header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Ummata teknoolojii quba hin qabne

Addunyaan teenya teknoolojiidhaan badhaatee akka ganda tokkoo taatee jirti. Guddinni teknoolojiitis guyyarraa hammayyaawutti jira. Ilmi namaatis teknoolojii wajji tarkaanfachuuf sochiin itti jiru waan laaftuu miti. Teknoolojiin nama afaan walii hin beeyne akka walii galu godhuu dandahee jira. Fakkeenyaaf walgahii dhaabbata mootummoota gamtoomanii keeysatti, namoota afaan gara garaa dubbatantu wal gaha. Namuu afaan beekuun haasawa. Hunduu afaan beekuun dhaggeeyfata.

Gama birootiin ummata teknoolojii quba hin qabnetu jiru. Teknoolojii qofa osoo hin taane, ummata ilma namaa kan huccuu uffatee deemu argee hin beeynetu jira. Akka hundi keenya beeynutti, bosonni qubsuma bineensota bosonaati. Ummanni akka bineensa bosonaa yeroo ammaa bosona keeysa jiraatu jiraachuu quba qabduu?

Akka barruun Business Insider gabaasetti, addunyaa tanarra ummanni ilma namaa irraa fagaatee kophaa jiraatu gosa 100 oltu jira. Ummanni kun teknoolojii nuti qabnu kana qubumaahuu hin qaban. Isaan malee namni biroo waan dachii tanarra jiru hin sehan. Isaanis qubsuma isaanii dhiisanii hin deeman, namnis itti hin dhaqu. Yeroo garii qorattoonni hilikooftaraafi xayyaaraan gara qubsuma isaanii wayta dhaqan, namoonni bosona keeysa jiraatan kunniin nama huccuu uffate yoo argan muka jalatti dhokatanii laalan. Akka hubannoo isaaniitti wanti dhokatanii laalutti jiran kun bineensa birooti malee ilma namaatii miti.

Dhaabbanni National Indian Foundation (FUNAI) jedhamu ummata naannawa Biraazil, bosona Amaazon keessatti argaman kan namatti dhihaatee jiraachuu hin feene kanniin madaqsuuf carraaqqii guddaa godhaa jira. Dhaabbanni kun mootumaa Biraazil waliin ta’uun namoota bosona Amaazon keessatti argaman viidiyoon waraabuu fi itti dhihaatuuf yaaleera. Videon waraabbame akka mul’isutti ummanni kun uffata tokkollee hin qabu. Namoonni haga 600 tahan, bakka afuritti qoodamanii jiraatu. Soorataaf bineensota adamsanii sooratan, yoo bineensi adamsamu dhabame firiiwwan mukaafi, Muduraalee guuranii sooratu. Akka qorannoon kun mirkaneeysetti, ummanni kun daangaa biyya Peeruu irraa dhiibamanii gara Braazil dhufuun isaanii beekkameera. Sababaan buqqa’aniif ammoo namoonni hashiisha daldalan qe’ee isaanii weeraruu akka ta’e barameera. Sababa kanaaf dhaabbanni kun ummata kana kunuunsuuf carraaqaa jira. Carraqqiin namatti dhiheessuuf godhame waan hin milkaayiniif, bakkuma jiran sanitti itti dhaqanii isaan kunuunsuun dalagaan heddu dalagamaa jira.

Ummanni kun yeroo duraa wayta namni xayyaaraan isaan irra maru, Allaattii guddatu dhufe jedhanii xiyyaan darbataa turan. Xiyyi isaanii summii hamaa waan qabuuf, allaattii guddaa kana kuffisanii soorachuuf hedduu bololaa turan. Ijoolleefi dubartoonni ammoo Allaattiin guddaan nu fixu dhufe jedhanii boolla keessaafi muka jalatti dhokachuu turan. Booda wayta xayyaarri lafa bu’ee namni keessaa bu’u muka jalatti dhokatanii laaluu eegalan. Guyyoota muraasa booda namoota kanniinitti dhihaachuu jalqaban. Namoonni qorannoof isaan bira dhaqan kan qaroomina hammayyaa qaban kunniin, yeroo muraasa booda isaan duratti wal loluufi walitti iyyuu eegalan. Ummanni qaroominarraa fagaatee bosona keeysa jiraatu kun ammoo waan kana hin beeku. Jarri bineensa bosonaa wajji malee, nama isaan fakkaatu wajji wal loluu hin beekan. Isaan bira walitti haasawuu malee walitti iyyuunis hin jiru. Aadaa isaan hin beeyne kan jiruu isaanii jeequ arginaan dheessanii gara bosona tuuchaa baqatan.

 

 

 

 

 

Ummanni kun aadaa addaa kan ittiin beekamu tookko qaba. Akkuma hundi keenya beeynu sablammoota ummaatoota kibbaa keeysaa ummanni hidhii baqayfatu ni jira. Ummanni bosona Braaziil keeysa jiraatu kunis hidhii gama jalaa baqaysuun, leeyman bakka lamatti dhoosanii ifitti maxxansu. Ujummoon leeymanii kun ilkaan gama jalaa biraa jalqabee hidhii baqayfamte keessaan hanga seentimeetira 20 gadi dheerata. Sababaa kanaaf ummanni kun laalchatti fuulli isaanii uumama biro fakkaata.

Ummanni kun yeroodhaaf ilma namaa irraa fagaatee jiraachuu filatee jira. Ilmi namaatis ofitti madaqsuudhaaf yaalii godhutti jira. Booddee ummata kanaa yoo Rabbiin  umrii nu kaaye wajjuma arguuf jiraanna.  

Comment

Back to top button