header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Kiwwii

Qophii: Abu Ibtisam

Simbirri Kiwwii jedhamu kun gosa Simbiraa barriissuu hin dandeenye yookaan afaan Ingiliffaatiin Ratites jedhamu keessatti ramadama. Kiwwiin guddina qaamaatiin cuucii lukkuu kan caalu yoo ta’u, dhaltuun Kiwwii warra kormaa ni caalti. Kiwwiin akka simbirroota kaawwanii Baallii osoo hin taane, waan rifeensa fakkaatu qaba. Qoffeen Kiwwiidhaas kan addaati. Qoffee akkaan dheeraa kan qabu yoo ta’u, simbirroota keessaallee uumamni qoffee irraa qaawwa funyaaniitis qabu isa qofa.

Kiwwiin Biyya New Zealand qofa keessatti argama. Dachiin tanarra dur uumamni akka saree fi adurree waan hin jirreef, uumama akka Kiwwiitiif mijaawaa turte. Ammaan tana garuu erga Koloneeffattoonni akka Ingiliiz dachii san qubatanii, Adurree fi Saree gara dachii sanii geessaniin booda, uumamni Kiwwii kun dachii sanirraa dhabamaa jira. Akka sadarkaa addunyaattis uumama baduuf rakkoo hamaa keessa jiru keessatti galmaayee jira.

Simbirroonni barrisuu hin dandeenye hedduun isaanii qaamaan gurguddaa yoo ta’an, Kiwwiin garuu simbirroota biraa kan akka Guchiitiin yoo wal bira qabamu qaamni isaa xiqqaa dha. Garuu akkaataan uumama koola isaa akka barrisuu hin dandeenye isa godhe. Koolli isaa akkaan xiqqaadha. Akkasumas irree fi lafeen koola kana irra jiru jabaa miti. Waan kana ta’eef kiwwiin qilleensa irra balali’uu dadhabe. Gama biraatin akka simbirroota biroo mana ykn ammoo goojjoo muka irratti ijaarratee osoo hin taane, boolla qotee boolla keessa jiraata.

Kiwwiin soorata barbaaddachuudhaaf halkan socho’a. Uumamni kun ammas uumama biraa irraa waan adda ta’uun qaba. Inni duraa ija isaati. Bineensonni halkan halkan socho’an ykn kan afaan Ingiliffaatiin Nocturnal jedhaman, ija gurguddaa kan qaban yoo ta’an, Kiwwiin garuu ija xiqqaa qaba. Kanaaf halkanis ta’e guyyaadhaan waa ilaalee adda baafachuu irratti rakkoo qaba. Qaroon isaa akkaan dadhabaa dha. Guyyaa waan seenti meetira 60 isarraa fagaatu qofa arguu danda’a. Halkan garuu haga meetira 1.5 waan irraa fagaate arguu danda’a.

Qaama isiitiin yoo wal bira qabnee yoo ilaalluu Kiwwiin dhaltuun hanqaaquu akkaan guddaa ta’e hanqaaqxi. Fakkenyaaf Guchiin Hanqaaquu guddicha Addunyaa kanaa hanqaaqa. Garuu qaama isaatiin yoo walbira qabnu Killeen isaa kun akkaan xiqqaa dha. Guchiin Hanqaaquu qaama isaa parsantii 2 qofa ulfaatu hanqaaqa. Kan Kiwwii garuu yoo qaama isiitiin wabira qabamu akkaan guddaa dha. Kiwwiin Hanqaaquu qaama isii parsantii 20 ulfaatu hanqaaqxi. ilmi namaa yoo garaa haadhaa keessa jiru, ulfaatina qaama haadhaa parsantii 5 ta’a. Kan kiwwii garuu Parsantii 20. Haala kanaan Kiwwiin takka umrii isii guutuu keessatti hanqaaquu dhibba qofa hanqaaxi. Hanqaaquun simbirroota hedduu parsantii haga 40 qofatu boora of keessaa qaba. Kan Kiwwii garuu parsantiin 65 boora of keessaa qaba. Kunis ilmoon hanqaaquu keessaa bahu guutumaan guututti baallii rifeensa fakkaatu san uffatee akka bahu isa gargaara. Haatis ilmoo kana yeroo dheeraaf osoo hin taane, torbaan tokko qofaaf kunuunsiti. Kanaan booda ofiin socho’uu jalqaba. Maatii Kiwwii kana bira ammas ajaa’iba biraattu jira. Akkuma ilmi namaa walfuudhee bultii ijaarrattutti, Kiwwiin Kormaan tokko umrii isaa guutuu Kiwwii takka qofa wajjiin walqunnamtii walhormaataa raawwata. Isiinis isa qofa wajjiin raawwatti. Haala kanaan marsaa jireenya isaanii geggeeffatu.

Uumama kanarra wanti ajaa’ibaa kan biraa qoffee isaati. Qoffeen isaa simbirroota kaawwaniin akkasumas guddina qaama isaa wajjiin yoo walbira qabamu akkaan dheeraa dha. Guddina qofa osoo hin taane funyaan isaatis fiixee qoffee kanaa irratti argama. Qaroon ija Kiwwii laafaa waan taheef bikka san miira fuunfachuu isaatti fayyadama. Dabalataanis qorannoon dhiheenya kana godhame akka agarsiisutti, funyaan isaa fiixee Qoffee isaa irratti argamu, fuunfachuun alas faayidaa biraa qaba. Innis wantoota lafa keessa deemaa jiran sosochii isaanii ykn Viberation adda baafachuu danda’uu isaati. Kiwwiin qoffee isaa lafatti maxxansuudhaan wantoota lafa keessa socho’aa jiran adda baafata.

Kiwwiin baay’inaan raammolee xixiqqoo soorata. Dabalataanis firii fi baala garagaraatis ni soorata. Sanyiin Brown Kiwi jedhamu garuu wantoota bishaan keessa galan kanneen akka raachaatis ni soorata. Kiwwiin bishaan yoo barbaade wantootuma nyaatu keessaa argata. Walumaa galatti Kiwwiin waan goggogaa hin sooratu. Sooratni isaa cufti isaatuu soorata bishaaniin badhaadhe. Kanaaf Kiwwiin osoo bishaan hin dhugin yeroo dheeraaf turuu danda’a.

Kiwwiin ammaan tana uumama addunyaa kana irraa baduuf deemu  yookaan endangered animals keessatti galmaayee jira. Sababaan duraa waggaatti hanqaaquun Kiwwiin takka hanqaaqtu 3 caaluu dhabuu isaati. Kunis wantoota akka saree fi addurreetiin nyaatamaa jalaa bada. Akkuma tasaatuu ta’ee hanqaaquun sun osoo gara ilmootti jijjiiramellee, sareefii Adurreen adamsanii jalaa nyaatu.  Kana hanbisuudhaaf jecha ammaan tana kunuunsi guddaan godhamaafii jira.

 

Back to top button