header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Ta’ziyaa Miila Jeneraaltichaatiif Dirqamaan Qopheeffamte

Tana Quba Qabduu?

Addunyaan teenya mudannoowwan gagragaraa heddu keessa dabartee arra geesse. Qaroominaa fi haala jireenyaarratti hundaa’ee wantootni addunyaa teenya tanarratti raawwataman hedduudha. Dhibeen, waraanni fi dhimmootni addunyaan tun keessa dabarte waan laakkayamee dhumuu miti. Barruu tanaan seenaawwan dachii teenya tana mudatan keessaa, kan ajaa’iba nutti tahe muraasa isinii dhiheessina.

 

Dhibeen addunyaa kanarraa dhabamu dandaye tokko qofa

Dhibeewwan yeroo garagarraatti bifa weeraraatiin ka’an, addunyaa waliin gahanii lubbuu namoota hedduu galaafatuudhaan ilma namaa haalaan dararaniiru. San keessaa inni tokko Small pox ykn Gifira kan amaariffaan Kuffinyi jedhama. Dhukkubni kun waggaa 5,000 dura jalqabuu hin oolu jechuun qorattoonni tilmaaman. Dhibeen kun jaarraa 19 keessa wagga waggaan namoota 400,000 ol galaafataa ture. Haala Kanaan namoota miiliyana 300 tahan galaafatuu hin oolu jedhama. Wanti guddaan dhibee kanaa garuu ammaan tana dachiirraa dhabamuu isaati. Keeziin yeroo xumuraatiif galmaaye bara 1977 ture. Dhaabbanni fayyaa addunyaatis dhibeen kun dachiirraa dhabamuu isaa bara 1980tti mirkaneesse.

 

Ameerikaa Keessatti haga bara 1967tti ummanni sanyii garagaraa akka wal fuudhu hin hayyamamu

Seerota sanyummaarratti hundaayuun bahan keessaa inni tokko isa Ameerikaan waggoota dheeraaf itti fayyadamtee fi Anti-miscegenation law isa jedhamuudha. Seerri kun ummanni bifaa fi sanyii garagaraa akka wal hin fuune dhoorka. Seera kana Ameerikaan bara 1776tti baastee haga bara 1967 waggoota 190 oliif itti fayyadamte. Seerri kun Isteetota Ameerikaa garagaraa keessatti bifa garagaraatiin hojiirra oolus, kaayyoon isaa sanyiin tokko kan biraa akka hin fuune dhoorkuudha. Gurraacha, Adii, Native Ameerikaan, Eeshiyaan, jachaa ummata biyyattii sanyiin adda qoqqoodan. Seerri kun warra Afriikaarraa dhufe qofa warra Adiirraa hin dhoorku. Warri Afriikaa sanyii biraa kan Eeshiyaa keessaa dhufellee akka hin fuune dhoorka. Walumaa galatti seerri Ameerikaa kun, Sanyiin hundi osoo walitti hin makamin akka itti fufu godhuuf qophaahe. Akka seera kanaatti sanyiin tokko kan biraa fuudhuu qofa osoo hin taane, gaa’elaan alatti zinaa raawwatuunis ni adabsiisa. Adiin adii irratti gurraachi gurraacharratti zinaa yoo dalage rakkoo hin qabu. Garuu sanyiin tokko kan biraa irratti zinaa goonaan ni adabama. Akka seera kanaatti Adiin Isteeta hunda keessatti Gurraachatti herumuu fi fuudhuu hin dandayu. Isteetonni muraasni ammoo Sanyii gurraachaan ala jiru fuudhuu fi itti heerumuu ni hayyamu. Tahus Isteetonni kana dhoorkanis hedduudha.

 

Hoogganaa Meeksikoo kan ture Saantaa Anaa namni jedhamu miila isaa muramteef jecha taaziyaa guddoo biyya keessatti raawwachiise.

Jeneraalli Saantaa Aanaa jedhamu bilisummaa Meeksikootiif osoo falmuu bara 1938titti miidhaan irra gahee ture. Sababuma miidhaa kanaatiin miilli irraa murame. Jeneraalichi garuu miila isaa kana kabajaadhaan bakka Veraakuruuz jedhamutti awwaale. Waggaa 4 booda bara 1842tti Saantaa Aanaan Preezidaantii Meeksikoo tahe. San booda miila isaa kan irraa muramee awwaalame san boollaa baase. Itti aansuun miilli isaa kan lafee qofatti deebi’u sun loltootaa fi namoota hedduun dabaalamee, daandii magaalaa guddittii keessa kabajaan akka deemu godhame. Ummanni magaalattiitis dirqamaan dirretti baafamee, miila jeneraalichaatiif humnaan akka booyu godhame. Dhumarratti siidaan addaa qophaayee isa jalatti awwaalme. Haa tahu malee bara 1844tti ummanni fincilee Preezidaanticha mormutti seene.  Siidaa isaa caccabsanii miila isaa kana boollaa baasuun haada itti diranii magaalaa keessa harkisaa “duuti hokkolaaf haa ta’u” jechaa isa morman. Namni kun waggaa 4 booda aangoorraa fonqolchamee biyyaa ari’ame.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button