header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Akka Arabbanii dalagaa malee taajira ta’uuf Qur’aana dubbisee Islaamaye

Kutaa 1ffaa yoo dubbisuu feete LINK kana tuqi.

Laali yoo kana amante, yoo kanattis amante, sanittis amanuu qabda naan je’e. Wanti an hubadhe gooftaan du’uu isaatti amanuu dhabuu kooti. Garuu maal akka ta’e beeytuu? Waan kana isatti himuu hin barbaadu. Waan kana isaa amanuu hin fedhu.  Booda gurbaa gaafii na gaafateen, kun gaafii gaariidha. Amma gara kutaa hirribaa deemuu qaba, nagayatti je’ee biraa deeme. Maal akka ta’e beeytuu? Waan san irraanfachuu barbaade. Gara kutaa kiyyaa ol bahee, Tamboo xuuxaa, shaayii ykn buna dhugaa, waa barreessaa ykn waa dalagaa if irraanfachiisuu barbaade. Waan namni sun naan je’e yaadachuu hin feene. Garuu wanti inni dubbate, boqonnaa na dhoowwe. Dhugumatti dubbiin isaa dhiibbaa guddaa qaba. Akkuma jalqabarratti isiniif hime, Amantiin kiyya waan yeroo hedduuf yaaddoo natti tahe keeysaa tokko ture. Garuu gaafiin isaa sun, jireenya kiyya keessatti qabxii jijjiirama guddaaf karaa saaqe. Yoo hordofaa amantii wahii taatanii dhugaa barbaadaa jiraattan, Namni tokkollee kan gara islaamummaa ilaaluu hin jiraatu. Anis gara Islaamummaa as hin millanne.  Garuu Waan hunda ilaalee jira.

An yeroo kanatti sadarkaa wantoota biroo kanneen waan an itti amanuun ala jiran jibburra gahee ture. Walii gallee? Umriin kiyyas 19 fi 20. Waan yaada kiyya faalleysu hunda nin jibba. Kanaafuu Sadarkaa kanarratti amantii mataa kiyyaa uume. Amantiiwwan qoradhe hunda keeysaa wantoota gaggaarii walitti qabee amantii haarawa uummadhe. kanatti aansuun, filisofii amantii kiyyaa dagaagsuu jalqabe. Garuu osoo heddus hin turin, wanti an dalagaa jiru kun, waan jireenya kiyya keeysatti dalagaa ture keeysaa irra hamaafi irra fokkataa tahuu isaa hubadhe. Walii gallee? Wanti an keessa dabre hundi waan fokkotaa ture. Kana booda, kalaas natti haa hafu je’ee firraa dhiise. Amantiin natti haa hafu. Nama amantii ta’uun natti haa hafu. Wantoota kanniin hunda hin fedhu. Tarii jireenya jechuun waan hiika qabuu miti. Jireenya keessatti dureessa ta’uu caalaa wanti gaariin hin jiru. tarii rakkoon kun hundi waan an mallaqa gahaa hin qabaanneef na mudataa jiraachuu hin oolu ofiin je’e. Jireenya kiyya keessatti gammachuu argachuudhaaf, mallaqni haalaan na barbaachisa je’ee yaaduu jalqabe. Mallaqni maaliif akka na barbaachisu isinitti himuu fedha. Wantoonni haalaan na barbaachisan je’ee yaadaa ture, doonii ittiin bashannanuufi jeettii dhuunfaa qabaachuudha. Kun sadarkaa gara sadarkaa itti aanuu cehuuf na barbaachisan keessaa isa tokko je’aa yaaduu jalqabe. Kanaafuu jireenyi kiyya kan achiin duraa akkam akka ture tilmaamuu ni dandeessu.

Amma gaa taa’ee waahee mallaqaa yaaduu jalqabe. Walii gallee? Amma gara mallaqaa haa deebinu. Karaa Humna xiqqaa qofa fayyadamuun mallaqa heddu ittiin argachuu danda’u yaaduu jalqabe. Sababaan ammoo, eenyutu dalagaa humnaa ol dalaguu barbaada? Eenyutu yeroo dheeraa dalagaarratti dabarsuu fedha? Wanti si barbaachisu mallaqa. Mallaqa saniinis bashannanuu barbaadda. Dalagaa xiqqoo fi mallaqa guddaatu nu barbaachisa. Yeroo taphaafi boohartii guddaa barbaanna. Kanaafuu karaa waan kana ittiin milkeessuu danda’urratti qorannoo jalqabe. Waahee namoota addunyaarratti mallaqa argatanii haa ilaalu je’e. Mallaqa akkamitti akka argatan qorachuufii waahee isaanii yaaduu jalqabe. Waahee ingiliiz yaaduudhaan jalqabe. Mallaqni hedduun biyya san ni jira. Rakkoon hin jiru. garuu dalagaa heddu keessa dabran. Warraaqsa Indastiriitu ture. Oooooh kun hin ta’u. warshaaleen sheeyxanaa, gamooleen gurguddaan kunniin hundi warraaqsa Indastrii saniin dhufan. Kanaafuu waahee Ingliiz ofirraa dhiise.

