header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Maatii Waraana Israa’eliin bittinnaa’e

Lubbuu Hambifatuuf wal'aansa taasifame

Akkuma Falasxoonota hedduu kan Gazzaa keessa jiraatanii, Roobaa Ziyaaraa fi maatiin isii haleellaa boombii irratti roobsamaa jiru irraa nagaya waaraa argatanii hin beekan. Gaafa Octobar 7 irraa kaasee nageenya dhabanii rakkataa jiran.

Israa’el jiraattota Kaaba Gazzaa keessa jiraniif ajaja gara kibbaa baqadhaa jedhu yeroo dabarsitu maatiin kun mana firaa kan kaampii baqattoota Nuseeriyaat keessatti argamutti daheeffachuu barbaadee garas imale. Haa ta’u malee wayta maatiin kun achi gahu haleellaa qilleensarraa raawwatameen durbiin isii haleellaa Kanaan ajjeefamee maatiin isaa hedduun madeffame.

Carraa biraa waan hin qabneef duubatti deebi’anii gara mana isaanii abbaa gamoo sadihii kan ganda Al Naasir jedhamu keessatti argamutti galan. Filmaata biraa waan hin qabneef garas imalan. Garuu wayta gara manaa dhihaatan Israa’el weerara lafaa jalqabdee lola guddaatu ganda isaanii keessatti geggeeffamaa jira.

”Torban muraasa darbaniif naannoon kun qabattoo ibiddaatiin marfamee ture,” jetti Ziyaaraan.

“Qabattoo ibiddaa” jechi jedhu haleellaa waraana Israa’el wal irraa hin cinne ibsuudhaaf jecha ummanni naannoo sanii itti fayyadamu ta’ee jira.

Akkuma ta’anittuu mana ol seenan. Ta’us manni isaaniitis bakka nagayaa hin turre. Dhukaasa walirraa hin cinne alatti raawwatamurraa yeroo tokko tokko rasaasni mana isaanii uraa seenuu jalqabe. Kana booda gidaara manaa irraa fagaatanii jidduu manaatitti walitti qabamanii taa’uu jalqaban. Mana sanii bahuunillee balaa guddaa qaba ture.

“Mana jiddutti waliti qabamnee ciisna turre. Kutaawwan gara alaatitti dhihaatan keessa taa’uun waan yaadamuu miti. Rasaasni ammaa amma uraa seena. Dirooniinis osoo addaan hin kutin naannawa sanirra balali’a” jette Roobaan. Waan alatti ta’aa jiru gurraan dhagahuu malee isaanitti dhihaachuu quba hin qaban ture.

Ibidda Diimaa

Osoma akkasitti taa’an aarri cimaan itti mul’atuu jalqabe. Osoo heddus hin turin ibiddi diimaan loltoonni Israa’el karra ittiin cabsuuf fayyadamu argan. Maatiin hundi du’aa jirra jedhanii abdii muratan.

Loltoonni Israa’el karra manaa cabsuudhaaf ifaa diimaa kana fayyadaman. Kana booda gamoo tokkoffaa ol koran.

Gamoo tokkoffaa irratti obboleewwan abbaa warraa Roobaa fi haawwan warraa isaanii lama, akkasumas dubartii ulfaa tokko arganii qaban. Loltoonni Israa’el maatii kana gaafii garagaraa gaafatanii namni gamoo gubbaa irra akka jirus hubatan.

Gamoo lammaffaarra firoottan Roobaa kan dhiiraa heddu argan. Gara jabeenyaanis dhiirota kanniin reebuun uffata akka baafatan godhan. Uffata irraa mulqanii Alaabaa Israa’el lafarra kaayanii warra uffata irraa mulqan kana bira dhaabuudhaan footoo kaasan.

Roobaa fi maatiin isii abbaa warraa isii fi firoota biroo hedduu waliin gamoo sadaffaarra turan. Waraanni Israa’elis dabareen gara gamoo sadaffaa ol bahe.

Loltoonni Israa’el karra hunda yeroo banan boombii hulaa cabsu fayyadaman. Kun ijoollee mana keessa jiran hedduu naasisaa ture.

Akka Roobaan dubbattutti, firri isii tokko kan dhibee gaggabdoo qabu wayta Israa’eloonni waa dhoosan rifataa lafa dhahaa ture. Jarri garuu osoo isaaf garaa hin laafan haga of wallaalutti tuman. San booda garaan ciibsanii sansalataan harka isaa hidhan. “Nuti akka isa dhiisaniif gaafannus nu dhagahuu didan” jetti.

Qabattoo Ibiddaa

Loltoonni Israa’el maatii kana guutuu gara saalonii geessuudhaan Afaan arabaa caccabaan qorachuu jalqaban. Akka Roobaan himtutti waraanni Israa’el maatiin kun miseensa Hamaasiti jedhee amana. Ta’ullee nuti loltoota akka hin taane irra deddeebinee itti himnee turre. Nu dhagahuu dhaban malee jetti. “Soddaan kiyya Afaan Hibruu ni beeka. Afaanuma isaan beekaniin isaan hubachiisuu yaalee ture. Obboleettiin jaarsa kiyyaa ammoo Afaan Ingiliffaan itti himtee turte. Ta’us loltoonni sunniin waan afaan Sadihiin itti himne nurraa fudhatuu didan.

