Bofa summii ijatti nama biifu kana fagotti irraa goraa.

Tafakkur/King-cobra/Bofa-Xaraa

Bofa Xaraa ijaan argitanii beeytuu? Bofni Xaraan sanyiiwwan bofaa akkaan sodaataman keessaa isa tokko. Biyyoota eeshiyaa gama Kibba bahaa jiran keessatis uumamni kun mallattoo gootummaa fi jabinaa godhamee fudhatama. Sanyiin bofa xaraa kan  Koobraa jedhamuun beekkamu 270 ol akka jirus qorannoon bira gahamee jira. Bofni Xaraan naannoowwan oowwaa Afriikaa, Eeshiyaa fi Awustraaliyaa keessatti hedduminaan argama.

Guddinni qaama bofa xaraa haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan Koobraa Mozaambiik kan jedhamu yoo ta’u, meetira 1.2 dheerata. Inni guddaan ammoo King cobra ykn Xaraa Mootii jedhamuun beekkama. Ulfaatinni Xaraa Mootii Kilograama 6 yoo ta’u, dheerinni isaa ammoo meetira 5.4 ta’a. Halluun gogaa isaatis haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Gogaan isaa kan gama gubbaatiin jiru magaala, Magariisa, akkasumas gurraacha keessa magaalatu ta’uu danda’a. halluun garaa jalaa ammoo adii ykn Magaala ta’uu danda’a. Bofni Xaraan sanyiiwwan bofaa keessa boca morma isaa jijjiruun beekkama. Wayta diinni itti dhufeefi wayta dallanu mataa isaa lafarraa ol kaasuun, morma isaa ammoo ni diriirirsee bal’isa. Uumamni morma bofaa kana arges sodaatee naannoo sanii dheessa. Ilmi namaatis bofa kana bofa biraa seehee yoo tasa tuqe, wayta morma isaa haala san irratti argu naannoo sanii dheessuun dirqama isaati. Yoo baqatuu dide ammoo summii hamaa bofa kanaatiin iddamuun isaa waan hin hafne.

Bofni Xaraan sanyiiwwan bofaa summii hamaa fi guddaa qaban keessaa isa tokko. Summiin inni yeroo tokko biifu Arba guddaa tokko ykn ilma namaa haga 15 ajjeesuu danda’a. Bofni Xaraan summii isaa bifa lamaan gara diina isaa dabarsa. Inni duraa ilkaan isaa kan hiddaa qofaaf qophaayeedha. Ilkaan isaa kun Seentimeetira 1.2 dheerata. xaraan wayta diinni itti dhufe, diina san ciniinee qabuun ilkaan isaa san keessaa summii gara qaama uumama sanii dabarsa. Sanyiin biraa ammoo hidduudhaan osoo hin taane, Summii biifuudhaan uumama itti dhufu miidha. Bofni xaraan Diina aggaamee summiin dhahuu keessattis uumama ajaa’ibaati. Fakkeenyaaf yoo diinni itti dhufe ilma namaa tahe, fageenyarraa aggaammii ajaa’ibaatiin summii ijatti biifa. Namni sunis hoggasuma gaggabee lafa dhaha. Wanti gaariin summiin bofa kanaa dawaa gaarii qabaachuu isaati. Tahus garuu yoo akkuma iddamaniin wol’aansa hin argatin, achumatti nama ajjeesuu danda’a.

Koobraan uumama akka lootuu, raachaa, simbirroota, hoosiftootaa, qurxummiiwwanii fi sanyiiwwan bofaa tokko tokko soorata. Bofni kun waa arguufi fuunfachuu irrattis akkaan jabaadha. Akkuma sanyiiwwan bofa hedduu bofni xaraanis funyaaniin osoo hin taane, arraba isaatiin fuunfata. Ajaa’ibni uumama kanaa ammoo sirna daakinsa soorata isaati. Bofni Xaraan bineensa eega adamsee boodaa akkuma jirutti liqimsa. Bineensi inni liqimse yoo bineensa guddaa tahe. Haga daakamee bullaayuuf baatii 1 haga baatii 2 turuu danda’a. kanaafuu baatii 2n kana guutuu waan biraa hin sooratu jechuudha. Soorataaf osoo hin cinqamin, yaaddoo takkaa malee boqonnaan dabarsa.

Sanyiiwwan bofaa keessaa koobraan bofa hanqaaquu isaatiif cinqamu keessaa isa tokko. xaraan dhaltuun goojjoo qopheessitee hanqaaquu haga 40 buufti. Achi booda ganamaa galgala itti deddeebitee toohatti. Diinni tokko gara hanqaaquu isii dhihaannaan summii hamaa Rabbirraa badhaafamte saniin daaraa gooti. Haga gaafa ilmooleen keessaa yaatuttiis eegumsi isii kun addaan hin citu.  Hanqaaquu kana keessaa ilmooleen bahuuf ji’a lamaa haga sadihii turu. Yeroo garii hanqaaquu isii bineensonni akka Boors fi Moongoos jalaa hatanii sooratu. Kanaafuu Bineensonni kunniin lamaan diina Bofa Xaraati jechuu ni dandeenya. Hayyama Rabbii guddaatiin bofni xaraan haga wagga 20 jiraachuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Barruu tana hagam takka hubatte? Qormaata kanaan of madaali

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x