header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dr Zaakir Naayik Falasxiin gargaaruuf waadaa seene

Doktor Zaakir qarqaarsa mallaqa godhuuf waadaa seene

Daa’iin beekkamaan Islaamaa Doktor Zaakir Naayik ummata Falasxiin mallaqaan gargaaruudhaaf waadaa seenee jira. Doktor Zaakir Naayik diina Islaamummaa dura dhaabbatee, gaafilee adawwiin Islaamaa gaafataniif deebisaa kennuudhaan beekama. Akkasumas namoota haqa barbaadaniif deebii quubsaa kennuudhaan kara karaa sirrii akka dhufaniif sababaa ta’ee jira. Haa ta’u malee dalagaa isaa kana hedduun namaa jibbee ija diimtuudhaan laaluurratti argama. Kanuma bu’uura godhachuun mootummaan finxaaleeyyii Hinduutiin bulu, Mootummaan Indiyaa Doktor Zaakir Naayik irratti himannaa banee, dhaabbata Isaa IRF akka cufamu taasise. Doktor Zaakiris biyya isaa gad lakkisee baqatuudhaaf dirqame. Ammaan tana Biyya Maaleeyzhiyaa keessa jiraataa jira.

Bara 2019 erga gara Maaleeyzhiyaa deemeen booda daa’waa isaa ittuma fufee islaamummaa barsiisuu isaa cimse. Asittis diinonni tokko tokko isa dura dhaabbachuudhaaf yaalii taasisuun isaanii hin hafne. Baruma kanatti yeroo sanitti itti aanaa ministeera Penaang kan ta’e namni Raamaasaamii jedhamu doktor zaakir Naayik irratti himannaa banee ture. Himannaa kanas shoorarkeessummaadhaan wal qabsiisuudhaaf yaalii taasise. Haa ta’u malee abukaatoonni fi Doktor Zaakir Naayik nama kana dura dhabbatanii yeroo dheeraadhaaf mormii taasisanii, mana murtiitti wal dhaaban. Namichi himates ragaa takkallee doktor Zaakir Naayik irratti dhiheeysuu hin dandeenye. Kana booda gareen Doktor Zaakir Naayik namicha kanarratti himannaa maqa balleessii banan.

Manni mutii Ol aanaa Maaleeyzhiyaatis himannaa Doktor Zaakir Naayik erga ilaaleen booda ministeerichi duraanii maqaa waan balleesseef beenyaa mallaqa biyyattii miiliyana 1.52 ykn ammoo Dolaara 320,000 akka doktor Zaakir Naayikiif kafalu ajaja dabarse. Manni murtichaa baasii doktor Zaakir Naayik baases namichi akka kafalu irratti mure. Dabalataanis namichi Raamaasaamii jedhamu ifatti ummata duratti akka Doktor Zaakir Naayik dhiifama gaafatu ajaje. Bakka buutonni Raamaasaamii garuu dhiifama gaafachuun hin barbaachisu jechuun mana Murtiitti ol iyyatanii jiran.

Doktor Zaakir Naayik, erga isaaf murteeffameen booda “Manni murtii ol aanaa Maaleeyzhiyaa ministeerri duraanii maqa balleessiidhaaf mallaqa miiliyana 1.52 akka naaf kafalu murteessuu isaatiif hedduu galatoomfadha. Mallaqa guutuu miiliyana RM 1.52 (doolaaraa 320,000) warra Falasxiiniitiif arjoomuu barbaada. Rabbi kennaa tiyya tana akka narraa qeebalu kadhadha. Dachii qulqulluu Islaamaa 3ffaa, masjiidal Aqsaa ittisuudhaan ummata muslimaa bakka bu’anii Falasxiinonni dirqama hawaasaa bahuurratti argaman. Rabbi qabsaawota Falasxiiniitiif jajjabinaa fi injifannoo akka isaaniif kennu kadhadha. Obboleewwan keenya kan Falasxiin gidiraa keessa jiran irraa haa kaasu, cunqursitoota irratti isaan haa jabeessu, shahiidota isaaniitis jannata keessatti sadarkaa ol aanaa isaan haa badhaasu. Aamiin” jechuun yaada isaa ibsate.

Doktor Zaakir Naayik ammaan tana Ilma isaa Sheikh Faariq Naayik wajji ta’uudhaan biyyoota afriikaa gama dhihaa jiran keessatti daaw’aa garagaraa taasisuurratti argama.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button