Ameerikaa? Abjuu ameerikaa wanta je’amutu jira. Abjuun ameerikaa maali? Abjuun isaanii, Rakkoo wahii keessa jirta, rakkoo san keessaa bahuuf carraaqxa, wal dorgommitu jira. Wal dorgommii san injifattee, ofuma keetiin miiliyeenara taata. Kunis dalagaa akkaan heddu barbaada. Jaappaan hoo? Warri jaappaanis mallaqa heddu qabu. Garuu wanti isaan ittiin argatan hundi dalagaadha. Hundi isaaniituu ni dalagan. Guyyaan isaanii hundi dalagaadhaan dabra. Kanatti aansee, Warri Saudi Arabiyaa hoo? Gaafiin je’u sammuu kiyyatti dhufe. Isaan gaaluma isaaniirra taa’utti jiru. gara Allaahu Akbar deemuu (Gara Masjiidaa deemu). Garuu Mallaqa kana hunda argatan. Kan an barbaadu isa kana. Kun gaarii fakkaata, mee kana haa ilaalu je’e. Dalagaan hin jiru, garuu mallaqa guddaatu jira. Wanti wahii achi jiraachuu hin oolu. Kanaafuu waan kana haa yaadu ofiin je’e. Amantiin isaanii, kitaabni isaanii maali? Qur’aana. Sirriidha. Mee qur’aana isaanii kana haa ilaalu. Wanti addaa gaariin wahii jiraachuu hin oolu je’e. Wanti na kakaasee, gara mana kitaabaa deemee hiikkaa qur’aanaa akka fudhadhu kan na taasise isa kana. Waan ta’e beeytuu? Wanti an barbaadu karaa salphaa deemuudha. Bolola guddaan gara qur’aanaa deeme. Waan inni je’u beekuu barbaade. Qalbii tiyya banee itti dhufe. Dhugaa barbaachaafii miti. Waanuma kitaabni kun je’uu beekuuf bolola guddaa qaba. Wanti wahii achi keessa jiraachuu qaba. Osoo san ta’uu baatee qur’aana hin dubbisu ture. Walii gallee?

Achi booda Qur’aana dubbisuu jalqabe. An dubbisarratti saffisa jabaa qaba. Waan na mudate haalaan yaadadha. Baabura keessa ture, bakka jiraadhurraa laga tens je’amu qaxxaamuruun gara buufata baabura Viktooriyaa imalaa ture. haalaan yaadadha. Baabura keessa fooddaa jala taa’ee hiikkaa qur’aanaa kana dubbisaa ture. Fooddaarraan gara alaa laalee, deebi’ee kitaaba ilaalee, haalaan yaadadha waan yeroo san ofiin je’e. “Yoo kitaabota an dubbiserra kitaabni Rabbii jiraate, inni kana”ofii je’e. Yeroon an Qur’aanni Kitaaba Rabbii tahuu hubadhee amane yeroo sani. Yeroo hunda wayta waa dubbisu, dubbisuu qofaaf osoo hin taane, waan san dalagaarra oolchuu barbaada. Kun amala kiyya yeroo hundaati. Dubbisuu yoo barbaadde, irra deddeebitee dubbisuu ni dandeessa. burtukaana ijaan laaluu ni dandeeysa, bifti isaa ni bareeda, fooliin isaatis haalaan gaariidha fuunfachuu ni dandeeysa, garuu dhandhamuu qabda. Walii gallee? Dhugaan jirtu tana.

Achi booda yeroo heddu irra deddeebiin mana kiyya keeysatti salaatuuf carraaqee jira. Garuu akka itti salaatan hin beeku. Nama Al Kuuk je’amu arguu kiyya nin yaadadha. Wayta Masr jirus, isaa salaatu arguu kiyya nin yaadadha. Waan inni dalagu yaadachuudhaaf yaalii godheera. Wanti inni dalagaa ture, na hawatuu isaa nin yaadadha. Namni Muslimaa kan Masritti arge kun, akkaataan inni itti salaatu kan kaatoolikiitiin wal natti fakkaannaan, wayta san na hawatee laaluu ture.  Anis mana kiyyatti waan namichi sun godhe san akkeessuuf hedduu carraaqee jira. Haalli kun yeroo murtaa’aaf akkanumatti itti fufe.

