header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

Wanta facaastan san argitanii?

Rabbiin ol ta’e akkana jedha:
“Wanta facaastan san argitanii? Isintu biqilcha moo kan biqilchu Nuhi? Osoo feenee caccabaa gooneetiin kan gaabbitan (dinqisiifattan) taatan?«Nuti dhugumatti hoonga’oodha; Lakkisaa, Nuti dhoorgamoodha.» [jettu turtan].” Suuratu Al-Waaqi’aa 56:63-67

أَفَرَأَيْتُمْ مَا تَحْرُثُونَ (63) أَأَنْتُمْ تَزْرَعُونَهُ أَمْ نَحْنُ الزَّارِعُونَ (64) لَوْ نَشَاءُ لَجَعَلْنَاهُ حُطَامًا فَظَلْتُمْ تَفَكَّهُونَ (65) الواقعة


Yaa nama! Sanyii facaastan san itti xinxallitanii jirtuu? Akka biqiluu fi guddatu bishaan ni obaastu ykn roobni akka itti roobu ni eegdu. Mee if gaafadhaa! sanyii kana isintu biqilcha moo Rabbii guddaatu biqilchee guddisaa? Isin raftanii fi quba kan hin qbne taatanii osoo jirtanuu sadarka sadarkaan, suuta suutaan kan biqilchuu fi guddisu eenyudhaa? Ofiin of biqilchuu fi firii kennuu ni danda’aa? Rabbii guddaa olta’e malee eenyutu biqilchuu danda’aa? Ilmaan namaa gonkumaa sanyii lafatti darban biqilchuu hin danda’u. Rabbiin guddaan olta’e osoo fedhee biqilaa oomishaaf gahe kana bubbee cimaa itti erguun caccabaa fi daaraa isa gochuu danda’a. San booda gaabbii fi dinqisifannaan akkana jechuu malee wanti gootan hin jiru: “Dhugumatti nuti hoongofne, midhaan nurraa bade yookaan waan gaarii dhoorgamne.” Jettan.

Dubbiin yoo akkana ta’ee maaliif Rabbii olta’aa isin nyaachisuu fi obaasu hin galateefannee? Maaliif ajaja isaatti hin bullee? Sanyii ooyrutti darbitan/facaastan kan isiniif biqilchu isa. Osoo inni biqilchuu fi guddisuu baate, silaa eenyutu biqilchee fi guddisee isin nyaachisaa? Osoo midhaan keessanitti bubbee yookaa rooba yookaan dhibee cimaa ergee eenyutu irraa deebisaa?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button