Hoggantoonni Ol’aanoon Majlisa Itoophiyaa Ministira Dhimmoota Islaamummaa Sa’uudii Waliin Mari’atan

Jilli hoggantoota ol’aanoo prezdaantii majlisa Ityoophiyaa Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaatiin durfamu, daaw’annaa hojiitiif gara Sa’udii kan imale yoo tahu, ministirri dhimmoota Islaamummaa Sa’uudii Sheikh Doktor Abdullaxiif Bin Abdulaziiz Al Sheikh waajjira isaanii magaalaa Jiddaa keessatti simachuun mari’atanii jiran.
Jilli hoggantoota ol’aanoo majliisa Ityoophiyaa Projektoota hojjachuuf karoorfate ilaalchisuun ibsa kan godhe akka taheefi, hoggantoota ministeera dhimmoota islaamummaa Sa’uudii waliin bal’inaan kan irratti mari’atan tahuun beekameera. Marii kana irratti itti aanaan ministira dhimmoota Islaamummaa Dr. Awaad Bin Sa’abtii al Anzii fi dura bu’aan Koree dhimoota Istraatejii Dr. Ahmad Al Farsii hirmaatanii jiran.
Gama Ityoophiyaatiin ammoo Prezdaantii Majlisaa dabalatee, Itti aanaa Prezdaantii Majlisaa Sheikh Abdul Kariim Sheikh Badraddiin, Barreessaa Majlisaa Sheikh Hamiid Muusaa, Gorsaa Prezdaantii Majliisa Ityoophiyaa Ustaaz Abubakar Ahmad, Sheikh Idriis Alii, Dr. Jamaal Muhammad, hogganaa qonsilaa Ityoophiyaa kan magaalaa Jiddaa Abdulbaasix Khadiir dabalatee miseensonni mana marichaa heddu marii kanarratti hirmaatanii jiran.
Kabajamoon Ministirri dhimmoota Islaamummaa Sa’uudii jila Majlisa Ityoophiyaatiif simannaa hoo’aa kan godhan tahuunis beekamee jira. Sheikh Doktor Abdullaxiif hariiroon biyyoota lamaanii kan zamana dheeraa qabu tahuu ibsanii, dhaabbata muslimoota Ityoophiyaa waliin walitti dhihaatanii hojjachuun barbaachisaadha jechuu isaanii odeeyfannoon ni mullisa. Dabalataanis mootummaan Sa’uudii Muslimoota guutuu addunyaa keessa jiran kan gargaaru akka tahe ibsuun, dhimmoota amantii irrattis gama Majliisa Ityoophiyaatiin gargaarsa godhuuf hariiroon uumamee jira jedhan.
Prezdaantii majlisa Ityoophiyaa Sheikh Hajjii Ibraahim gama isaaniitiin, Sa’uudii muslimoota addunyaa guutuudhaaf irkoo tahuu ibsuun, yeroo bal’ootii fi rakkoo keessattillee gargaarsa godhuun adda duree tahuu isii himan. Dabalataanis gargaarsa bal’aa hujjaajotaa gootuufi jilli hoggantoota Majliisa gara Sa’uudii akka dhufu affeerraa godhameefis galateeffatanii jiran.
Jilli hoggantoota majlisaa kun Umraa godhuuf gara Makka akka imaleefi mana hujjaajotaa Ityoophiyaa Abbaa Jifaaris kan daaw’ate tahuun beekameera. Manni qubsuma hujjaajotaa kun tajaajila kennu fooyyessuudhaafis qaama dhimmi ilaallatu waliin kan mari’ate tahuu odeeyfannoon ni mullisa.
0905107636
0905107636
masha Allah allahu Akbar