header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Ilmii barbaaduuf jecha imala dheeraa Saaykiliin

Dargaggeessi tokko baruumsa diiniitiif jecha Saaykiliidhaan biyya heddu keessa qaxxaamure.

Maamaaduu Saafaayoo Baarii Yunivarsiitii Islaamaa Al Azharitti barachuudhaaf jecha waan ajaa’ibaa dalage. Mallaqa biyya isaa irraa ka’ee gara biyya Masrii ittiin deemu waan dhabeef, Maappii Afrikaa barbaadee karaa irra deemuu qabu qalamaan irratti sararatee, Giinii irraa ka’ee haga Masriitti Saaykilii oofaa deemeuuf imala jalqabe. Saaykiliin isaa tunis haarawaa miti. saaykilii mooftuu walitti sussuphee karaa bu’e.

 

Maamaaduun uffata jijjiiratu, tirikaa fi meeshaa muraasa kan yoo saaykiiliin jalaa miidhamtee ittiin tolfatu qabatee karaa bu’e. Dargaggeessi umrii 25 kun kilomeetira kumaatamaan lakkaawamu saayikiliidhaan imalaa; Gaarren, gammoojjiiwwanii fi magaalota wal waraansa waliiniitiin akaayamaa jiran keessa dabruun dirqama itti ta’e.

 

Biyya isaa Giinii irraa ka’ee magaalaa guddoo Masr Kaayroo gahuudhaaf ji’a afur itti fudhate. Yeroo kanattis biyyoota 7 keessa dabree jira. Akkuma karoora isaa baruumsa islaamummaa barachuudhaaf Yunivarsiitii Al Azhar dhaqqabe.

 

“Yoo waan yaaddu qabaatte, yaada kee sanirratti cichii hojjadhu. Yoo san Rabbiin irratti si gargaara” jedhe Maamaaduun.

Maamaaduun guyyaa tokkotti giddu galeessaan kilomeetira 100 saaykiliin imalaa ture. Yeroo kanattis biyyoota akka Maalii, Burkinaa Faasoo, Toogoo, Beeniin fi Nijeer keessa qaxxaamuruun, biyya Chaad geenyaan dhaabbatuudhaaf dirqame. Sababaa wal waraansa Sudaan keessa jirurraa kan ka’e, Saayikiliin deemuun hedduu sodaachisaa ture. Kunis karoora isaa irraa duubatti isa deebisuu danda’ee ture.

 

Maamaaduun imala isaa irratti yeroo 3 hidhameera. Yeroo lama biyya wal waraansi jiru Burkinaa Faasoo keessatti, yeroo tokko ammoo Toogoo keessatti hidhame. Toogotti yeroo hidhame, poolisoonni himannaa tokko malee guyyaa sagaliif mana hidhaa tursiisanii, doolaara 56 irraa fudhatanii gad dhiisan. Mallaqnummaan inni harkaa qabu isii turte, isii sanuu jalaa fudhatan. “Yeroo heddu osoo magaalaa hin seenin bosona keessa bulaa ture. Ummatni magaalaa saaykilii narraa fudhatee na miidhuu danda’a jedhee sodaataa ture” jechuun dubbate.

 

Maamaaduun gaafa Chaad gahu carraa ajaa’ibaa mudate. Namni tola ooltummaan beekkamu tokko seenaa isaa kana miidiyaarratti erga dubbiseen booda isa gargaaruu murteesse. Haala Kanaan osoo Sudaan hin seenin qajeela Chaad irraa gara Masri akka xayyaaraan deemu haala mijeesseef. Karaa Kanaan wal waraansa Sudaan keessatti deemaa jirurraa baraaramuu danda’e.

 

Maamaaduun gaafa September 5 magaalaa Kaayroo seene. Akkuma yaadetti carraa Yunivarsiitii Al Azhar keessatti galmaayuu argateera. Suuraan inni bakka buutuu Yunivarsiitichaa waliin fuula ifaan ka’es miidiyaaleerratti gad lakkifameera.

Ammaaf achuma Masri turee baruumsa isaa xumuruu barbaada. San booda gara biyyaa deebi’ee baruumsa islaamummaa hawaasa biyya isaa barsiisuu akka barbaadus dubbate. “Yeroo gara biyya kiyyaa deebi’u, nama ummata isaa islaamummaa fi gaarii hojjachuu barsiisu ta’uu barbaada” jedhe Maamaaduun erga carraa Yunivarsiitii Al Azhar keessatti barachuu argateen booda.

Qophii: Abuu Ibtisaam

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button