header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Nama Osoo Lubbuun Jiru Dogongoraan Awwaalame

Tana Quba Qabduu?

Ilmi namaa zalaalam jiraachuuf hin uumamne. Haga murtaawaa isaaf kennametu jira. Yeroo isaaf kenname kana yoo raawwate gara ganda irraa hafuun hin danda’amnee imala. Duuti jalqabaa wal ajjeesuudhaan jalqabame. Obboleessatu obboleessa ajjeese. Haa ta’u malee eega ajjeeseen booda waan godhu wallaalee baadhatee lafaan maraa ture. Boodarratti harraagessa du’aa isaa awwalatu argee reefka baadhatee deemaanii ture awwaale. Haga arraatis bakka heddutti reefka awwaaluun aadaa taatee itti fufte. Namni eega du’een booda awwaalamuun waanuma jiraati. Garuu namoonni dogongoraan osoo hin du’in awwalaman hoo akka jiran quba qabduu? Barruu tanaan dhimma ajaa’ibaa kana isinii dhiheessina.

 

Rosangela Almeida Dos Santos

Lammii Biraazil tan taate Rosangela Almeida Dos Santos Hospitaalatti osoo wal’aansarra jirtu duute. Kana booda akka aadaa fi amantii biyyaatti seerri barbaachisu hundi godhamee awwaalamte. Haa ta’u malee namoonni hedduun naannawa qabrii saniitti sagalee dhagahuu isaanii himan. Ta’us sagalee ijoollee taphattuuti jedhanii bira dabraa turan. Akka gaazexaan indipeendant gabaasetti iyyi wal fakkaataan kun irra deddeebi’amnaan namoonni naannoo sanii awwaala san adda baafatuun maatiitti himan. Maatiinis qabrii san qotuudhaan sanduuqa reefkaa baasanii turan. Haa ta’u malee waan arganitti heddu rifatuu fi gadduu isaanii himan. Sanduuqni keessi isaa heddu ququrxameera. Akkasumas qubaan kotootameera. Mismaarri sanduuqni ittiin cufames bakkaa socho’uu isaa dubbatan.

 

Akka gabaasni kun himutti intalti tun gaggabdee of wallaallaan doktoroonni ni duute jedhanii dubbatan. Eega awwaalamtee booda gaggabarraa dammayxee sanduuqa harkaan tumaa iyyuu eegalte. Hanga humna isiitiin sanduuqa ofirraa cabsuuf milaan dhiitaa turte. Qeensaanis ciccirtee humna dhabdee ukkamamtee duute. Namoonni olla qabrii jiraatan sagalee iyyaa irra deddeebi’anii dhageenyaan maatii intalaatti himan. Maatiinis Guyyaa 11 booda qabrii qotanii yoo lalan reefki oowwaa ta’uu isaa himan. Maatiin intalaa hospotaalicha himateera. Hospitaalichi ammoo ragaa quubsaa qaba nin dhiheessa jedhee poolisiif waadaa seene. Poolisiinis qorannoo geggeessaa ture. Haa ta’u malee wanti ifatti himame hin jiru.

 

Anjeeloo Heeys

Bara 1937tti dargaggeessa amata 19 kan ta’e Anjeeloo Heeys; osoo motor saaykila oofaa deemu mataan dhagatti bu’e of wallaale. Onneen isaatis dhahannaa dhaabdeerti. Kana booda dargaggeessa kana sanduuqa keessa kaayan. Guyyaa 3 boodas dargaggeessi kun ni awwaalame. Haa ta’u malee poolisiin dhimma dargaggeessaa kana irratti waan shakkisiisaa tokko arge. Sunis; abbaan Heeys Ilma isaa kanaaf inshuraansii Firnaakii 200,000 seenee ture. Inshuraansii kana ammoo ofii isaatii fudhata. Sababa kanaaf abbaan waan shakkameef poolisiin reefka boollaa baasuun qoratuun dirqama itti ta’e.

 

Poolisiin waan argeen hedduu rifate. Reefki dargaggeessa kanaa guyyaa 2 booda yoo baafamus oowwaadha. Kana booda qaamni isaa koomaa keessa seenuun isaa mirkanaaye. Itti aansuun hordoffiin wal’aansa garagaraa godhameefii dargaggeessii guyyaa lamaaf awwaalamee ture jiraachuu jalqabe. Heeys eega rakkoo tana dhandhameen booda, sanduuqa reefkaa ammayyaawaa, kan akka isaa namni lubbuun jiru dogongoraan yoo keessatti awwaalame itti fayyadamuu danda’u hojjate. Sanduuqni reefkaa ammayyaan kun bakka soorata itti bilcheeffatan, soorata itti kuusanii fi Teeppii muuziqaa ittiin dhageeffatan of keessaa qaba. Heeys san booda waggoota 47 jiraatee du’e.

 

Octavia Smith Hatcher

Dubartiin Octaaviyaa jedhamtu bara 1889tti nama James jedhamutti heerumte. Lameen waggaa itti aanu daa’ima Jaakob jedhamu argatan. Haa ta’u malee daa’imni sun osoo hedduus hin turin jalaa du’e. Oktaaviyaan daa’ima dhabuu isiitiin cinqaa hamaa keessa seente. Dhibeen itti hammaatee siree irratti hafte. Yeroo muraasa booda Oktaaviyaan gaggabdee waan koomaa fakkaatu keessa seente. Itti lallabanis nama jalaa dhagahuu didde. Haala Kanaan osoo jirtu duuteerti jedhamtee eega ilmi isii du’ee ji’a afur booda awwaalamte.

 

Yeroon sun yeroo oowwaa waan tureef akka reefki hin ajoofneef saffisaan awwaalan. Haa ta’u malee guyyaa muraasa booda namoonni hedduun gaggabaa lafa dhahuu jalqaban. Guyyoota muraasaafis koomaa keessa seenaa dammaqaa turan. Rakkinni kun rakkina dhibee ilbiisa tsetse fly jedhamuun kan uumame akka ta’e beekkame. Kana booda dubbii kana kan dhagahe Jaarsi Oktaaviyaa bakka awwaalamtee baasudhaaf boolla qote. Haa ta’u malee Jams jaartii isaa dhaqqabuu hin dandeenye. Wayta sanduuqa awwaalaa banu, oktaaviyaan dammaqxee sanduuqa cicciraa akka turte himama. Qaamni isii haalaan oowwaa ture. Mallattoon sanduuqa kotootamee kan mul’ate yoo ta’u, qeensi isiitiis sababa Kanaan caccabee akka jiru beeke. Jeems jaartii isaa guyyaa muraasa booda deebisee awwaale.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

5 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button