header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Allaattii Qoffee Kophee

Tafakkur: Shoebill

Biyya olla teenyaa tan taate Sudaan irraa kaasee haga Zaambiyaa uumama bal’ifatee jiraatu tokko waliin daawwanna. Uumamni kun dachii bal’aa kana keessa jiraatus lakkoofsi isaa haalaan xiqqaachutti jira. Yeroo ammaa kana lakkoofsi isaa kuma 8 hin caalu. Uumamni kun sanyii allaattiiti. Maqaan isaa afaan Ingiliffaatiin Shoebill jedhama. Maqaa kana wayta adda qoodnu jechota ingiliffaa lama arganna. Isaanis Shoe fi Bill yoo ta’an, Shoe jechuun Kophee Bill jechuun ammoo qoffeedha. Kanaafuu qoffee kophee fakkaatu jechuudha. Dhuguma uumama kana wayta ilaallu qoffee akkaan guddaa kan kophee fakkaatu qaba.

Shuubiil allaattii guddaadha. Lafaa ol dheerinni isaa meetira 1.5 ta’a. eegee irraa kaasee haga qoffee isaa ammoo meetira 1.2 dheerata. Furdinni isaa haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan haga Kiilograama 4 ulfaata. Guddaan ammoo kilograama 7 ta’uu danda’a. halluun baalli allaattii kanaa gara daalachaati dhihaata. Miilli isaa dheeraa fi bifaanis gurraacha. Kooluun isaa haalaan dheeraa fi bal’aadha. Avreejiidhaan haga meetira 2.5 dheerata. Kunis ulfaatina qaama isaa wal madaalchisaa akka barrisu isa taasisa. Haa ta’u malee koola isaa haalaan dheeraa ta’e kana saffisaan hargufuu hin danda’u. daqiiqaa tokko keessatti yeroo 150 qofa kan hargufuu danda’u yoo tahu, allaattiiwwan koola isaanii hargufuu irratti harkifatoo ta’an keessaa isa tokko. Mormi isaa haalaan jabaadha. Allaattii kanarraa wanti addaa qoffee isaati. Qoffeen kun seentimeetira 23 kan dheeratu yoo ta’u, dagaletti ammoo seentimeetira 10 bal’ata. Fiixeerraan ammoo qal’aadha. Akkasumas qara jabaa qaba.

Allaattiin kun soorata isaa yeroo halkanii soorata. Hedduminaanis wantoota akka qurxummii, amfiibiyaanota, lootuu, bofa, hantuutaa fi ilmoolee naachaatis ni soorata. Jireenya kopha kophaa waan jiraatuuf sooratallee kophama ofii adamsa. Haa ta’u malee soorata kana argachuudhaaf yeroo dheeraaf riphee obsaan eeguun isarratti dirqama. yoo wanti adamsamu gara isaa dhufe, saffisaan itti utaalee qabata. Soorata qabate san liqimsuu isaatiin dura, qoffee isaa jabaa fi qaraa ta’e sanitti fayyadamuun bakka lamatti mura.

Shuubiil walqunnamtii wa hormaataa raawwatuudhaan duratti goojjoo qopheessa. Kana booda yeroo roobni hin jirretti wal qunnamtii wal hormaataa raawwatu. Kunis hanqaaquun ykn ammoo goojjoon ijaarame lolaan akka hin fudhatamneef mala qophaayeedha. Haadhoon takkas hanqaaquu haga sadihii buusti. Guyyaa soddomaaf eega hammatteen booda cabsitee ilmoolee keessaa baafti. Ilmooleen haarawa dhalatan kunniin haga ji’a lamaa fi walakkaa guutanitti ol ka’anii dhaabbachuu hin danda’an. Miilli isaanii dheeraa waan ta’eef, qoffee isaanii jabaa san eegee isaanii waliin wal madaalchisanii ol ka’anii dhaabbachuun haalaan itti ulfaata. Wayta dhaabbachuudhaaf carraaqan yeroo hunda fuulduratti lafa dhahu. Sababaan kanaa ammoo, qoffeen isaanii haalaan ulfaata. Miilli isaanii qoffee kana baadhachuu hin danda’u.  Kanaafuu ji’a lamaa oliif gargaarsa haati isaaniif gootutti haajaman. Soorataa fi bishaan qoffee ofiitti qabattee fiduudhaan isaan soorti. Haga gaafa of danda’anii olii gad deemuu danda’anitti haaluma san keessatti dabarsu. Of danda’anii haadharraa adda bahuudhaaf yoo xiqqaate haga waggaa tokkoo turu. Ilmoon takka dhalattee wal hormaataaf kan geettu ammoo, gaafa umriin isii afur guute ta’a.

