header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Filiippiin Keessatti Bultii Diiguun Muslimoota Qofaaf Hayyamama

Tana Quba Qabduu?

Waan ilmi namaa haalaan barbaadu keessaa inni tokko waahela jireenya argatee bulti ijaarrachuudha. Bulti ijaarrate san keessaa ilmoo horee sanyii bakka buufatee dachii tanarraa godaanuu fedha. Sababaa kanaaf jecha yeroo heddu mallaqni guddaan cidha irratti dhangalaafamaa bultiin ijaarrama. Akka aadaa biyya teenyaattis gabbaraa fi wantoota garagaraatiif baasii godhanii bulti ijaarrachuun baramaadha. Haa ta’u malee dhiheenya kana bultiin baasii guddaan jaaramu kun waanuma xixiqqoof diigamutti jira. Namni bulti baasii guddaan ijaare sababaa xiqqoon diiguu aadeeffateera. Kanuma hordofuudhaan biyyoonni garagaraa sirna gaa’ela diiguu ykn xalaaqaa irratti seera garagaraa baasan. Barruu tana keessatti waa’ee gaa’ela diiguutiin wal qabatee qabxii muraasa isinii dhiheessina.

 

Indiyaan akka addunyaatti biyya gaa’elli hedduun keessatti hin diigamne ta’uun sadarkaa duraa irratti argamti

Indiyaan ummata biiliyana tokkoo ol qabdi. Indiyaa keessatti ga’ela ijaarrachuun haalaan ulfaataadha. Akka aadaa biyya hindiitti maharii warra intalaattu kenna. Sababa kanaaf jecha yeroo heddu dubartootni indiyaa eega heerumanii booda daa’imni garaa isaanii jiru dhalaa ta’uu yoo beekan ofirraa baasu. Kanas ta’u bultiin takka ijaaramnaan diigamuun isii ni jabaata. Namni gaa’ela diige ilaalcha addaatiin ilaalama. Carraan lammata deebi’ee heerumuuf ykn fuudhuuf qabus xiqqaadha. Kanaaf jecha gaa’ela diiguun ykn wal hiikuun indiyaa keessatti waan baramee miti. Akka seeraatti gaa’ela diiguun waan barreeffame ta’us manni murti dhimma kanarratti murti kennuurra araarsuu filata.

 

Awustraaliyaatti dubartoonni Aboorijiin yeroo barbaadanitti bakka barbaadanitti abbaa warraa isaanii hiikuu mirga qabu

Akkaa aadaa biyyoota hedduuti dubartiin gad na dhiisi jettee gaafatuun waan baramee miti. Yoo gaafattes hayyama hin argattu. Garuu Awustraaliyaa keessatti dubartoonni Aborijin gaa’ela isaanii diiguu mirga qabu. Fakkeenyaaf dubartiin Aborijin takka dhiira duraan heerumte dhiistee osoo isaan na hiiki hin jedhin nama biraa bira deemtee heerumuu mirga qabdi. Yoo Kana goote gaa’elli duraa diigameera jedhamee fudhatama. Dhiiri garuu intala duraa osoo hin hiikin ta biraa fuudhuu hin danda’u. Dabalataan dubartiin Aborijin takka, abbaa warraa isiitiin na hiiki jettee gaafatuu mirga qabdi. Inni si hiike yoo jedheen bultiin sun diigameera jechuudha. Mana murti dhaquun dirqamaa miti. Garuu gaafiin kun dhiira biraa yoo dhufe adeemsa hedduu keessa dabruu qaba.

 

Filippiin keessatti Muslimoota qofatu wal hiikuu danda’a

Filippiin keessatti seerri wal hiikuu deeggaru hin jiru. Manni murti garuu ragaa irratti hundaa’ee bulti namaa diiguu mirga qaba. Haa ta’u malee seerri kun muslimoota irratti hin hojjatu. Muslimoonni akkaataa seera amantii isaaniitiin bulti ijaarrachuu fi nikaya buusuu mirga qabu. Saniin ala ummanni biyyattii kan amantaa biroo hordofu yeroo takka wal fuunaan waliin jiraachuun dirqama isaati. Lammii Filippiin ta’ee biyya alaa osoo jiraatu yoo gaa’ela isaa diiges, wanti kun fudhatama hin qabu. Biyya isaa keessatti bultiin isaa akka hin diiggamnetti laallamti. Yeroo biroo yoo gara biyya isaa deebi’e gaa’ela biroo raawwachuu hin danda’u.

 

Jaappaanitti wal hiikuun booda dubartoonni seera hordofuu qaban hedduutu jira

Jaappaanitti gaa’ela diiguun salphaadha. Osoo mana murtii hin dhaqin foormii guutanii qofa wal biraa deemu. Eega wal hiikaniin boodas deebi’anii nama biraa wajji bulti ijaarrachuu mirga qabu. Haa ta’u malee dubartoonni seera hordofuu qabantu jira. Dhiirri akkuma gaa’ela duraa diigeen intala biroo fuudhuu ni danda’a. dubartoonni garuu ji’a 6f osoo nama biraatti hin heerumin taa’uu qabu. Akka aadaa Jaappaanitti dubartiin takka eega heerumtee booda maqaan isii ni jijiirama. Maqaan abbaa isii haqamee maqaa jaarsaatiin bakka buufama. Kanaafuu yoo jaarsa isiitiin adda baate maqaa jaarsa isii ofirraa haqxee maqaa isii kan duraa deebifachuu qabdi. Kun ammoo bu’aa bahii dheeraa gaafata. Bu’aa bahii dheera keessa dabritee eega maqaa isii sirreeffattee booda nama birootti heerumti. Achi boodas maqaa isii gama jaarsa haarayaatti jijjiirti. Sababaa kanaaf dubartoonni jaappaan yeroo heddu bultii diiguu irraa of eegan.

 

Vatikaan keessatti wal hiikuun dhoorkaadha.  Maaltaa keessatti ammoo waggaa 4 gaafata

Bulchiinsa amantaa Kaatolikiitiin tan bultu Vatican city keessatti gaa’ela diiguun dhoorkaadha. Lammiileen isii abadan gaa’ela diiguun isaaniif hin hayyamamu. Garuu wantoota amantiin wal qabate irratti hundaa’ee bataskaanni bulti namootaa diiguu mirga qabdi. Gama biraatiin Maaltaa keessatti gaa’ela tokko ulaagaa barbaachisu hunda guutanii diiguudhaaf waggaa 4 barbaachisa. Kanaafuu namni bulti diiguu barbaade yoo xiqqaate waggaa Afuriif osoo walitti hin dhihaatin wal biraa fagaatee jiraatuun dirqama isaati. Nama biraatittis dhihaatuu mirga hin qabu.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button