Ammas seenaa takka isinii hima.  seenaa kana guutuu keessa seenuu hin danda’u. seenaa dheeraadha. Garuu gabaabinaan, guyyaa tokko mana kitaabaa keessatti of arge. Manni Kitaabaa kun ka masjiidaati.  Walii gallee? Mana Kitaabaa kana keessa, kitaabban heddu kan Waahee akkaataa salaataa Nabi Muhammad ibsan heddutu jiru. Isaan kanniin ilaalaa, wow haalaan gaariidha ofiin je’e. Namni tokko natti dhufee, dhiifama naaf godhi, ati Muslimaa naan je’e. Anis an muslimamoo je’aa ofumaa yaaduu jalqabe. Maal jechuu isaati je’e. Kana booda, ‘Na dhagahi, wahin sitti hima. An Rabbi tokkicha ta’uu isaa nin amana. Innis Allaah’dha. Muhammad ammoo ergamaa isaati je’een. Innis ati Muslima jechuudha naan je’e. Anis ooh, galatoomi je’een.

Gaariidha. Amma salaatuuf deemna, nu wajjiin salaatuu barbaaddaa? Naan je’e. Guyyaan sun Jum’aa ta’uu qaba. Sababni isaa yeroo guyyaatti masjiida guutu hin argine. Achi dura waahee jum’aa hin beeku. Seenee salaate. Namuu ol je’aa gad bu’a. ‘maaltu mudataa jira, Haga ammaa wayta mana kiyyatti salaatu sirrii dalagaa hin turre jechuudhaa’ ofiin je’e. Wanti an yaadadhu, eega salaata geessineen booda, namni hunduu dhufee na marsuu isaati. Namuu waahee islaamummaa guutuu daqiiqaa shan keessatti na barsiisuu fedha.  Garuu wanti yeroo san natti dhagahame, keessi kiyya haala ajaa’ibaatiin dhiqame. Akka duumessi samii irraa deemutti wanti wahii narraa deeme. Waan ajaa’ibaatu na mudate.

Kun 2/3ffaa seenaa kiyyaati. 1/3ffaa hafe keessa seenuudhaaf yeroo hin qabnu. Garuu gabaabinaan waa isinitti himuu fedha. yeroo sanirraa kaasee, guututti islaamummaa keessa seenee muslima dhugaan ajaja hunda dalagaarra oolchu ta’uudhaaf waggaa lama natti fudhate. Wantoota jireenya kiyya kan dabre keessatti dalagaa ture ofirraa dhiisuun haalaan natti ulfaatee ture. Rabbi jireenya keessatti waan guddaa na barsiisee jira. Barachuu kiyya saniif hin gaabbu. Amma of duuba deebi’ee wayta ilaalu, wantoota sanniinirraa baruumsa heddu argadhee jira. Yeroon Sunniin jireenya kiyya keessa waggoota lamaan haalaan fokkotaa turan. Maaliif? Sababni isaa dhugaa hubadhee jira. Garuu hordofaa hin turre. Kun haala fokkotaa ilmi namaa keessa jiraatuudha. Yoo doofaa taate doofummaan badhaasa je’ama. doofummaan Kophaa isaa badhaasaa miti. Garuu wanti akkas je’ameef, yoo wallaalaan dilii dalayde, wallaalummaa kee saniif qulqulluu taata. Garuu waan tokko osoo beektu yoo itti dalaguu dhabde, ofuma wajjiinuu jiraachuu hin dandeeysu. Kun waan haalaan sodaachisaadha. Haala fokkotaadha. Kun waan waggaa lamaaf na mudateedha. Garuu Alhamdulillaah, gara islaamummaa deebi’ee jira. An yeroo hunda muslima ture hin je’u. Namoota islaamummaa hin beekneen ani muslima je’aa ture. Kana booda, Paartii  takkaahuu qophii adda addaa irratti farshoo fi waynii dhugaa turre. Yeroo tokko tokko paartii keeysatti namoota jidduu taa’ee waahee islaamummaa isaanitti himaa ture. Isaanillee kun waan gaariidha, dabalii nuu himi naan je’an. Ani garuu “aaa hin danda’u”je’aan. Sababni isaa humnaa ol waan dhugeef. Dabalii nuu himi naan je’an. An ammoo aaaa je’ee lafa dhaha. Sun haala an keessa dabre. Garuu Alhamdulillaah Rabbi waan san keessaa na baasee jira. Alhamdulillaah Rabbi na qajeelchee gamanatti deebi’ee jira.

