header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Bineensa Osoo Walqunnamtii Wal Hormaataa Raawwatu Du’u

Awustraaliyaa keessa bineensota Marsupial jedhamuun beekaman hedduutu jiru. Bineensonni kunniin laphee isaaniirraa korojoo ilmoolee keessatti guddisan qabaachuudhaan beekkamu. Sanyiiwwan kanniin keessaa inni Antechinus jedhamu garuu amala addaa ittiin beekkamu kan biraa qaba. Bineensi kun hantuuta kan fakkaatu yoo tahu, Kormaan uumama kanaa wal hormaataatiif qophii taanaan; dhaltuuwwan arge hunda waliin wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu jalqaba. dhaltuu naannawa isaatti arge hunda hin dhiisu. akka bineensota biroo fedhinnaa geeffatee boqonnaa hin fudhatu.

 

Gabaabumatti kormaan tokko dhaltuu takkarraa osoo gara biraa cehu, osoo addaan hin kutin saa’aa 14f wal qunnamtii wal hormaataa raawwata. Boodarra Sanyii kormaa keessaa dhumatee, dhiigni irraa dhangala’uu jalqaba. Rifeensi isaatis irraa harca’ee kal’oo ykn gogaa qullatti hafa. yeroo kanatti sirni ittisa dhibee qaama isaatis dadhabee humna dhaba.

 

Kormaaleen antechinus hundi guddatanii wal hormaataaf geenyaan yeroon du’a isaaniitis gahee jira jechuudha. Kormaan eega dhukkubsatee dadhabee du’uu gahee boodas wal qunnamtii wal hormaataa godhuuf gamanaa gamas fiiga. Yeroo kanatti qaamni isaa dadhabus, fedhiin isaa kan xumuraatis wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudha. sirni ittisa dhibee qaama isaatis waan hedduu dadhabeef, baakteeriyaaleen naannawa isaa jiran hundi haala salphaan gara qaama isaa seenanii dhukkuba itti tahan. qaamni isaa dhukkuba hedduun qabamee laaffatus, ammas fedhinnaan isaa wal qunnamtii saalaa raawwatuudha. garuu humna hin qabu. osooma haala kanaan oliif gad raatawu gaggabee lafa dhahee du’aan addunyaarraa gala.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button