header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Soorata Hiyyeeyyii Kan Amma Sooreyyiin Dhuunfatan

Tafakkur: Lobster

Uumamni qaajjibbuun wal fakkaatu kun Lobster jedhama. Biyyoota heddu keessatti soorataaf oola. Keessumattuu Jaarraa 18ffaa dura soorata hiyyeeyyiifi gabrootaa ture.  Koloneeffattoonni jaarraa 18ffaa dura turanii fi mootonni aangoofi humna jabaa qaban, uumama kana gabroottanii fi warra hidhame qofa nyaachisaa turan. Walumaa galatti gabaroonni durii fi hidhamtoonni sooratni isaan nyaatan uumama kana ture. Yeroo sanitti gabroonni rakkoo takkaan malee uumama kana haga garaan isaanii quufutti sooratu. Har’a garuu yeroon jijjiiramee dubbiinis jijjiiramtee jirti. Sooranni uumama kanarraa hojjatamu hoteelota gurguddaa keessatti malee hin argamu. Namni soorata kana sooratus dureeyyii qofa. Nyaanni Lobster irraa qophaahu kan namni tokko sooratu $50-$70tti gurgurama.

Spiny-Lobster

Uumamni Loobistar jedhamuun beekamu kun bishaan keessa kan jiraatu yoo ta’u, sanyiiwan garagara 49 akka qabu beekkamee jira. Sanyii isaa kanarratti hundaa’ee guddinni isaatis garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan seentimeetira 24 kan dheeratu yoo ta’u, guddaan ammoo haga meetira tokkoo dheerata. Ulfaatinni isaatis haga kilograama 20 ta’a. Loobistar garee gurguddaa lamatti qoodama. Clawed Lobster fi Spiny Lobster jedhamuun beekkamu. Clawed Lobster akkuma qaajjibbuu kottee cifaa jabaataa qabu mataa gubbaa qaba. Sanyiin kun bishaan diilallaawaa keessa jiraata. Spiny Lobster ammoo qaamni isaa Mantis Shrimp wajjiin wal fakkata. Akkuma Mantis shrimp anteenaa dheddheeraa mataa gubbaa qaba. Jireenyaafis bishaan oowwaa filata. Wanti harka ykn qeensa fakkaatu, kan mataa clawed Lobster irra jiru guddinni isaa wal qixaa miti. Inni tokko dheeraa yoo ta’u kuun ammoo gabaabaadha. Ykn ammoo tokko furdatee tokko qal’ata. Qeensa isaa kanas waan adamsu ittiin qabatuuf, eega qabeen boodas ittiin mummuruuf fayyadama.

Clawed Lobster

Clawed Lobster eegee hin qabu. Spiny Lobster ammoo eegee dheeraa qaba. Eegeen isaa kunis gabaa irratti haalaan barbaadamaadha. Loobistar miila 10 qaba. Sababa miila isaa kanaafis bineensota akka Shrimp waliin garee tokko kessatti ramadama. Qaamni Loobistar guutuun isaa qola jabaan haguugamee argama. Qolli isaa kun hin guddatu. Kanaafuu qaamni Lobstar kan keessaa yoo gabbatu, qolli kun irraa caccabuu jalqaba.  Yoo qolli kun irraa caccabe diinni itti heddummaata. Sababaa kanaaf hanga qolli biraa biqiluufitti dhokatee jiraata.

Loobistaroonni bishaan qilee keessa jiraatan ija hin qaban. Kanneen bishaan qilee hin taane keessa jiraatan garuu ija kompaawundii qabu. Haa ta’u malee ijji isaanii kun waan isaan dura jiru haalaan itti hin mul’isu. Wanti isaan arguu danda’an sosochii isaan duratti argamu qofa. Bakka ijaa kana miirri isaanii kan fuunfachuu haalaan jabaadha. Bineensa adamsamuufii diina itti dhufe miira kanaan adda baafatu. Loobistar hedduminaan foon soorata. Kanaafuu uumama bishaan keessa jiru, kanneen akka qurxummii fi raammolee soorata. Dabalataanis biqiltoota bishaan keessaatis ni soorata.

Diinni hamaan Loobistar ilma namaati. Biyyoota akka Awrooppaa, Ameerikaa fi Eeshiyaa keessatti foon uumama kanaa haalaan barbaadama. Bifti Lobstar magaala, akkasumas magariisa yoo ta’u, yeroo bishaan oowwaadhaan danfifamu garuu ni diimata. Sababaan ammoo, seeliiwwan bifa biraa qaban hundi isaanii yeroo du’an, diimaan garuu hin du’u. ilma namaatiin cinatti qurxummiin Codfish jedhamu, akkasumas Octopus uumama kana adamsee soorata.

Yeroo wal qunnamtiin wal hormaataa raawwatamu qolli dhaltuu irra jiru ni harca’a. Kanaafuu eega wal qunnamtii raawwatteen booda dhokachuun isiirratti dirqama. haga gaafa qolli isii jabaatutti hanqaaquu hin buustu. Gaafa qolli isii hundi seeraan itti deebi’ee fi yeroo barbaaddetti hanqaaquu buusti. Yeroo takkaanis hanqaaquu haga kuma kudhanii (10,000) buusuu dandeetti. hanqaaquu kanas dirreerratti dhiistee hin deemtu. garaa ofii jalatti maxxanfattee waliin sochooti. Haa ta’u malee ilmooleen hanqaaquu kana keessaa bahanii guddatanii dullooman kudhan hin caalan. Hedduun yeroma hanqaaquu kan nyaattaman yoo ta’u, gariin ammoo akkuma dhalataniin adamsamanii nyaatamu.

Haadhoon Lobster haala kanaan hanqaaquu isii ofitti maxxansitee waliin sochooti.

Lobster tokko guddatee, wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaaf waggaa torba guutuu qaba. Kunuunsi gahaan yoo godhameef, Lobstar hayyama Rabbiitiin waggaa 100 ol jiraatuu danda’a. Haa ta’u malee, hedduminaan waan kiyyeeffamee nyaatamuuf waggaa dheeraa jiraatuu hin danda’u.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button