header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Fire fox

Namoonni intarneeta fayyadamnu browser intarneetaa Fire fox jedhamu akka gaaritti beekna. Fire fox jechuun maal jechuudha? Fire fox jechuun maqaa bineensaati. Bineensi kun Red Paandaa jedhama. Uumamni kun guddinni qaama isaa adurree mana keessaa qabnuun wal qixa. Eddoon jireenya isaa ammoo naannoo hoo’aa garreen bosona Himaaliyaati. Bineensi kun maqaalee biroo heddu qaba. Kanniin keessaa, Lesser Panda, Red cat Bear, fi Fire Fox jedhamees ni beekama. Uumamni kun hedduminaan baala soorata. Kanaaf jecha manca’iinsi bosonaa naannoo isaatitti mudataa jiru jireenya isaa irratti rakkoo fidaa jira. Kanarraa ka’uudhaan akka sadarkaa addunyaatti bineensota badaa jiran keessatti galmaa’ee jra. Saayintistoonni uumama kana akkaatuma qaama isaa irraa ka’aniiti, garee paandaa keessatti ramadan. Qorannooon dhiheenna godhame garuu, bineensi kun Paandaa irra warra garee Biir jedhamuun walitti dhiheenya akka qabu dubbatan. Haa ta’u malee maqaan isaa kan Red Paandaa jedhu akkasumatti akka itti fufu murteessan.

 

 

 

 

 

Red Paandaan rifeensa tucha’aa ta’e qaba. Halluun rifeensa isaatis hedduminaan diimaa yoo ta’u, gurri, boqoon, naannoo afaan isaatii fi ija gubbaa garuu halluu adii qaba. Muka irra koruuf ammoo cifaa ykn ammoo qeensa dadacha’aa ta’e badhaafamee jira. Naannoon lukaa fi garaa isaa jalaa ammoo rifeensa halluu magaalaa qaba. Sababa baay’ina diimina kanaatiif Red Paandaa jedhamee waamame. Red Paandaan kopha jiraata. Dhiiraa fi dhalaanis yeroo wal hormaataa qofa walitti dhufu. Yeroo dheeraa muka irratti kan dabarsu yoo ta’u, soorata isaatis mukuma irraa argata. Yeroo lafti galgalooftu  ammoo muka irraa bu’ee dachii irras ni sosocho’a.

Rimeeyni Red Paandaa ji’a afuriif tura. Haatis ilmoolee dhaluu isiitiin dura muka gudddaa isaa uruudhaan goojjoo ijaarti. Paandaan takka yeroo takkaan ilmoolee tokko hanga shanii dhalti. ilmooleen kunniin yoo dhalatan hundi isaaniituu ijaan dunuunfatanii dhalatu. Torbaan lama booda ammoo ija ofii banatuu jalqabu. Garuu yeroo kanattis guutumaan guututti ija hin banatan. Ija isaanii seeraan banatanii waa arguudhaaf ji’a tokko itti fudhata. Ilmooleen kunniini haga gaafa ji’a sadihi guutanitti ykn ammoo jabaatanii mukarraa mukatti sosocho’uu hanga danda’anitti goojjoo haati hojjatteef keessaa hin bahan. Hanga gaafa umrii dargaggummaa seenanittis baala muka leemmanii qofa sooratu. Ilmoolee Paandaa keessaa 80% kan ta’an akkuma dhalataniin ji’oota muraasa keessatti du’u. Gariin isaanii soorata gahaa dhabanii kan du’an yoo ta’u, gariin isaanii ammoo bineensota biraatiin nyaatamanii du’u.

 

 

 

 

 

 

Red Paandaan jireenyaaf naannawa ol ka’aa irra waan qubatuuf, diina hedduus hin qabu. Diinni isaanii hamaan Leopard yoo ta’u, allaattiin gurguddoon ammoo ilmoolee Red Paandaa goojjoo keessaa guuraa sooratu. bineensota kanneen caalatti garuu kan isaan miidhaa jiru ilma namaati. Ilmi namaa eddoma hundatti bosona ciraa waan jiruuf qubsuma jireenyaa isaan dhabsiisutti jira. Red Paandaan baay’inaan baala leemmanii sooratuudhaan jiraata. Ilmi namaa ammoo muka leemmanii dhimma garagaraatiif barbaada. Haala Kanaan Paandaan eddo jiraatu dhabutti jira. Gama biraatiin Red Paandaan soorata gahaa yoo argate malee walhormaataa geggeessuu hin danda’u. Bosonni inni keessa jiraatu manca’aa waan jiruuf wal hormaatni isaatis gad bu’utti jiru. Haala kanaaf rakkoo biraatiin walitti dabalamee Red Paandaa bineensota dachiirraa dhabamuuf deeman keeysatti galmaawee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button