header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa ibsi prezdaantiin naannoo Amaaraa kenne hawaasa muslimmaa qoqqooduuf kan yaadame jedhe

Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa, ibsi prezdaantiin naannoo Amaaraa haleellaa Masjiidota Mooxaa ilaalchisee kennne, ammas mootummaan naannichaa rakkoo muslimoota irra gahaa jiru furudhaaf fedhii kan hin qabaanne tahuu garsiisa jedhe.

Hogganaan Boordii Majliisa Federaalaa Obbo Kamaal Haaruun BBC’f akka himetti, “ibsi Prezdaantichi kenne jalqabuma irraa gaaffii hawaasa muslimaatiif deebisaa kennuuf yaadamee osoo hin taane, dhimma ayyaanaa Kiraastaanaatiif dhaamsa baga ittiin isin gahee dabarse irratti, waa’ee Masjiidota Mooxaatis miira narraa haabaatuutiin dubbate. Isumayyuu ibsa hawaasa muslimaa jiddutti qoqqoodimsa uumuuf yaadatame kennuun isaa Majlisicha dallansiisee jira”jedhe.

Obbo Kamaal akka jedhetti Majliisni qabxiilee ijoo shan irratti xalayaa prezdaantichaa kanaan dura barreesseef hanga ammaatti deebisaa kan hin argatin tahuu hime. Qabxiileen shanaan kunniin:

”Jalqaba komiin hawaasa Muslimaa kabajamee dhaggeeffatamuu qaba. Lamaffaarratti kan gaafatame masjiidonni barbadaa’an ijaaramanii bakka buufamuu qabu. Sadaffaan ammoo hawaasa muslimaa naannoo Amaaraa keessa jiru irraa dararaa fi doorsisnii irraa dhaabbachuu qaba. Afraffaan namoota miidhamaniif beenyaan kaffalamuu qaba. Dhumarrattis hawaasni Muslimaa wabii nageenyaa argachuu qaba”kan jedhu tahuu ibsame.

Haata’u malee Mootummaan naannichaa gaaffii gaafatame tuffatee bira dabrus, Manni Marichaa hojii hawaasa tasgabbeessuu hojjetaa kan ture tahuu beeksise. Obbo Kamaal Haaruun dhumarrattis, mootummaan tarkaanfii sirreeffamaa kan hin fudhanne yoo ta’e, Majliisni filannoo biraatti kan deemu tahuu ibsuun, haaluma kanaan Majliisni Federaalaa guyyaa har’aa ibsa kan baase tahuun beekamee jira.

Xalayaa Majlisaa 04

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button