header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gazzaatti Lammiileen 195 ajjeefamanii, 120 dhabamaniiran

Oolmaa Falasxiin November 2, 2023

Haleellaan xayyaaraa fi Misaa’elaan Gazzaa irratti waraanni Israa’el geggeessu hammaatee itti fufeera. Duulli lafoodhaan geggeeffamaa jirus jabaateera. Lammiileen nagayaa lubbuun isaanii galaafatamaa jirus bifuma saniin ol ka’aa jira. Haleellaa waraanni Israa’el buufata baqattoota Jabaliyaa irratti raawwateen lammiileen nagayaa 195 ajjeefamanii jiran. Kanneen 120 ta’an ammoo dhabamanii jiran. Kanaafuu lakkoofsi namoota ajjeefamanii dabaluu akka danda’u himameera.

Hospitaalli Gazzaa keessatti dhibeewwan Kaansarii yaaluudhaan tajaajila kennaa jiru sababa hanqina boba’aatiin cufamee jira. Hospitaalli Kaansarii yaaluu danda’u tokkicha kana qofa ture. Sunis boba’aan waan irraa citeef sababa elektirikaatiin dalagaa addaan kutuudhaaf dirqamee jira. Hospitaalli Indoneezhiyaatis kan ammaan tana tajaajila kennaa jiru, guyyoota muraasa booda akka hojii dhaabuudhaaf jiru himameera. Waraanni Israa’el Gazzaa irraa ibsaa kutee, gaaznis akka hin seenne uggura kaayee jira.

Wal waraansa lafoodhaan waraana Israa’el fi loltoota Gazzaa jiddutti godhamaa jiruun loltootnni Israa’el 17 ajjeefamuu isaanii mootummaan himeera. Hamaas gama isaatiin makiinaalee waraanaa Israa’el hedduu barbadeessuu dubbate. Gama kaabaatiin wal waraansi Hizbullaah fi waraana israa’el jiddutti godhamus cimee itti fufeera. Gareen Huusii, kan Yaman bulchaa jirus, misaa’elaa fi diroonii garagaraa gara Israa’el darbataa jiraachuusaa ibseera. Waraanni Israa’el haleellaa Gazzaa irratti taasisaa jirtu kun gara biyyoota Ollaatis tarkaanfatuu mala sodaa jedhutu jira.

Lammiileen biyyoota garagaraa kan Gazzaa keessa jiran karaa Raafaatiin baafamaa jiru. Akkaataa walii galtee irra gayameen Masri hulaa Raafaa lammiilee biyya alaatii fi miidhamtootaaf banuuf waadaa seentee jirti. Kanuma bu’uura godhachuun guyyaa kaleessaa lammiileen biyyoota biroo hedduun akka bahan taasifameera. Haalli kun kamisa harraatis itti fufa jedhamee eeggama.

Waraanni Israa’el haleellaan Hospitaalota cinatti raawwatu hammaatee jira. Hospitaalota hedduu keessa lammiileen nagayaa daheeffatanii jiran. Dubartootaa fi ijoolleen hedduun Hospitaala keessa jiraataa jiran. Waraanni Israa’el hospitaalota irratti xiyyeeffatuun isaa namoota hedduudhaaf gaafii ta’eera. Haleellaa haga ammaa raaawwatameenis lammiileen Gazzaa 8,805 ol ajjeefamanii jiran.

October 7 irraa kaasee haleellaa raawwatamaa jirun waraanni Israa’el saa’aa tokko tokkoon boombii 42 roobsaa jira. Guyyaa tokkotti boombii 1,008tu darbatamaa oolee bula. Akkasumas saa’aa tokko keessatti namoonni 15 kan ajjeefaman yoo ta’u, san keessaa 6 ijoollee xixiqqoodha. Akkasumas namoonni 35 saa’aa tokko tokkoon madaayuu irratti argaman.

2 Comments

  1. As wr wb
    hedduu galatoomaa dhimaatii ijoollee Fi Dubartoota gazzaa jumlaan dhumaniif yeroo addunyaan gurra qabattee kantti dubbachuu keessaaniif

Comment

Back to top button