header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Turkiyaan Misaa’ela kiloomeetra 200 ol furguuggeffamu yaalte

Turkiyaan Misaa’ela Kruuz ogeeyyota biyya isiitiin hojjatte kana “Atmaka”jechuun kan moggaaste yoo tahu, har’a galaana irratti yaaliin raawwatte guututti kan milkaahe tahuu beeksiste. Misaa’elli kun haleellaa humni diinaa Markabaan raawwatu fageenya Kilomeetra 200 irratti fashaleessuu kan danda’u tahuu ibsame. Dabalataanis ilaamaa barbaahisu rukutuuf teeknolojii hammayyaa kan qabu tahuunis beekmee jira.

Turkiyaan kanaan duras Helikoptara waraanaa, Taankii, Markabootaa fi Makiinota waraanaa biyya keessatti kan hojjatte yoo tahu, Misaa’ela teeknolojii hammayyaa qabu kana hojjachuun isiii ammoo industriin ittisa biyyattii saffisaan guddataa kan dhufe tahuu akka mul’isu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button