header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Irreecha irratti maaltu jedhama?

“Mareehoo Mareehoo.. Waaqa uumaa waaqa uumamaa, gurraacha garaan garbaa, Tokkicha maqaa dhibbaa, Leemmoo garaa taliilaa, Waaqa saglan Booranaa torban Bareentumaa, Waaqa ciicoo gurraattii, Waaqa bokkuu gurraachaa, Waaqa shanan gadaa Oromoo, Waaqa shanan odaa Oromoo, waan dukkana gannaa keessaa ifa birraatti nu baasteef galata galchina”

 

kadhaa asii olii tana warra Irreecha dhaqeetu Waaqa kadhata. “Waaqa kadhatan” jechaan ammoo amantii dha. Kadhaan hariiroo gooftaafi gabricha jidduu jirtu waan taateef aadaa miti. Kana hordoftoonni amantii Waaqeeffataa ragaa bahanii jiran, Irreechi ayyaana Waaqeeffataa tahuus ibsan.

 

Nuti akka Muslimaatti “Kadhaa” asii olii tanarraa maal fayyadamna? Humaa. Waggaatti marga qabannee dhiiraa-dhalaan Irreessaaf malkaa bu’uurraa maal fayyadamna? Humaa. Marga bishaaniin tuynee walitti facaasurraa maal fayyadamna? Humaa. Tana warra itti amaneef dhiisne. Shari’aan kana nu hin gorsitu. Ayyaana kana yoo Irreeffatuu dhabne maal taana? Humaa.

 

Muslimni akkaafi bakka Rabbiin irraa jaalatu qofa dhaabbatee kadhata. Muslimni waan “Kadhaa” tana caalu qaba. Qur’aana qaba! Salaata qaba! Soomana qaba! Sadaqaa qaba! Zikrii collee Nabi Muhammad? irraa nu geesse qabna. Muslimni Rabbii(Uumaa) isaa karaa Rabbiin ajaje, karaa Nabiin dhaameef qofaan gabbara. Malee akka aadaa ykn bulmaata Waaqeeffataatti hin gabbaru.

 

Muslimni maqaa Rabbii akka itti yaamu qaba. Faaruufi galata Rabbiif galchuuf naamusa fayyadamu qaba. Fakkeenyaaf “gurraacha garaa garbaa, waaqa ciicoo gurraattii” hin ja’u. Jannaan ammoo daangaa Shari’aa keessaa bahuu isaati, kijiba Rabbirra kaaye kaa.

 

Eegaa akka Rabbiin nu ajaje qofatti Rabbi gabbarra. Aadaafi duudhaan, hawwii fi xiiqiin amantii nuuf hin taatu. Diin keenya guutuudha, humaa as booda wanni itti idaanu hin jiru. Waan warri Muslima hin tahin Rabbiin yaamu irraa Muslimni qulqulluudha. Qur’aanaafi Hadiisa qofa keessa waan jiruun Rabbi gabbarree galateeffanna.

Jecha Qur’aanaafi Hadiisni hin deeggarreen Rabbi yaamuun waan hin malle jannee fudhanna. Inuu yakka! Akki Rabbii keenya itti yaamnu karaa dabnaan haqa dabsine. Warra haqarraa dabe ammoo adabaatu eeggata. Mee waan Rabbiin Suuratul al Anbiyaa 18 irratti dubbate kana haa qalbisnu..

 

Lakki! Soba salphifnee dhugaa irratti darbina(ol taasifna). Dhugaan soba sammuu dhoosee balleessa. Sobni ni dhabama. Waan sobaa Rabbiin jettaniif isiniifis badiitu(adabaatu) murteeffame*

Qophii: Usmaan Abdullaxiif

 

Comment

Back to top button