header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Waraanni Isra’eel Isniina har’aa Falasxiinota 40 ol ajjeese

Waraanni isra’eel isniina har’aa Falasxiinota daangaa gaazaa irratti mormii geggeessaa jiraan irratti dhukaasuun yoo xiqqaate namoota 40 ol kan ajjeessan tahuu Royters gabaase. Lakkoofsi namoota madaayanii ammo 1500 ol akka gahe miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru. Isniina har’aa Ameerikaan imbaasii isii Telaviiv irraa gara Alqudsitti jijjiiruuf qophaayaa jirti. Falasxiinonni ammoo mormii torbaan jahaaf geggeessa jiran itti fufuun daangaa Gaazaatii fi guutuu Falasxiin keessatti karoora Ameerikaa kana balaaleffataa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button