Afriikaan jireenya bineensota hedduutiif mijooftuu miti. Sababni ammoo manca’iinsa bosonaatii fi adamoodha. Shuubiil osoo akka namaa afaan beekee miidiyaa addunyaa quba qabaatee, akkuma ilmi namaa Afrikaa irraa baqatu kanatti Shuubiilis gara Awrooppaafii Ameerikaa baqachuu hin oolu jechuu ni dandeenya. Wanti jireenya isaatii dabee sanyii isaa lafarraa haxaayaa jiru manca’iinsa bosonaatiifi Adamoodha. Keessattuu biyyoota Afriikaa gama Kibba-bahaa jiran kanneen akka Ruwaandaa fi Koongoo keessa lolli haalaan waan hammaatuuf, manca’iinsi bosonaa haalaan babal’atee jira. sababa kanaafis lakkoofsi isaanii xiqqaachutti jira. Dabalataan qoffeen isaatis haalaan barbaadama. Keessattuu namoota kiyyoo qurxummii qopheessuu barbaadaniif allaattiin kun faaydaa guddaa qaba. Sababa kanaafis hedduminaan adamsamutti jira. Walumaa galatti sababa manca’iinsa bosonaa fi adamoo irraa kan ka’e lakkoofsi isaa xiqqaachaa jira.

Uumama kana bira wanti ajaa’ibaa tokko ni jira. Akkuma duratti isinii hime haadhoon takka hanqaaquu haga sadihii hanqaaquu dandeessi. Sadan keessa inni tokko shamee lama keessaa ammoo ilmoolee baasti. Rakkoon kana booda mudata. Haadhoon Shuubiil ilmoolee lamaan guddisuu hin dandeettu. Inni tokko du’uun isarratti dirqama. akkuma durarratti dubbanne, ilmooleen ji’a lamaafi walakkaaf bakkarraa bakkatti socho’uu waan hin dandeenyeef gargaarsa haadhaa irratti irkatu. Kanaafuu haati lamaan wal biratti dhiisuun soorataa fi bishaan fiduu deemti. Yeroo kana inni irra guddaa ta’e ykn kan humna qabu isa xiqqaa san qoffeen wawwaraanuu jalqaba. Haga haati dhuftutti ykn ammoo haga dadhabee dhiisutti haleellaa kana irraa hin dhaabu.Kana booda haati wayta dhuftu lameenuu walirraa fagaatanii dhaabbatu. Inni tokko qaamni isaa dhiigee, tokko ammoo qoffeen isaa dhiigaan dibamee isii eegu. Hundi keenya bakka kanatti haadhoon isa dhiige saniif laaftee, ka hangafaa adabdi jechuu dandeenya. Ykn ammoo soorata fidde san isa miidhameef kenniti jennee tilmaamna. Garuu akkasii miti. Akkuma isinitti hime lamaan walbiratti guddisuu waan hin dandeenyeef, isa miidhame dhiistee isa goota ta’ee dhaabate soorti. Inni miidhame sun, sooratas dhabee gargaarsa haadharraa argatus dhabe, obboleessaan miidhamee addunyatti nagaya dhaammata. Hayyama Rabbii guddaatiin allaatiin kun haga wagga 36 jiraachuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button