header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Mana isaa keessatti huccuu mulqannaan hidhame.

Seerri ilmi namaa baasu kan waa hunda guttate hin jiru. Yoo Gama tokkoon laafee ummataaf bilisummaa irraa boodaa kennes, gama ummanni quba hin qabneen biyya balleessa. Yoo akkaan jabaatee ummata sochii dhoorke ammoo, diigamaafi gaaga’ama guddaatu mudachuu mala. Walumaa galatti seerri namoota 500 hin caalleen paarlaamaa keessatti ragga’u hir’ina gara garaa qabaachuun isaa hafa hin qabu. Inuu seerri gariin nama kofalchiisaahu. Barruu tana keessatti wantoota seeraan wal qabatan kan ajaa’iba tahan isinii dhiheessina.

Taaylaand keessatti poolisiin dogongora hojjate, huccuu bifa pink qabu harkarratti maratee karaa irra akka dhaabbatu taasifama.

Biyyoota heddu keessatti poolisii yakka hojjate ni hidhan ykn mindaadhaan adaban. Poolisa yeroo dalagaa hin kabajnes waan adda addaatiin adaban. Garuutuu poolisoonni yakka hojjatan yeroo heddu adabbii isaan irratti murame fudhatanii, badii isaaniitis ittuma fufan. rakkina kana kan hubate hoogganaan poolisoota biyya Taayilaand seera ajaa’ibaa tokko qopheessee gama qaama ol aanuu dabarse. Namni rakkoo sasalphaa fi dogongora xixiqqoo hojjatu huccuu bifa pink qabu uffatee karaa irra haa dhaabbatu jedha seerri qophaaye. Paarlaamaan biyyattiitis seera hogganaa poolisootatiin qophaahe kana eega irratti marihatee booda sagalee guutuun mirkaneesseef. Kana booda hoogganaan poolisaa kun seera kana hojjattoota isa jalatti argaman hundaaf ibse. Poolisoota qofaaf osoo hin taane, TV fi karaa miidiyaalee adda addaatiin ummataaf akka ibsamu godhe. poolisioonni biyyattii guyyaa seerri kun hojii irra oolerraa kaasanii yeroon gara dalagaa dhufuu jalqaban. Akkasumas seeraa fi heera hunda eeganii dalagaa isaanii itti fufan. Huccuun bifa pink kan harka bitaa irratti hidhamu kumni 10 qophaayee ture. Haa tahu malee poolisoonni hundi ummata keessatti qaanfachuu dheefaaf dalagaa isaanii seeraan dalaguu waan itti fufaniif, hanga ammaatti namni huccuun halluu piikii kun harkatti hidhame hin argamne. Poolisiin yakka gurguddaa dalage garuu adabbii cimaatu isa eeggata.

Bara 2009tti lammiin Ameerikaa tokko huccuu mulqatee mana isaa keessa qullaa deddeemaa waan tureef hidhame.

Namni Eric Williamson jedhamu, ganamaan lafaa ka’ee osoo huccuu takkallee hin uffatin qullaa isaa buna danfisuu eegale. Dubartoonni 2 osoo mana isaa biraan dabrutti jiran daawwitii keessaan laalanii argan. Akkuma arganiin poolisatti bilbilanii dubbii tana himan. Poolisoonni magaalaa varjiiniyaatis hidhannoo isaanii jabeeffatanii makiinaa ari’aa dhufan. Hoggaa mana namtichaa bira gahan akkuma dubartoonni himan namtichi qullaa buna dhugutti jira. Hula itti dhaddawanii kaatenaa harkatti godhanii mana hidhaatti darban. Eegasii mana murtii geessanii abbaa murtii dura dhaaban. Akka seera Varjiiniyaatti namni tokko iddoo namni hedduun jirutti uffata ofirraa mulqee akka namni isa laalu yoo godhe, hidhaa waggaa tokkootii fi dolaara 2000’n adabama. Dubartiin takka daa’ima isii kan waggaa 7 qabattee mana isaa biraan dabraa jiraachuu isii eega himteen booda qorannoon itti hammaatee ture. Haa tahu malee Williamson manuma isaa keessatti qullaa deddeemuun isaa waan mirkanaaheef, abbaan murtii bilisaan akka lakkifamu murteesse. Tahus badii kanatti yoo deebi’e, adabbiin seeraan kaayame akka isa eeggatu itti himame.

Chaaynatti namni tokko haati warraa tiyya fokkottuudha jedhee himate.

Namni Jiyang Fing jedhamu intala haalaan itti bareedde takka laalee fuudhe. Eega yeroo dheeraa wajji jiraatanii booda intala dubraa takka deesseef. Daa’imti isaan argatan tun xiqqoo jabaannaan abbaan shakkuu eegale. Daa’imti tun Abbaas haadhas hin fakkaattu. Shakkiin isaa daangaa dabrinaan sadeeniin haakima dhaqanii qorataman. Akka bu’aan qorannoo mul’isutti daa’imti tun tanuma jara lameeniiti.  Jiyang Fing asittis hin dhaabbanne. Bara 2012 akka lakkoofsa miilaadiyaatti Iyyannoo isaa qopheeffatee gara mana murtii qajeele. Abbaa murtii dura dhaabbatee “intalti dhalatte tun haalaan fokkuudha. Bifa kiyya hin qabdu, kun jaartii tiyyarraa dhufe”jedhee himate. Abbaan Murtiitis himannaa isaa dhageeffatee qorannoon gahaan akka gaggeeffamu ajaja dabarse. Akkuma jedhame wayta qorannoon gaggeeyfamu jaartiin isaa akka amma jirtu kana akka hin turre beekkame. Isiinis wanti kun dhugaa tahuu amantee jirti. Fuula isii tolchuudhaaf dolaara 62,000 baasii godhuu isii mana murtiitti himte. Jaartiin isaa tun Fuula uumamaan qabdu plastic surgery’n jijjiirsistee nama biraa fakkaattee itti heerumte. Haa tahu malee sababa daa’ima isii tan dhugaan isii fakkaattuutiin saaxilamte. Abbaan murtii himannaa ragaan mirkanaahe eega dhageeffatee booda, dolaara 75,000 baasii Fing hanga guyyaa saniitti baaseef akka kafaltu itti mure.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button