header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Fatwaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Yaa’ii Idilee Isaa Gaggeesse

Koreen Fatwaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa, yaa’iiiIdilee isaa hardha Gurraandhala 09/2023 kan geggeesse yoo tahu, bikka Mufti Sheikh Aadam Tulaa, Dr. Kamaal H/Galatuu dura taa’aa koree Fatwaa godhuun muudee jira. Dr. Kamaal H/Galatuu itti aanaa Koree Fatwaa tahuun tajaajilaa turan.

Dabalataanis, muudamni ulamoota birootis kennamee jira. Haaluma kanaan:

Sheikh Ahmad Usmaan ( Sheikh Ahmad Watar ) Itti Aanaa Dura Taa’aa Koree Fatwaa

Haaji Yuusuf Aadam ( Ciroo ) Itti Aanaa 2ffaa

Dr Jibriil Qamar  Barreessaa Ol’aanaa Koree Fatwaa

Sheikh Hamzaa Muhammadnuur Miseensa koree Fatwaa

Sheikh Muhammad Abdulqaadir ( Abu Maalik ) Miseensa koree Fatwaa ta’uun filatamanii jiru

Dhumarrattis hirmaattonni yaa’ichaa, koreen haarayatti hundaaye saffisaan hojitti seenee, gaaffii fi tajaajila hawaasa muslimaa hunda karaa qindoomina qabuun akka raawwatu kallattii kaa’auun yaa’icha milkiidhaan goolabanii jiru.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button