Lafa Baatii 2 Guutuu Aduun Hin Dhiine (Gammoojji Arkitiik)

Jecha gammoojjii jedhu yoo dhageenyu wanti dafee sammuu keenyatti dhufu; lafa cirrachaan guutame, kan oowwa hamaa qabuu fi dachii goggogaadha. Dhugumatti gammoojjiiwwan hedduun amaluma kana qaban. Gammoojjii baalee fi booranaa, akkasumas gammoojjii saharaa fi Arabiyaa laaluunuu gahaadha. Har’aaf garuu gammoojjii amala kanaan faallaa qabu isin daaw’achiisna. Gammoojjiin kun Gammoojjii Arkitiik jedhamuudhaan beekkama. Rabbiin keenya gammoojjii kana haala addaatiin uume.  Gammoojjiin kun kan cirrachaan guutamee miti. Qilleensi isaatis oowwaa miti. Inumaa qabbana akkaan hamaa tahe qaba. Duuba maaliif gammoojjii jedhame hin jettanii ree? Obsaan dubbisaa.

Gammoojjiin kun Gammoojjii Arkitiik jedhama. Gammoojjiin Arkitiik gama Kaaba dachii irra jiraannuu, Ameerikaa kaabaa fi Awrooppaa olitti argama. Arkitiik lafa iskuweer maayila 62,300 (Square KM 100262) uwwisee argama. Lafti kun eddoola garagaraa heddu kan qabu yoo ta’u, Eddoola gammoojjii kana keessa jiran keessaa Greenland, Severny, Melville fi North Pole kan jedhaman akkaan gurguddoodha. Dachiin kun gaarreen gurguddaa, Gilaasharoota (Glaciers) akkasumas dachii diriiraa heddu ofirraa qaba. Gaarren gammoojjii kana keessaa akkaan qabbanaawoo yoo ta’an, jiidhinas ofirraa hin qaban. Glaashar jechuun gaara cabbii jechuudha. Gammoojjiin diilallaawaan kun gaarren cabbii gurguddaa irraa ijaaraman heddu qaba. Lafti diriiraanis akkuma Gaarrenii fi Gilaasharootaa qabbanaawaadha. Ilmi namaatis dachii diriiraa kanarra jiraata.

Haalli qilleensa gammoojjii kanaa akkaan ulfaataadha. Yeroo gannaatti qilleensi isaa haalaan kan diilallaawu yoo ta’u, bona ammoo qabbanti isaa xiqqoo ni laafa. Namoonni naannoo san jiraatan yeroo qabbanti xiqqoo woyyaawu kana oowwaa jedhanii waaman. Walumaa galatti wanti oowwa jedhamu gammojjii kana keessa hin jiru. Ji’a Muddee fi Amajjii keessa qabbanti naannoo sanii digrii selshiyasii -50 yoo ta’u, Ji’a adooleessaa ykn ammoo yeroo oowwa jedhamee waamamutti ammoo digrii seelshiyasii 10 ta’a. Avreejiidhaan haalli qilleensa dachii kanaa digrii seelshiyasii 0 hanga -20 ta’a.

Roobni gammoojjiin kun argatus akkaan xiqqaadha. Waggaatti rooba Miili liitira 250 ykn ammoo iinchii 10 hin caalle argata. Roobni kunis bifa bishaaniitiin osoo hin taane, hurriiwwan jiidhina qaban (Snow) irraa argama. Ajaa’ibni gammoojjii kanaa aduu isaati. Aduun gammoojjii Arkitiik irratti baatu oowwa hedduu hin kennitu. haa ta’u malee ji’oota bonaa keessa guyyaa 60f ykn ammoo ji’a lamaaf aduun hin seentu. Bahaafi seensa aduu wanti jedhamu ji’a lamaaf hin jiru jechuudha. Namnis sa’atima ofii laallataa dalagaa yoo geesse galee rafa. Guyyoota jahaatamman kanniinitti aanee ammoo ji’a dukkanaatu dhufa. Ammas guyyoota jahaatamaaf ilmi namaa osoo aduu hin argin jiraata. Waan ajaa’ibaati. Dachiin tun waan lafa teenya tana irra jirtu hin fakkaattu.

