header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Umar Ibnu Ubeeydullaah.

Qophii: Abbaas Ibnal Islaam

Umar Ibnu Ubeeydullaah nama sadaqatuun beekamuudha. Guyyaa tokko osoo daandii irra deemaa jiru ooyruu biqiltuu takka bira gahe, wanti inni iddoo ooyruu kana biratti arge hedduu isa ajaa’ibe.

Gabrichi tokko iddoo Ooyruu biqiltuu kana taahee osoo nyaata nyaataaa jiruu, sareen itti dhufte. Mucaan kunis yeroo takka ofii afaan kaahataa yeroo tokko immoo Saree tanaaf keenna ,Umar Ibnu Ubeydilaahis gocha mucaa kana dinqisiifatee, sareen kun keetii  jechuun mucaa kana gaafate.

 

Mucaan: lakkii kiyyaa miti jechuun deebiseef

Umar: duuba maaliif soorata kee irraa keennitaaf jechuun gaafate

Mucaa: Ani qofaa kiyya nyaataa, yoo sareen kun na ilaalu na qaanfachiisa jechuun deebiseef.

 

Umar: dalagaa mucaa kanaa aja’ibaa “ati gabricha moo balcha( walaba)”jechuun gaafate

Mucaa: ani gabricha abbaa Oyiruu kanaati jechuun deebiseef

Umaris deebisaa mucaa kana eega dhagayee turtii muraasa booda iddoo sanitti deebi’uun,

“Ilma kiyya; Rabbiin hardha gabrummaa jalaa si baasee jira, hardha irraa kaasee iddoo Ooyruu kanas siif kennee jira jechuun gammachiise

Mucaan kunis hedduu gammadee, anis iddoo ooyruu kana harka qalleeyyii naannawa keenya keessa jiraataniif Hadiyyaa(kennaa) kennadhee jira jedhe.

 

Umar hedduu dinqisiifatuun, ati nama aja’ibaati, osoo ofii keetiif hiyyummaa keessa jirtu akkamitti kana goota? Jechuun gaafate.

Mucaanis, Rabbiin keennaa lakkoofsa hin qabne naaf kennaa osoo jiru ani qorqoduun na qaanfachiisaa jechuun deebiseef.

Sadaqatuuf (kennatuuf)  kan barbaachisu qabeenya osoo hin taane Iimaana qabaatuudha, Rabbiin Nutis warra arjoomurraa nu haa godhu!

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button