Harki namticha kanaa waggaa 45 oliif gad hin deebine

Fuulli namaa eenyummaa namaati. Namni hundi osoo mudaa takkallee fuularraa qabaachuu baatee fedha. Garuu addunyaan tun akkasitti hin uumamne. Uumamni hundi mudaa wajji uumame. Yoo finniisni xiqqaan fuularratti si bahe hagam akka cinqamtu yaadi. Nama akka horii gaafni itti biqile yoo argite hoo maal jetta? Barruu tana keessatti namoota lama kan ilma namaa heddurraa adda ta’anii jiruu addunyaa wajji wal’aansoo jabdutti jiran ilaalla.

 

Sadhu Amar Bharati (Nama wagga 45 oliif harka ol kaasee jiraate)

Lammiin Indiyaa Saaduu Amaar jedhamu harkaa isaa ol kaasee osoo gad hin deebisin waggoota 45 ol jiraate. Namni kun nama fayyaa guutuu qabu. fuudhee ilmaan sadi horee, hanga bara 1973 fayyaa guutuun eega jiraatee booda. Gaafa tokko mana amantii isaa dhaqee gooftaa isaatiif waan tokko waadaa seene. Sunis harka isaa kan mirgaa diriirsee ol kaasuudha. Amma booda haga lubbuun jiru harka kiyya kan mirgaa gad hin deebisu jedhee gooftaa isaatiif qodhaa ykn silatii seene. Akkuma qodhaa godhetti waadaa isaa eeggatee harka isaa kan mirgaa diriirsee ol qabee hambise. Wayta deemuufi wayta rafus harka isaa gad hin deebisu. Yeroo jalqabaa dalagaan kun humnaa ol itti ta’ee hedduu rakkatee ture. Garuu qodhaa gooftaa isaatiif seene guutuuf jecha, dhukkubbiifi hadooddii hunda dandamatee itti fufe. Boodarra wanti inni hin yaadin isa mudate. Harki isaa akkuma ol ka’etti goggogee hafe. Seeliiwwan harka isaa hundi bakka jiranitti goggoganii du’an. Haala Kanaan Harki irratti du’ee qal’atee lafee gogaan uwwifame fakkaatee jira. Qubbeen isaatis wal sesseenuun qeensa mammaramaa biqilchaniiru. Haala Kanaan qodhaa isaa guutuuf jecha harki isaa bakka jirutti goggogee hafe.

 

Liang Xiuzhen – Dubartii Gaafa tokko addarraa qabdu

Dubartiin lammii Chaaynaa tun gaaf dhalattu fayyaa guutuu qabdi. Haga gaafa waggaa 70 caaltuttis qaamni isii kan nagayaati. Haa ta’u malee san booda wanti akka finniisa gurraachaa adda isii gubbaatti biqiluu jalqabe. Wanti kun guddataa dhufee isii hooysisuu eegale. Guddataa jabaataa eega tureen booda irraa citee lafa bu’e. hobbaafadhe jettee wayta isiin hafuura baafattu garuu wanti isiin hin yaadne irratti biqiluu jalqabe. Wanti duraan gogaa jabaataa fakkaatu lammaffaarratti garuu jabaa akka gaafaa ta’ee biqile. Gaafni kun dheeratee seentimeetira 13 gahuu danda’eera. Liang intala hiyyeettiidha. Karatti baatee sadaqaa kadhattee haakima dhayxe. Doktoroonni garuu waan kana qallee sirraa baasuu hin dandeenyu. Dhibee gogaa addaa waan qabduuf guyyama eeggachuu sii wayya. Waan kana sirraa murraan atis waliin duuta jedhanii ofirraa deebisan. Rakkoon gaafa biqilchuu kun biyyoota Eeshiyaa Kibba bahaa keessatti baramaadha. Qorattoonni haga ammaatti ka’uumsa waan kanaa beekuu hin dandeenye. Akka tilmaamaatti Aduu fi Human Papillomavirus wanti jedhamu sababaadha jedhan.

Qophii: Abuu Ibtisaam

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x