header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Israa’el Falasxiinota qoqqooduuf waan heddu carraaqxe garuu hin dandeenye

Falasxiinonni bakka afuritti qoodamaniiran

Israa’el waggoota dheeraaf Falasxiinota qoqqooduudhaan bulchuuf carraaqqiin goote hin milkoofne. Inumaa waraana sanyii fixiinsaa amma Gazzaa irratti taasisaa jirtuun Falasxiinota tokkoomsaa jirti. Gaafa Ocotber 7 irraa kaasee Israa’el fi michuuwwan isii warri dhihaa “waraana Israa’el-Hamaas” jechaa waamaa jiran. Namni biraatis yaada isaanii kana akka fudhatu barbaadan. Haa ta’u malee Israa’el ji’oota lamaa oliif Falasxiinota osoo adda hin fooyin ajjeesaa jirti. Manni baruumsaa, Yunivarsiitiiwwan, Bakki daabboon itti tolfamu, Hospitaalonni, dhaabbilee UN fi kaampiileen baqattootaa walitti qabamanii haleelamaniiru.

Mootummaan Israa’el irra deddeebiidhaan lubbuu namoota nagayaa galaafatamaa jiruuf Hamaastu itti gaafatama jedhanii dubbatanis, aangoowwan israa’el hedduun garuu Gazzaan guutumatti akka haxaawamtu, Falasxiinonni guutumatti akka Gazzaa gad lakkisanii bahan miidiyaa irratti bahaa haasawu. Akkasumas mootummaan Israa’el akka Falasxiinonni hiriira hin taasisnee fi Hamaasiif deeggarsa hin goone carraaqanis hin dandeenye.

Akka walii galaatti Israa’el ummata Falasxiin qoqqooddee bituudhaaf yaalii hedduu godhaa jirti. Qoqqoodamiinsi kunis Falasxiinota jiddutti akka muftoo uumu kajeeltee jalqabde. Garuu hin dandeenye. Mootummaan Israa’el waggoota 50 oliif Falasxiinota kutaa garagaraatti qoqqoodee bulchaa jira. Falasxiinonni gama siyaas-diinagdeetiin akka hin tokkoomne barbaadama.

Dhiheenya kana aangawoonni Israa’el Gazzaa fi West Bank qaamni tokko bulchuu danda’a yaadni jedhu kaanaan sodaatuu jalqabaniiran. Mootummaan Falasxiin kan West Bank bulchaa jiru Gazzaa bulchuuf fedhii agarsiisuu isaatiin hedduu rifatan. Sababni isaa Falasxiinota West Bank fi Gazzaa jidduu wal dhabdeen akka uumamu tolchaa turan.

Kanaaf ammoo jijjiirraa hidhamtootaa dhiheenya kana taasifamee laaluun barbaachisaadha. Hamaas hidhamtoota 240 ta’an kan Israa’el booji’ee eega fudhateen booda, hidhamtoota Falasxiin kan Gazzaa osoo hin taane kan West Baank keessaa hidhaman ittiin gad dhiisisiise. Kunis ummata Falasxiin jidduu garaagarummaan akka hin jirre agarsiisa. Ummanni Gazzaa rakkoo cimaa keessa jiraatus obboleewwan isaanii kan West Bank keessa bilisummaa isaanirra wayyaa taate keessa jiraatuuf cinqaman. Walumaa galatti Falasxiinota jidduu garaagarummaan hin jiru.

Akkaataa Qoqqoodamiinsaa Israa’el fayyadamtu

Israa’el ummata Falasxiin qoqqooduudhaaf seerota garagaraa tolchiteerti. Ummatas kutaa garaagraatti qooddee jirti. Isaanis:-

  • Israa’elota Arabaa
  • Falasxiinota magaalaa Al Quds Bahaa
  • Falasxiinota West Bank fi
  • Falasxiinota Gazzaati.