San booda maaf gara kibbaa deemuu dhabdan jedhamanii gaafataman. Waan guyyaa jalqabarraa isaan mudate itti himan. Gara deeman dhabnaan mana sanitti deebi’uu hubachiisan. Karaa irrattis haleellaan irratti raawwatamee ture. Loltoonni maatii kana eega toohataniin booda Kushinaa (alwaada) keessatti buna danfifatanii maatii sanitti qoosaa buna ofii unatan.

Waraanni Israa’el warra dhiiraa, dubartootaa fi ijoolleerraa fooyanii kutaa kophaatti walitti qabe. Warra dhiiraatis saa’aa dheeraaf erga qorataniin booda ija isaanii huccuudhaan hidhan. San booda dubartootaa fi ijoolleedhaan meeshaa qabadhaa bahaa jedhanii ajajan.

Dhiirota hidhanii dubartoota gara kibbaa qajeelchan

Wayta gad bahan Taankii fi Buldoozaroota Israa’el kan naannawa sanitti facaafamanii jiran argan. Akkuma gad bahaniin warra dhiiraa keessaa obboleessa abbaa warraa Roobaa tokkorraa ummata keessatti uffata humnaan irraa mulqan. Bakka kanattis umriidhaa fi saalaan addaa qoodanii garee gareen dhaaban. Itti aansuun hunda isaanii footoo eega kaasaniin booda dubartootaa fi ijoollee gara kibbaa qajeelchanii deemaa jedhaniin. Warra dhiiraa ammoo deebisanii hidhan.

Maatiin kun caccaba garagaraa keessa deemuudhaaf dirqame. Ija isaaniitiinis hammeenya waraana Israa’eliin raawwatame daandii Naasir irratti arguu danda’aniiru. Naannoo namni hedduun itti deddeemu ture. Amma garuu reefkaa fi dhiigaan guutameera. Manni hedduunis barbadaayeera. Alaabaa adii qabatanii, adada taankii arganiin harka isaanii ol kaasaa gara kibbaa imalan.

Wayta daandii Rimaal gahan taankiiwwan hedduu argan. Taankiin tokkichi madaafa isaa ummatatti qajeelche. Ijoolleen sodaan boohicha jalqaban. Dubartoonni ammoo alaabaa adii ol kaasan. San booda warri taankii sun karaa san gad lakkisanii daandii Abbaas irra akka deeman ajajan. Daandii Abbaas irra xiqqoma akka deemaniin Taankiin hedduun karaa isaanitti cufe. Inumaa bakka kana lola cimaatu geggeeffamaara. Waan godhan dhabnaan lafuma gad taa’an. Filmaata biraa waan hin qabneef gara Taankii duraanii sanitti deebi’an. Rakkoo achi jirus hubachiisanii karaa biraa kan akkaan dhiphaa ta’erra akka deeman ajajaman.

Daandiiwwan dhiphoorra imalaa xumura irratti daandii Talaatiinii irratti mana firaa tokko argatanii boqonaa keessatti fudhatan. Bishaanii fi Teemira xiqqooa kennaniifii afaan kaayatan. Guyyaa itti aanu deemsa isaanii daandii Kuweeyt irraan itti fufan. Karaa waraanni Israa’el heeyyametti fayyadamanii taankii fi Bulduuzaroota hedduun wal dhiibaa imalan. Roobaa fi Maatiin isii namoota ajjeefamanii karaa irra ciciisan hedduu fi bineensota qaamni isaanii jijjiirame hedduu argan.

Roobaa fi Maatiin isii osoma karaa irra deeman garee biraa kan akkuma isaanii karaa garagaraan baqataa jiru arganii jiran. Gareewwan kanniin keessa dhiirri kan jiru yoo ta’u, waraanni Israa’el bakka barbaadetti namoota dhaabaa dhiira haga barbaade keessaa fuudhaa hidha. Kuuwwan daandii qabatanii akka deeman ajaja. Akkasumatti loltoota tokkorraa kan biraatiin hiraarfamaa imala itti fufan.

Akkuma ta’ettuu Roobaa fi maatiin isii kibba Gazzaa dhaqqabuu danda’aniiru. Amma erga Kibba gahaniin booda yaadni hundi warroota dhiiraa isaan biraa hidhaman bira jira. Karaa dhaabbilee garagaraan akka adda baafatuu danda’anitti dhiironni sunniin gara Israa’el geeffamanii mana hidhaa keessa akka jiran beekaniiran. Mana hidhaattis hiraarfamaa akka jiran hubataniiran.

Warri dhiiraa reebichaa fi hiraara guddaaf saaxilamuu isaanii, akkasumas uffata irraa mulqanii rooba keessa saa’aa dheeraaf isaan tursiisuu isaanii dhagahaniiran. Hundaafuu maal keessa akka jiran beekus baatan Abbaa warraa isii malee kuuwwan eessa akka jiran beekuu danda’aniiru. Waan isaan mudatuudhaaf jiru hin beekan.

“Abbaan manaa kiyya eessa akka jiru hin beeknu. Waan hedduu keessa dabarsine. Ijoolleen tiyya ammas sodaa guddaa keessa jiru. Waa’ee abbaa isaanii guyyaa hunda na gaafatu” jechuun dubbatte.

 

6 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button