header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Diiggaa Masjiidotaa Hatattamaan Akka Dhaabsisu Waammichi Dhihaate

Walgahiin ariifachiisaan Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa yaame ibsa ejjannoo qabxii 11 qabu baasuun xumuramee jira.

Walgahii ariifachiisaa hardha caamsaa 19/2015 magaalaa Finfinnee tti geggeeffame kanarratti miseensonni gumii waliigalaa mana marichaa, miseensonni mana marii ulamootaa fi miseensonni manneen marii dhimmoota islamummaa naannolee irratti hirmaatanii jiran. Walgahii kanaan haala yeroo irratti mariin bal’aan eega godhamee booda, hirmaattonni walgahicha ibsa ejjannoo qabxiilee 11 qabu baasanii jiru.

Haaluma kanaan:

  1. Adeemsa diiggaa masjiida magaalaa Shaggaritti taasifamaa jiru ilaalchisee guyyaa kaleessaa muslimoota magaalaa Finfinnee naannawaa masjiida Anwaariifi Nuuritti diiggaa masjiida kana balaaleeffatan irratti haleellaa raawwatameen, muslimoota qulqulluu lubbuun darbaniif Allahaan shahiidummaan (wareegamummaadhaan) akka isaan simatu, maatii, firaafi aantee isaaniitiif Rabbi jajjabina akka kennu gaafanna. Kanneen miidhaan irra ga’es Rabbi akka dafee fayyisu kadhanna.

 

  1. Gareen walabaa taatee kaleessa magaalaa Finfinnee masjiida Anwaariifi Nuuritti mudate, akkamiin akka mudateefi sababa ka’umsa du’aafi miidhaa dhaqqabee, bakka mootummaafi manni marii islaamummaa jirutti qoratu akka iijaaramu gaafanna.

 

  1. Naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti diiggaan masjiidaa jumlaadhaan bifa Islaamaafi muslimoota tuffateen gaggeeffamaa jiru ariitiin akka dhaabbatu, akkasumas bakka masjiidota diigamanii mootummaan naannichaa lafa biroo kennuun ariitiin dafanii akka ijaaraman gochuun, hawaasa Muslimaas dhiifama gaafachuun akka kiisu hubachiifna.

 

  1. Mootummaan naannoo Oromiyaattis ta’e naannolee biroo biyya keennaatti bakkoota amantiitiif kabajniifi eegumsi malu akka kennamu ykn godhamu, akkasumas masjiidota kaartaa dhowwachuufi itti yaadamee rakkoolee birokraasii baay’isuun kanneen hawaasa hiraarsaniif mootummaan xiyyeeffannaa malu kennuun rakkina kana akka furu ni hubachiifna.

 

  1. Bilisummaa amantaa heera mootummaatiin beekamtiin kennameef faallessuun, kutaalee biyyattii garaa garaatti keessumaa godina Guraagee Gunchireetti gochi barattoota muslimaa addatti barnoota irraa hari’uu hatattamaan fala akka argatu. Rakkoowwan walfakkaatan bu’uura irraa furuuf, mootummaan rakkoowwan jibbiinsaa islaamaatiin muslimoota irra ga’u akka seeraan haambisuufi qaamolee sarbama mirga amantaa raawwatan seerri adabu akka tumamu gaafanna.

 

  1. Ummanni muslimaa dhaabbata bakka isa bu’u mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa cinaa dhaabbachuun, tattaaffiin mirgoota amantii kabachiisuuf taasifamu karaa seera qabeessaafi nagaa ta’een qofa akka ta’u waamicha goona.

 

  1. Kabaja amantaa, keessumattuu ammoo mana Rabbii kan ta’e masjiida salphisuun waan baay’ee keessa namaa hubuufi inumaa miira keessa nama galchu ta’uu qaamoleen nageenyaa hubachuun hawaasatti dhukaasuu irraa akka of qusatan hubachiifna.

 

  1. Hawaasni Muslimaa gaaffii mirgaa isaa kabachiifachuuf dhaabbata isaa majlisa cinaa dhaabbachuun qabsoo seera qabeessa gaggeessu, shira qaamolee dhimma isaaniitiif akka madda babal’ina rakkootti itti fayyadamanii irra akka of eeggatu waamicha taasifna.

 

  1. Gaaffii mirgaa hawaasa muslimaa kan kabachiifnu tokkummaafi waldhaga’uun waan ta’eef, hawaasni muslimaa milkaa’ina adeemsa kanaatif masjlisa sadarkaa sadarkaan jiran waliin akka dhaabbatu waamicha goona.

 

  1. Mootummaan qaamolee jibba Islaamaa qabaniifi caasalee mootummaa garaa garaa keessa jiran calaluun, qaamolee mootummaafi ummata walitti busuufi biyya keenna gaaga’ama badaa keessa galchuuf hojjataa jiran sakatta’ee ejjannoo fudhachuun, caaseffama isaa akka qulqulleessu waamicha goona.

 

  1. Adeemsa marii biyya keenyaa keessatti hawaasa muslimaa baay’inaan hirmaachisuun rakkoowwan, gaaffiiwwaniifi ajandaalee hawaasa muslimaa barootaaf harkifamaa dhufan kaasuun, biyya lammiilee Itiyoophiyaa hunda walqixxummaafi haqqummaan keessummessitu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti, gahee keenya akka ba’annuuf waamicha goona jedhanii jiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button