Israa’eloota Arabaa warri jedhaman, falasxiinota gaafa Israa’el hundeeffamturraa kaasee lafa Israa’eliif kennamerratti hafaniidha. Wayta falasxiinonni hedduun baqatan kan achumatti hafanii lammummaa argataniidha. Haala Kanaan Falasxiinonni miiliyana 2 ta’an kan lammummaa Israa’el qabanii fi Israa’elota Arabaa jedhamuun waamamntu jiru. Ummanni kun bara 1948 duraa fi boodallee daangaa Israa’el keessatti warra hafeedha.

Bara 2003 irraa kaasee Israa’eloota Arabaa fi Falasxiinota West Bank keessa jiranii jiddutti walitti dhufeenyi akka hin godhamne uggurri kaayameera. Namni lammummaa Israa’el qabu, Falasxiinota West bank fi Gazzaa keessa jiraatan waliin bultii ijaarachuu, Heerumuus ta’e fuudhuu, hin danda’u. Namni Passportii Israa’el qabu tokko Falasxiina West Bank keessa jiraatu waliin bultii ijaarachuu yoo barbaade, iyyannoo dhiheeffatee waggaa 5f eeguu qabaata. Waggaa shan booda carraan milkaayuu isaatuu xiqqaadha. Hedduun ni kuffifama. Carraa argatee kan waggaa shan keessatti jalaa hin kuffifamin ammas hayyama seeraa argatuudhaaf waggoota dabalataa eeguun dirqama isaati.

Warra Al Quds ykn “Jerusalemites” jedhamantu jira. Falasxiinota bara 1967 erga Israa’el magaalaa Al Quds qabatteen booda daangaa san keessatti hafan jechuudha. Akka seera mootummaa Israa’elitti namoonni kun jiraattota magaalaa Al Qudsiiti. Garuu lammii biyyattiitii miti. Fakkeenyaaf lammiileen biyya keenyaa hedduun biyyoota alaa fi ollaa keessa jiraatanitti jechuudha. Hayyama biyya san keessa jiraatuu ni qaban. Garuu lammii biyya saniitii miti.

Falasxiinonni magaalaa Al Quds gama bahaa kunniin kaardii cuquliisa jiraattota magaalaa sanii ta’uu isaanii garsiisu qaban. Gama israa’el akkasumas West Bank deemuu fi magaalaa sanitti deebi’uu yoo barbaadan kaardii Cuquliisa kana qabaatuun dirqama. Ummanni kun gara biyya biraa deemuu yoo barbaadan garuu Paaspoortii biyya Urdun fi waraqaa hayyama deemsaa mootummaa Israa’el irraa isaaniif kennamu qabaatuun dirqama. Waan Kanniiniin ala waraqaan biraa harkatti argamnaan mirgi magaalaa san keessa jiraachuu isaaniitis ni haqama.

Falasxiinonni Al Quds kunniin magaalaa san keessa malee magaalaa biraa keessatti waraqaa hayyamaatiin ala argamuun dhoorkaadha. Waraqaan biyyaa ittiin bahanii fi magaalota keessa ittiin deddeemanii ittiin turan kunis guyyaa dhumaa qaba. Guyyaa san bira dabarraan mirgi magaalaa san keessa jiraachuu isaanii irraa mulqama. Osoo West Bankitti deebi’anillee magaalaa Al Quds keessa jiraatuu hin danda’an. Gara magaalota Falasxiin kan biraa ykn ammoo kaampii baqattootaa imaluu qofa carraa qaban.

Falasxiinonni West Bank keessaa ammoo kaardii magariisa qaban. Kunis kan mootummaa Falasxiiniin isaanii kennamuudha. Ummanni kaardii kana qabu magaalaa Al Quds dabalatee gara magaalota Israa’el seenuudhaaf waraqaa fi hayyama addaa mootummaa israa’el irraa argatuun dirqama. Akkasumas gara Gazzaatis deemuun isaaniif dhoorkaadha. Hayyama addaa yeroo gabaabaaf sunuu wantoota dhoorkaa hedduu waliin isaaniif kennamuu danda’a. Jiraattonni West Bank biyyaa bahuu yoo barbaadan, jalqaba karaa riqicha Alanbii jedhamuu Urduun seenuu qaban. Sanis argachuuf mootummaan Israa’el hayyamuu qabaata.

