header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Bineensa Farra Ilbiisotaa Tahe

Tafakkur: Ermine

Uumamni kun Ermaayine (Ermine) jedhama. Ermine sanyii Weasel keessatti kan ramadamu yoo ta’u, eddoowwan qabbanaawaa naannawa Ameerikaa kaabaa, Awrooppaa fi Eeshiyaa keessatti, naannawa mukni heddumaatutti qarqara bishaaniitti dhihaatee jiraata. Ermaayine ilma namaatiif faaydaa garagaraa lama kenna. Inni duraa raammolee fi ilbiisota xixiqqoo ooyruu fi naannawa namni jiraatuu nyaatee qulqulleessuu isaati. Kun ilma namaa waan haalaan fayyaduuf, ilmi namaatis, keessattuu qonnaan bultoonni bineensa kanaaf haala addaatiin kunuunsa godhu. Gama biraatiin ammoo rifeensi gogaa isaa, indastriiwwan faashinii keessatti haalaan barbaadama. Kanaaf ammoo namoonni gariin uumama kana adamsanii ajjeesu.

Ermaayine uumama xiqqaadha. Dheerinni isaatis sanyii fi naannawa jiraaturratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Inni irra xiqqaan seentimeetira 17 kan dheeratu yoo ta’u, guddaan ammoo hanga sentimetira 33 dheerata. Ulfaatinni isaatis graama 25 haga 113 ta’a. Akkuma uumamaalee hedduu Kormaan dhaltuu ni caala. Halluun rifeensa uumama kanaa haala qilleensaarratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Wayta oowwatti, rifeensi gama duydaa jiru magaalaa gara diimaa dabu yoo ta’u, garaa jalaa ammoo bifa adii qaba. Wayta qabbanaawuu fi naannoon inni keessa jiraatu cabbiin guutamutti halluun isaa guutumatti gara adiitti jijjiirama. Kunis cabbiin wal fakkaatee diina jalaa miliquudhaaf isa gargaara. Ermaayine mataa xiqqaa rog sadee fakkaatu qaba. Gurri isaa geengoo yoo ta’u, haffarroon isaa ammoo dheeraadha. Qaamni isaa laafaadha. miila gabaabaa jabaa fi eegee dheeraa qaba.

 

Ermaayine cifaa qaraa qaba. Cifaan isaa kunis lafa qotuudhaaf akkasumas mukarraa mukatti cehuudhaaf haalaan isa gargaara. Uumamni kun yeroo naannoon isaa cabbiin uwwifamus rakkoo takkaan malee cabbii irra deemuu danda’a. Yoo barbaachisaa tahe ammoo bishaan keessas daakee gara barbaade cehuunis isaaf salphaadha.

 

Uumamni kun uumama halkan halkan socho’uudha. Warra carnivore ykn ammoo foon sooratan keessatti ramadama. Sooranni isaa hedduminaan hantuuta, ilbiisota, raammolee, raacha, qurxummii, allaattii fi hanqaaquu garagaraati. Akkuma durarratti dubbanne, raammolee fi ilbiisota sooratuun isaa namoota hedduuf faaydaa guddaa qaba. Naannoon akka qulqullaawuufis gahee isarraa eeggamu dalagutti jira.

 

Ermaayine dandeettii dhageettiifi fuunfachuu jabaa qaba. Kennaa addaa badhaafame kanatti fayyadamee soorata barbaadata. Kana booda waan argate san mataa fi kokkee qabee ajjeesee soorata. Uumamni kun soorata isaa barbaacha halkan tokkoon haga kilomeetira 14 deemuu danda’a. hedduminaan ammoo utaalcha shaffaaxaa (zigzag) jedhamuun deema. Yeroo takkaan lafaa ol seentimeetira 50 utaalaa, halkan tokkoon haga kilomeetra 14 deemuun rizqii Rabbi isaaf qoode soorata. Halkan yeroo soorata barbaacha haala kanaan deemu, diina isa nyaatuun walitti dhufuun ni mala. Jeedalli, adurreen akkasumas ilmi namaa diina uumama kanaati.

 

Uumamni naannawa qabbanaawaa jiraatu amala addaa tokko qaba. Innis hibernate godhuudha. Akkuma beekamu, Hibernate jechuun osoo bakka takkaa hin socho’in, soorataa fi qilleensa malee yeroo dheeraaf turuu jechuudha. Ermaayine garuu uumama nannawa qabbanaawaa jiraataa hibernate hin goone keessaa isa tokko. Qilleensi ulfaataa yoo ta’es, boolla mukaa fi dhagaa irratti qote keessa seenuudhaan haala qilleensa ulfaataa san dabarsa.

 

Ermaayine jireenya kopha kophaa jiraata. Garuu, Uumamni xiqqaan kun lafa haalaan bal’aa ta’e kophaa isaa koloneeffatee keessa qubata. Inni tokko lafa haga hektaara 20 bal’atu kophaa isaa dhuunfatuu danda’a. lafa hagana bal’atu kana, uumamni xiqqaan kun hafuura qaama isaa keessaa bahutti fayyadamuun daangaa itti tolfata. Ermaayine biraa dhufee hafuura kana yoo arge, lafa Ermaayine biraa ta’uu baree dhiisee biraa deebi’a.

 

Dhaltuu fi Kormaan uumama kanaa yeroo wal qunnamtii wal hormaataatti walitti dhufuun guyyoota muraasa waliin dabarsuu danda’u. Rimayni Ermin guyyaa 280f tura. Yeroo takkaanis haadhoon takka ilmoolee afurii haga sagalii dhaluu dandeetti. Ilmooleen Ermin gaafa dhalatan haalaan xixiqqoo waan ta’aniif, ji’a sadihiif heddus osoo hin sosocho’in mucha haadhaa hodhaa turu. Kana booda waggaa tokkoof haadha waliin deemaa, akkaataa soorata itti adamsanii fi waan irraa baratuu qaban hunda baratu. Waggaa tokko guunnaan, haadharraa adda bahanii jireenya kophaa jiraatuu jalqabu. Ermaayine hayyama Rabbiitiin haga waggaa 7 jiraachuu danda’a.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button