Obboleewwan wanti dhugaan na jijjiire isa kana. Waan salphaa wahiiti. Waan haalaan salphaadha. Guyyatti yeroo shan salaatuu jalqabe. yeroo garii namoonni tokko tokko Abdurrahiim akkamittii… Naan je’an. Beeytuu salaata keessan yoo seeraan salaattan, Salaata shanan guyyaa yoo salaattan, ni jijjiiramtan. Anis waan kana Rabbiif waadaa seene. Guyyatti yeroo shan nin salaata. Waan biraa dalaguu danda’uu kiyya hin beeku. Garuu salaata shanan nin salaata je’ee waadaa seene. Salaata kanas haalaan ciniinnadhe jalqabe. Waadaa seene kana haalaan, haalaan, haalaan ofitti fudhadhe. Alhamdulillah, salaanni yoo seeraan salaatame, waan jireenya keessan kophaa isaa qajeelchuu danda’uudha.

Gaafii biraa na gaafatuu akka dandeeysan nin beeka. Gaafii lama akka na gaafatan ni beeka. Osoo isin na hin gaafatin anuu isiniif deebisa. Walii gallee?

Inni duraa Muslima ta’uu jechuun maal jechuudha? Jireenya amma dura ture waliin wal qabsiisii nuu himi jettanii na gaafachuun keeysan hafa hin qabu. Maal jechuu akka ta’e amanamummaan isinitti himuu barbaada. Gamoo guddaa keessa jirra je’aa yaadaa. Yookaan ammoo gamoo guddaa keessatti of argitan haa jennu. Gamoon kun waan nama gufachiisu hedduu qaba. Minjaala, barcuma, haada elektiriikaa kan lafarratti kufe. Kutaa kana dukkana hamaa osoo goonee. Jechuunis hammeenya dukkanaarraa kan ka’e waan takkallee arguu akka hin dandeenye osoo goonee jechu. Walii gallee? Achitti isin dhiifna. Akka bakka ittiin baatan wallaaltaniif ammoo, kutaa keessa olii gad isin oofna. Mana san keessaa karaa ittiin baatan akkamitti akka argachuu dandeessan yaadaa. An kutaa san keessaa karaa ittin bahu barbaadaa jira je’aa yaadaa. An kutaa san keessatti, ‘lafa dhahuu, wahittu bu’uu, waa dhiituu’ danda’a. kutaa dukkanaa keessa jira kaa. Kun fakkeenya kufriiti. Kun waan wayta isin islaamummaan ala jirtan isin mudatu. Bakka dukkanaawaa akkanaa turtan jechuudha. Eessa akka deemtan waan beeytan hin qabdan. Eessaa akka dhuftanis hin beeytan. Jireenyi gufuulee hedduun guutamtee jirti. Waan garagaraa isinitti darbaa jirti. Akkamitti wantoota sanniin waliin jiraachuu akka qabdan waan beeytan hin qabdan.

Islaamummaan ammoo akka waan ati hulaa san banattee alatti baatee ifaa keessa dhaabbataa jirtuutti. Waan hunda hoggasuma arguu dandeeysa. Waan hunda hoggasuma hubatuu dandeeysa. Wanti hunduu hoggasuma ifa siif ta’a. islaamummaa keessa seenuun kana fakkaata. Yookaan ammoo islaamummaa fi kufriin akka jireenyaa fi du’aatti garaagarummaa qabu jechuu ni dandeenya. Jiraachuu fi du’uu jechuudha. Sababni isaa inni kun islaamummaadha. ifaa, nagayaa fi tasgabbii gara qalbii keetii fida. waan akkaan Bareedaadha. Walii gallee? Jireenya kiyya kan amma duraa waliin yoo wal bira qabee isinii ibsu. Haalli dur tureefii kan ammaa kana fakkaata.

Gaafiin lamadaa ammoo, maatiin kee hoo maal je’an? kan je’u taha. Wanti isiniin jechuu barbaadu, Alhamdulillaah, anii fi maatiin kiyya walitti dhufeenya gaarii qabna. Amma eega islaamayee booda, walitti dhufeenya duraanii san daran walitti dhihaannee jirra. Yoo ati haalaan itti dhihaattee dhugaa ibsiteef, Rabbiin ifa banuufiitu mala. Islamummaan dirqama natti kennee jira. Kabajaa guddaan akka isaan kunuunsu na ajajee jira. Waan kana fudhatuu qaban. Islaamummaan anaafis isaaniifis waan gaarii akka qabu akka fudhatan isaan hubachiisee jira. Akkasumas walitti dhufeenya isaan waliin qabuufis gaarii naa ta’ee jira. Alhamdulillaah sababa kanaaf ammaan tana haala gaarii keessa waliin jirra. Alhamdulillaah

Hayyee obboleewwan, gaafiilee akkamitti gara islaamummaa akka dhufe na gaafattaniif deebisaa kenne je’ee abdadha.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button