Kan xumuraa ammoo ummata Gazzaa miiliyana 2.3 ta’u kan haala suukanneessaa keessa jiraatuudha. Bara 2007 irraa kaasee karri gamaa gamasii itti cufamee ukkamamanii jiraataa jiran. Ummanni kun kaardii addaa mootummaa Falasxiiniin kennamu qaban. Akkuma warra West Bank gara Israa’el fi gara biraa deemuu yoo barbaadan hayyama addaa mootummaa Israa’el irraa argatuu qabaatan. Ummanni Gazzaa gara biyya alaa deemuu yoo barbaadan hayyama mootummaa Masr argachuu qabaatan. Yoo carraa Masr seenuu argatan qofa gara biraa deemuudhaaf yaalii taasisan. Sunis amma karra cinqaa ta’eera. Jiraattonni Gazzaa guyyootaa fi torbaanota hedduu dursanii iyyatanii deebisaa mootummaa Masr eeggatan.

Gaa’elli jiraattoota Gazzaa fi West Bank jiddutti godhamus ulfaataadhaa. Seerri qajeelatti dhoorku hin jiru. Haa ta’u malee warri Gazzaatiif West Bank keessa jiraatuun waan dhoorkaa ta’eef, akkasumas warra West Bankiifis guyyaa muraasa caala Gazzaa keessa jiraatuun waan hin hayyamamneef gaa’elli ulfaataadha. Carraan jiru lachuu biyyaa bahuu qaba. Akka fakkeenyaatti dargaggeessi tokko mucayyoo Gazzaa takka jaalatee fuudhuu barbaade. Akka isiin gara West Bank dhuftu ykn ammoo akka inni gara Gazzaa deemee jiraatu akka isaaf hayyamamu gaafate. Garuu lachuu argachuu hin dandeenye.

Inni karaa Urduniin biyyaa bahee gara Masr imalee, Magaalaa Kaayiroo keessa jiraatuun dirqama itti ta’e. kaadhimaan isaatis yaalii heddu booda karaa Raafaahtiin Gazzaa baatee Kaayirotti bulti ijaarratan.

Qoqqoodamiinsa, Qoqqoodamiinsa keessaa

Jiraattota West Bank jidduu garaagarummaa hedduutu jira. Akka mootummaa Israa’elitti magaalotni akka Janiin fi Naablus eddoo finciltoonni hedduun irraa oomishaman waan ta’eef jiraattonni magaalaa kanniinii Falasxiinota kaawwan caala haalaan dararamu. Namoonni qabsoo keessa duraan hirmaataa turan bifa addaatiin ilaalamu. Maatiin isaaniitis addatti laallama.

Dabalataan warroota siyaasaa kan mootummaa keessa jiraniif kaardii “VIP”tu kennama. Namoonni kaardii kana qaban karaa addaatiin Israa’el keessa seenuu fi yoo barbaadan karaa dirree xayyaara Ben Guriyooniitiinis fayyadamuu ni danda’an. Akkasumas dureeyyota Invastimantii garagaraa irratti hirmaataniif ammoo kaardii “BMC” Business Man Cards jedhamu kennan. Kunniinis akkuma warra siyaasaa gama Israa’el seenuu fi bahuu mirga qaban.

Haala Kanaan qoqqoodamiinsi kun hundi jiraatus ummata Falasxiin jidduu garaagarummaan hin jiru. Hunduu biyya isaanii tan bilisoomte arguu barbaada. Inni maaf kaardii kana argate jedhee kan waanyu hin jiru. Dhiigni falasxiinota hundaatuu tokkumma. Israa’el durattis kun bifuma tokkoon dalaga. Ummata Gazzaa irra jirutti boombii roobsaa, West Baank keessatti ammoo rasaasaan haxaawaa jiran. Waggoota shantamaa oliif seera dalagaa irra oolchaa jiraatanis Falasxiinota garuu adda qooduu hin dandeenye.

 

 

 

2 Comments

Comment

Back to top button