Rabbiin (SW) Qudraa isaatiin dachii qabbanaawaa fi goggogaa kana keessa ilma namaatii fii lubbu qabeeyyii birootis jiraachisaa jira. Isaaf wanti hundi laaftuudha.Dachii Arkitiik kanarraa lafa dhibbeentaa 5 ta’u qofatu biqiltootaan uwwifame. Biqiltoonni kunniinuu biqiltoota haala qilleensa qabbanaawaa san dandamachuu danda’an qofa. Isaanis arri dhagaa fi algeedha. Biqiltoonni gaggabaaboon biroo kanneen akka margaa kan biqilan ta’us, dheerinni isaanii garuu meetira tokko hin caalu.

Dachiin Arkitiik kun lubbu qabeeyyi heddu ofirraa qaba. Arkitiik qabbanni isaa haalaan guddaa ta’us; hoosiftoonni, Allaattiiwwan, qurxummiilee fi ilbiisonni haala qilleensaa kana dandamachuu danda’an ni jiraatu. Hosiftoota keessaa bineensonni akka Jeedala AArkitiik, Polar bear, Yeyyii, Squirrel (osolee), Hilleensa Arkitiik, Vole, Lemming, Caribou, Seal, Walrus, fi Whale ni argamu.  Allaattiiwwan keessaa ammoo, Harraagessa, Culullee, Loon, Snow hunting, Sandpiper, Snow Bird, Tern fi sanyiiwwan allaatii heddu kan jiraatan yoo tahu, hedduun isaanii haala qilleensaa irratti hundaayanii bakka irraa bakkatti godaanaa jiraatu.

Qurxummiilee keessaa Trout, Salmon, Flatfish fi Cod, akkasumas ilbiisota keessaa ammoo Sanyiiwwan muraasa kan akka Korophiisaa, Kanniisa Arkitiik, Bookee, Billaacha, Tiisisa gurraacha, fi kanneen birootis gammoojjii diilallaawaa fi ulfaataa kana keessa jiraachutti jiru. Walumaa galatti qammojjii qabbanaawaa Arkitiik kana keessa sanyii biqiltootaa 700 ta’uu fi sanyiin lubbu qabeeyyii 120 ta’utu jiraata.

Ilmi namaa gammoojjii addaa kanarra jiraatus ni jira. Ummanni dachii kanarra jiraatu Iskiimoo jedhamuudhaan beekkamu. Ummanni kun haala qilleensa ulfaataa gammoojjii kanaa dandamachuudhaan yeroo dheeraaf jiraatanii jiran. Mana isaanii cabbii irraa kan ijaaratan yoo ta’u, yeroo qilleensi gama oowwatti dhihaatu manni isaanii kun baqee jalaa bada. Yeroo kanatti dukkaanaa gogaa bineensotaa irraa ijaarame keessa jiraatu. Iskiimonni uffata furdaa akkasumas Kophee akkaan jabaa ta’e gogaa bineensotaa irraa tolfatanii uffatu. Wanti facaasanii biqilchanii, haamatanii sooratan hin jiru. Sooranni isaanii hundi adamoo bineensotaa irraa argama. Qurxummiilee fi hoosiftoota garagaraa adamsuudhaan soorataa jiraatu.

Rabbiin  (SW) waan fedhe akka ofii fedhetti jiraachisa. Ummata dachii qabbanaawaa fi lafa homaa hin biqilchine irratti uumus, soorata isaan nyaachisu isaaniif kennee jira. Inni mootii haqaati. Mootii nama hin zallamne. Waan hunda karoora isaatiin akka ta’uu qabutti mijeessee qindeessee uume. Nama xiinxallee ilaaleef isa kana keessas baruumsa guddatu jira.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comments
Loading...