir’isa.

Jaappaan Addunyaa irratti biyya manguddoota heddu qabdu yoo taatu, Ummanni biyyattii 35% tahu manguddoota Umrii  60 oliiti. Kana jechuun namni ilmoo dhaluu laaffisee jira. Warri dura dhalatee addunyaan wal qunname osoo ilmoo hin argatin manguddoomutti jira. Akka mootumaan Jaappaan jedhutti, namoonni umriin manguddooman wayta makiinaa oofan balaa heddu dhaqqabsiisutti jiru. Kanaafuu manguddoo fedhii isaatiin hayyama shofeeraa fidee natti kenneef kafaltii awwaalchaa nin hirrisa jedhe.

Haaluma kanaan qondaaltonni magaalaa Aichi jedhamtuu, dhaabbata nama awwaalu waliin tahuudhaan; Manguddoota hayyama shofeerummaa fedhii isaaniitiin mootummaaf deebisaniif baasii gatii awwaalcha isaaniitii fi maatii isaanii dhibbeentaa 15’n hir’isanii jiru. Qondaaltonni magaalaa Tookiyootis tarkaanfii walfakkaataa kan fudhatan yoo tahu, dabalataanis dhaabbilee adda addaa waliin tahuun manguddootaaaf gatii nyaataa, taaksii fi kafaltii adda addaa hir’suun jajjabeessaa jiru. Seerri kun bara 2017 irraa kaasee hojii irra oolee jira.

Jaappaan  keeysatti  manguddoonni miiliyoona 5 kan umrii 75 ol tahan hayyama shofeerummaa qabu. Yeroo ammaa Bayinnii Ummata Jaappaan miiliyoona dhibba tokkoofi  miiliyoona 30 tilmaamama.

Ammas waa’ee jaappaan irraa odeeffannoolee ajaa’ibaa muraasa isinii qoodna.

Jaappaan keeysatti Foon fardaa foon looniitiin garaagarummaa hin qabu. Hoteela hundatti foon fardaa ni gurgurama. Nyaanni gosa adda addaatis foon fardaa irraa ni qophaawa.

 

Jaappaan keeysatti hollannaan  lafaa amata hundaa ni mudata. Hammi isaa xiqqoo tahus, waggaa tokko keeysatti yeroo tokko lafti ni hollatti. Sababaa kanaaf qabeenyi miiliyoona hedduun tilmaamamu waggaa waggaan barbadaawa.

Lammiileen Jaappaan lubbuu ofii galaafatuudhaan addunyaa irratti beekamu. Waggaa tokkotti nama 100,000 keeysaa namni 24 of ajjeesa. Irra hedduun nama of ajjeesuutis dubartoota umrii 15-34ti. Akka qorannoon himutti sababaan namoonni of ajjeesaniif, qaalawiinsa jireenyaati, dubartoonni hedduunis wayta heeruma dhaban if ajjeesu. Jaappaan keeysatti namni if ajjeese akka jaynaatti laallama. Sababaa kanaaf namni of halaakutti jira.

Akkaataan ummnni jaappaan qaama itti dhiqatus waan ajaa’ibaati. Namni hundi baanyoo manaa qaba. Jalqaba bishaan oowwaa baanyoo kana keeysatti guutan. Achi booda nama hunda dursee abbaan warraa shaawora seenee saamunaan qaama dhiqatee if qulqulleeysee eega bahee booda, baanyoo bishaan oowwaan guutame kana keeysa seenee xiqqoo ciisa. Wayta kana qaamni isaa balfarraa qulqullaawee waan jiruuf, bishaan kana hin booressu jechuudha. Eega abbaan baanyoorraa bahee booda haadhatu itti aana. Itti aansuun ilma hangafaa…. Haala Kanaan maatiin tokko bishaan baanyoo tokkoo kana keeysa seenu jechuudha. Wanti kun Jaappanitti aadaa baramaadha. Bishaan namni biro keeysa seenetti hin dhiqadhu jechuun hin jiru.

 

 

Show More

One Comment

  1. bismillah assalaatu wassalaamu alaa Rasuuli Allah
    isin hoo shariaa islaamaa kaysatti foon fardaa foon looniitiin garaagarummaa akka hin qabne hin baytanii hanga arraatti
    foon fardaa, fii foon harree diidaa halaala
    harree fi gaangeen ammoo haraami
    isinitti gabaa

...

Back to top button