Uumamni kun sanyii Jeedalaati. maqaan isaatis Feeneek Fooks (Fennec Fox) jedhama. Feeneek Fooks sanyiilee Jeedalaa keessaa isa irra xiqqaadha. Sanyiin Jeedalaa kun lafa gammoojjii cirracha Afriikaa kaabaa fi Sulula saaynaay keessatti argama. Feeneek Fooks rifeensi isaa hedduu laafaa waan ta’eef haalaan barbaadama. Dabalataanis namoonni heddu manatti guddisuuf adamsu. Sanyiilee Jeedalaa keessaalee uumamni ilma namaatti madaqee jiraatu Feeneek Fooks isa jedhamu kana qofa.
Feeneek Fooks sanyiilee Jeedalaa keessaa isa xiqqaa ta’us, gurri isaa garuu qaama isaa xiqqaa san biratti wayta ilaalamu haalaan guddaadha. Eegeen isaatis dheerinna qaama isaa ¾ ta’a. Rifeensi isaa laafaadha. Gama gubbaatiin rifeensa haphii; garaa jalaa ammoo rifeensa tuuchaa qaba. Bifti isaa kan gama gubbaa keelloo ykn magaala tahuu danda’a. Garaa jalaa ammoo rifeensa daalacha gara adii dhihaatu qaba. Eegeen isaa fiixeerraa halluu gurraacha qaba. Walumaa galatti qaamni bineensa kanaa cirracha gammoojjii sahaaraatiin wal simata. Guddina qaamaatiin kormaan dhaltuu kan caalu yoo ta’u, lafaa ol haga seentimeetira 20 qofa dheerata. Fuulduratti ammoo seentimeetira 30 dheerata. Eegeen isaatis kophatti seentimeerira 25 dheeratti. Gurri uumama kanaa guddaan sunis haga seentimeetira 15 dheerata. Ulfaatinni isaa walumaa galatti haga kilograama 1.5 ti.
Qaama uumama kanaa keessaa wanti ajaa’ibaa rifeensa tuuchaa garaa fi faana isaa jalatti argamuudha. Bineensonni rifeensa tuuchaa qaban yeroo heddu lafa cabbiin uwwifame keessa jiraatu. Bineensonni gammoojjii ammoo rifeensa haalaan haphii qabu. Kan bineensa kanaa ammoo adda. Rifeensi tuuchaan kun waan tasa argame osoo hin taane, kennaa uumamaan Rabbii isaa irraa badhaafameedha. Akkuma durarratti isinii himne bineensi kun haalaan gabaabaadha. Cirrachi gammoojjii Sahaaraa ammoo haalaan oowwaadha. Yeroo aduun haalaan oowwitutti cirracha kana miilaan irra ejjachuun hedduu ulfaataadha. Sababaa kanaaf Rabbiin guddaan bineensa xiqqaa kana rifeensa tuuchaa jabaataa kana badhaase. Bineensi kun rakkoo takka malee cirracha gammoojjii irra deemuu danda’a. rifeensa garaa isaa jalaafi faana isaa jalatti argamuun alatti, rifeensi qaama isaa haguuge guutuun akkaan laafaafi haphiidha.
Feeneek Fooks qeensa jabaa qaba. Qeensa saniinis lafa gammoojjii kotootuun boolla qopheeffata. Boolla isaa kanaaf lafa cirrachaan guuttame osoo hin taane, lafa jabaa fi cirracha heddus hin qabne filata. Boolla isaa kanas haala addaatiin qopheessa. Jalqaba haga seentimeetira 90 eega gama gadii qotee booda, achuma jalaan gama dagalee haga meetira 9 qota. Haala kanaan boolla heddu naannoo tokkotti qotee, hunda isaaniituu gama jalaatiin walitti bana. Gama gubbaatiinis hulaan seensaa haga kudhanii qopheessa. Yeroo barbaadetti boolla fedheen seenee ta biraatiin baha. Guyya guyyaa wayta aduun hammaattutti, boolla kana keessatti hara galfataa oola.
Sanyiileen jeedalaa hundi jirenya kopha kophaa jiraatu. Feeneek Fooks garuu garee muraasa uumee waliin jiraata. Gareen kun garuu waliin adamsuudhaaf osoo hin taane, diina ofirraa ittisuudhaaf jecha ijaarama. Bakka soorataatti hunduu qophuma isaa adamsa. Soorata isaa kana yeroo halkaniitti kan adamsu yoo ta’u, dandeettii dhaggeeffachuu fi fuunfachuu jabaa ta’etti fayyadamuudhaan adamsa. Gurri bineensa kanaa haalaan waa dhagaha. Waan naannawa isaatti socho’u qofa osoo hin taane, bineensota lafa jalatti boolla keessa sosocho’anis ni dhagaha. Bineensi kun Sanyiiwwan Tuqaa, Hilleensaa fi sanyiiwwan Allaattii garagaraa soorata. Dabalataan hanqaaquu bineensota birootis hatee soorata. Amala bineensota gammoojjii keessaa inni tokko bishaan malee yeroo dheeraaf turuudha. Feeneek Fooksillee uumama badhaasa kana qabu keessaa isa tokko. Akka gaalaa bishaan dalluu keessatti kuufatuu baatus, bakka bishaan hin argannetti rakkoo malee yeroo dheeraaf turuu danda’a.
Bineensi kun akkuma ilma namaa Jaarsaafi jaartiin wal filatee wajji jiraata. Gaafa isiin rimaya qabatterraa kaasee haga gaafa isiin ilmoo dhaltuutti, isii kunuunsuun dirqama isaati. Soorata isiif barbaachisu barbaadee fiduufi, diina isii adamsuuf dhufu irraa eeguunis dalagaa isaati. Gaafa isiin ilmoo dhaltes haga gaafa ilmooleen jabaattee kophaa socho’uu eegaltuutti isumatu tajaajila. Rimayni Feeneek Fooks guyyoota 52f tura. Haadhoon takka yeroo takkaan haga ilmoo afurii dhalti. Ilmooleen dhalatan ji’a lamaaf mucha haadhaa hodhaa jiraatu. Kana booda ollama haadhaatti boolla qotatanii jireenya kophaa jalqabu. Fedha Rabbiitiin Feeneek Fooks haga waggaa 13 jiraatuu danda’a.
Qophii: Abuu Ibtisaam