header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Uumama akka bubbeetti fiigu

Uumamni kun sanyii Arroolee yoo ta’u, maqaan isaatis Pronghorn (Proon Hoorn) jedhama. Biyyoota Ameerikaa kaabaa keessa sanyii Pronghorn afurtu jira. Lafa marga tuuchaa qabuufii qilleensa oowwaa keessa jiraata. Akkasumas lafa ol ka’iinsi isaa haga Meetira 3000 ta’e irras jiraatuu ni danda’a. sababa babal’achuu gammoojjummaatiin margi hedduminaan waan manca’eef, yeroo ammaa kana uumamni kun rakkoo hamaa keessa jira.

Pronghorn lafaa ol haga meetira tokkoo dheerata.  Fuulduratti ammoo meetira 1 haga meetira tokkoof cinaa dheerachuu dandaha. Ulfaatinni isaaniitis sanyiirratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Sanyiin xiqqaan Kilograama 40 ulfaata. Inni guddaa ammoo haga kilograama 70 ulfaata. Sanyiin dhiiraa ulfaatina qaamaatiin dhaltuu ni caala.  Bifti rifeensa isaa magaala gara diimaa dabu yoo ta’u, garaa isaa jalaa ammoo bifa adii akkasumas morma jalaa sarara adii qaba. Dabalataan eegee irraa bifa adii qaba. Pronghorn rifeensa qaama isaa irra jiru kallattii inni irra jirurraa jijjiiruu ni danda’a. Fakkeenyaaf diina fageenyaa dhufu yoo arge, eegee isaa dhaabuudhaan warri biroo akka dheessan dhaamsa dabarsa. Rifeensi eegee isaarra jirus haalaan adda diriiree mul’ata. Rifeensi kun fageenya Kilomeetira lamaa irraa ni mul’ata. Yeroo lafti akkaan oowwitutti rifeensi gogaa isaa irra jiru hundi ol ka’ee dhaabbata. Yeroo kana oowwi qaama isaanii keeessa jiru bifa dafqaatiin keessaa baha. Wayta qabbanaatti ammoo rifeensi kun qaamatti gad maxxanuudhaan oowwi qaama keessaa akka hin bane godha.

Gaafni bineensa kanaa kan kormaafi dhaaltuu dheerinaan wal caala.  Gaafni Kormaa seentimeetira 25 dheerata.  Fiixee irraan gama duubaatti caafama. fuulduraan ammoo dhanquu qaba. Kunis Afaan Ingiliffaatiin Prong jedhama. Sababa kanaaf Arroolee kana Prong-Horn jedhanii moggaasan. Gaafni dhaltuu gabaabaa yoo ta’u, seentimeetira 12 qofa dheerata. Akkasumas akka gaafa dhiiraa dhanquu hin qabu. Gaafni isaanii kun albuuda keeraatiin jedhamuun kan haguugame yoo ta’u, eega wal qunnamtii wal hormaataa raawwatanii booda albuudni kun irraa harca’a. San booda irra deebi’ee Albuuda biraatiin haguugama.

Uumamni kun halkaniifi guyyaas ni socho’a. Sooratni isaa heddumminaan marga yoo ta’u, baalaa fi mukkeen tokko tokkos ni soorata. Bishaan isa barbaachisu ammoo soorata dheedu keessaa argata. Pronghorn bineensota dachii tanarra jiran keessaa, fiigichaan cheetah (AbbooShammaanee)tti aanee saffisaan sadarkaa lammaffaa irratti argama. Sa’aa tokko keessatti Kiilomeetira 86 fiiguu danda’a. Chiitah (Abbooshammaaneen) saffisa isaa kana daqiiqaa lama caala tursiisuu hin hin dada’u. Eega daqiiqaa 2 fiigee booda dadhabaa deema. Pronghorn garuu saffisa osoo hin hir’isin sa’aatii walakkaaf fiiguu danda’a. Diinni isaa hamaan sardiidaa fi Yeeyyiidha. Bineensonni kunniinis uumama kana mukaa fi dhagaa jalatti dhokatanii adamsu malee, fiigichaan dhaqqabuu hin danda’an. Ilmi namaatis diina hamaa bineensa kanaati. Lammiileen Ameerikaa Kaabaa foon bineensa kanaa waan akkaan barbaadaniif, adamsanii sooratu.

Pronghorn umrii isaa hedduminaan godaansaan dabarsa. Sababni ammoo soorataa fi haala qilleensaati. Yoo sooranni dhabamu, yookaan ammoo haalli qilleensaa ulfaataa yeroo ta’utti, qubsuma duraan turan irraa kilomeetira 250 ol fagaatuudhaan deemu. Yeroo naannoo godaanan sanittis haalli hammaate, ammas gara biraa godaanu. Haala kanaan jireenya isaanii geggeeffatu.

Pronghorn uumama gamtaadhaan jiraatu yoo ta’u, qubsumni tokko miseensota haga kuma tokkoo qabaatuu danda’a. Yeroo lafti haalaan qabbanaawu dhaltuu fi kormaanis qubsuma tokko keessa waliin jiraatu. Haa ta’u malee qabbanti dabartee oowwi dhufnaan dhaltuufi kormaanis adda bahuudhaan qubsuma dhuunfaa isaanii keessa jiraatu. Yeroon oowwaa darbee qabbanti yoo eegalu ammoo walitti deebi’uudhaan wal qunnamtii wal hormaata raawwatu. Eega wal qunnamtii wal hormaataa raawwatanii booda yeroon qorraa waan dhufuuf, achuma qubsuma tokko keessa waliin turu. Dhaltuun takkas ji’a 3 booda yeroo qabbanti raawwatee oowwi dhufu ilmoo takka dhalti. Ilmoon dhalate kunis haga gaafa waggaa tokko guututti achuma haadha waliin tura. Hayyama Rabbii guddaatiin uumamni kun wagga 12-14 jiraachuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button